Fuudha Samsoonii
1Gaafa tokko Samsoon gara qachaa Tiimna'aa dhaqee, achitti intala Filisxeemotaa takka dhagge.2Inni gara manaa deebi'ee abba'aa fi haadha ifiitiin, «Qachaa Tiimna'aatitti intala Filisxeemotaa takka dhaggeera, na fuusisa'a» jedhe.3Abba'aa fi haati isaa ammoo, «Ati worra Filisxeemotaa ka haqanqabaa hin qabannee keessaa niitii fuudhiisaaf ka dhaxxu, fira keeti keessa yookiin kolbaa teenna mara keessa durri hin jirtuu?» jedhanee gaafatane. Inni ammoo abbaa ifiitiin, «Isiin ilatti waan na tolteef na fuusisa'a» jedhe.4Yennaa san worri Israa'el bulchu worra Filisxeemotaa waan te'aneef, Mootiin Waan Maraa worra Filisxeemotaa irratti lola kaasuu waan barbaadeef tun akka teete, worri isaa hin beenne.5Tanaaf Samsoon abba'aa fi haadha ifii woliin gara qachaa Tiimna'aa gad bu'e; isaan addee woynii Tiimna'aa yennaa geyane, neenqi dardarri tokko dhangaa dhowaa dedhuma gara isaa dhufe.6Ayyaanni Mootii Waan Maraa hunna guddo'oon Samsoon irratti bu'ee, innille harka duwwa'aan, akka ilmee re'e'eetitti neenqa san gargar kukkute. Inni ammoo waan tolche san abba'aa fi haadha ifiititti hin hinne.7Achiin duuba dhaqee intala woliin dubbate; isiille jaalate.8Guyyoota diqqa'aan duuba Samsoon isii fuudhiisaaf deebi'ee adoo dhaquu, neenqa ijjeese san ilaaliisaaf itti gore; reeffa neenqaa keessatti kinniisi itti qubatee, dammille keessa jiruun dhagge;9inni damma san harkatti baafatee, nyaataa deeme. Inni gara abba'aa fi haadha ifii yennaa dhufe diqqaa isaa isaaniif kennee, isaanille nyaatane. Inni ammoo damma san reeffa neenqaa keessaa akka baase isaanitti hin hinne.10Abbaan isaa gara intala sanii dhaqee, akkuma aadaa waajibaaf godhanutti, Samsooniif achitti jila qopheesse.11Worri Filisxeemotaa yennaa isa dhaggane, akka isa woliin turanu bookarsitoota soddoma ergane.12Samsoon isaaniin, «Hiibboo takka isinitti hiibbifadha; hiibboo tana guyyoota jilaa torba kana keessatti yoo naa hintane, woyaa quncee talba'aa irraa hujante soddomaa fi woyaa adduu soddoma isiniif hin kenna.13Isin yoo naaf himuu dhaddane ammoo, woyaa quncee talba'aa irraa hujante soddomaa fi woyaa adduu soddoma naaf hin kennitan» jedhe. Isaanille, «Hiibbifadhu me, hin dhageenna» jedhane.14Innille«Ka nyaatu keessaa wonni nyaatanu,Jabaa keessalle'ee wonni mi'owu baye» jedhe.Isaan haga guyyaa sadii hiibboo san himuu hin dandeenne.15Guyyaa torbeesso'oo isaan haadha manaa Samsooniitiin, «Abbaa manaa keeti sossobadhuutii, hiibboo tana akka nuu himu godhi; yoo tana godhuu dhadde, si'ii fi mana abbaa keetii ibiddaan hin gunna; ada isin deega nutti buusiisaaf gara jilaa nu waantanee?» jedhane.16Tanaaf haati manaa ta Samsoonii bowaa gara isaa dhikaattee, «Ada ati na jibbita; ati dhugumaan na hin jaalattu; ati kolbaa tiyyatti hiibboo hiibbifattee, hiikkaa isi'ii ammoo natti hin hinne» jette. Innille, «Ilaa! Ani abbaa kiyyaa fi haadha tiyyattuu hin hinne; si'itti maaf hima ree?» jedhe.17Isiin guyyaa jilaa torba san mara bootte; isiin waan isa rakkitteef, guyyaa torbeesso'oo hiikkaa hiibbo'oo isi'itti hime; isiille kolbaa ifii worra Filisxeemotaatitti hinte.18Namooti qachaa keessaa, guyyaa torbeesso'oo, adoo aduun hin seenin Samsooniin,«Damma caalaa ka mi'owu,neenqa caala ka jabaatu maanti jira ree?» jedhane.Samsoonille deebisee,«Raada tiyyaan adoo qotuu dhaddanee jiraattane,hiikkaa hiibboo tiyyaa hin dhaggattanuuyyu» jedhe.19Achiin duuba Ayyaanni Mootii Waan Maraa hunna guddo'oon Samsoon irratti bu'ee, Samsoon gara Ashiqalonii gad dhaqee, namoota soddoma ijjeesee, woyaa isaanii irraa mulqee, worra hiibboo himeef kenne. Saniin duuba guddoo aaree gara mana abbaa ifii deebi'e;20haadha manaa isaalle bookarsitoota guyyaa fuudha isaa keessaa, jaala isaa heerumsiisane.