Kitaaba Abbootii Mura'aa1gax_twf

Sanyiin Yihuda'aatii Fi Shimi'oonii Mooticha Adonii-bezeq booji'ane

1Iyaasuun du'een duuba kolbaan Israa'elii, «Kana'aanota loliisaaf sanyii teenna keessaa eentu dursee duuluu qaba?» jettee Mootii Waan Maraa gaafatte.2Mootiin Waan Maraa deebisee, «Sanyiin Yihuda'aa dursitee duultuu ti. Ani lafa san dabarsee isaaniif hin kenna» jedhe.3Kolbaan Yihuda'aa kolbaa Shimi'oonii obboleeyyan ifiitiin, «Kana'aanota loliisaaf gara lafa nu'uuf kennantee, woliin deennuu ti. Achiin duuba nuutille gara lafa isiniif kennantee, isin woliin deenna» jedhane. Maarre sanyiin Shimi'ooniille isaan woliin deemane.4Kolbaan Yihuda'aa yennaa lolaaf baate, Mootiin Waan Maraa Kana'aanotaa fi Pheriizota harka isaaniititti dabarsee kenne; isaaniille qachaa Bezeqiititti namoota kuma kudhan ijjeesane.5Isaan achitti mootii Adonii-bezeq dhagganee isa lolanee, Kana'aanotaa fi Pheriizota worra hafane injifatane.6Adonii-bezeq isaan duraan baqate; isaan ammoo ari'anee isa qabanee, quba abguddichamiilaatii fi ka harka isaa murane.7Adonii-bezeqille, «Moototi torbaatam worri quba abguddoo miilaatii fi ka harkaa muramane, hambaa qorii tiyyaa jalaa qocataa nyaataniiyyu. Daba ani isaan irratti huje, adha Waaqi deebisee natti fide» jedhe. Kolbaan Yihuda'aa gara Yerusaalemii isa geessitee, inni achitti du'e.8Achiin duuba kolbaan Yihuda'aa qachaa Yerusaalemii loltee qabatte; namoota qachaa keessa jirulle shallaaga'aan fixxee, qachaa sanille ibiddaan gudde.9Kanaan duuba kolbaan Yihuda'aa, Kana'aanota worra biyya koobaa, goomolee kibba Negebiitii fi lafa kooba jalaa ta gara aduun seentuu loliisaaf dhaxxe.10Worri Yihuda'aa, Kana'aanota qachaa Kebroonii ka dur, «Kiriiyati-Arbaa» jedhamu keessa le'anu loliisaaf dhaqane; isaan sanyii Sheshaayii, Ahimaaniitii fi Talmaayii injifatane.

Otnii'el Qachaa Deebirii Injifate

11Kolbaan Yihuda'aa, worra qachaa Deebirii ka dur, «Kiriiyat-Sefe» jedhamu keessa le'u loliisaaf dhaqane.12Kaaleb, «Nama Kiriiyat-Sefer lolee qabatuuf, ani intala tiyya Aksaa hin heerumsiisa» jedhe.13Otnii'el ilmi Qenazii obboleessa maandhicha Kaalebii qachaa san qabate; tanaaf Kaaleb intala ifii Aksaa Otnii'el heerumsiise.14Aksaan Otnii'el heerumteen duuba, akka inni abbaa isi'ii irraa fichaa gaafatuuf itti hinte. Yennaa isiin harree ifii irraa baate, Kaaleb, «Ani maan akka si'iif godhu barbaadda?» jedhee gaafate.15Isiille deebittee, «Latti ati naaf kennite lafa gammoojji'ii keessa waan teeteef, madda bisaaniille akka naaf kennitu barbaada» jette. Maarre Kaaleb madda bisaanii ka oliitii fi ka gadii kenneef.

Injifachaa Gosa Yihuda'aatii Fi Beniyaamii

16Sanyiin abbaa soddaa Muuse'ee Qenichaa, kolbaa Yihuda'aa woliin qachaa Meexxi'iitii ka'anee, lafa biyya Yihuda'aa keessaa gara lafa goomolee kibbaa ta qachaa Araadii biraatitti ol bayanee, kolbaa biyya sanii woliin le'ane.17Kolbaan Yihuda'aa obboleeyyan ifii kolbaa Shimi'oonii woliin gara qachaa Zifaatii dhaqanee, Kana'aanota achi le'anu lolanee qachaa san ijjumaa balleessane; tanaaf maqaa qachaa saniille, «Hormaa» jedhanee baasane.18Kolbaan Yihuda'aa qachoota Gaaza'aa, Ashqaloonii, Eqrooniitii fi lafa adaala qachaa saniille qabatane.19Mootiin Waan Maraa kolbaa Yihuda'aa woliin waan jiruuf, isaan biyya koobittii injifatanee fudhatane; ammoo worri lafa dirree keessa le'u, garreettaa sibiilaaka fardo'oon harkifamu waan qabanuuf, isaan ari'anee baasiisaaf hin dandeenne.20Akkuma Muuseen ajajetti qachaan Kebroonii Kaalebiif kenname; innille sanyii ilmaan Aanaaqii sad achii ari'ee baase.21Sanyiin Beniyaaminii ammoo, Yibusoota ari'anee Yerusaalem keessaa waan hin baasiniif, isaan haga adhaa kolbaa Beniyaaminii woliin Yerusaalem keessa le'an.

Sanyiin Ilmaan Yoseefii Qachaa Bet'elii Qabatte

22Sanyiin ilmaan Yoseefii qachaa Bet'elii loliisaaf dhaxxe; Mootiin Waan Maraalle isaan woliin jiraayyu.23Sanyiin ilmaan Yoseefii gara qachaa Bet'eliititti gaaddota ergite; maqaan qachaa Bet'elii dur, «Luz» jedhama.24Gaaddoti sun nama qachaa keessaa gad bawu dhagganee, «Karaa gara qacha'aa seenu nutti mudhisi; nuutille waan dansaa si'iif goona» jedhaneen.25Maarre innille karaa gara qacha'aa seenu isaanitti mudhise; isaanille worra qachaa keessa le'u shallaaga'aan fixane; namichaa fi maatii isaa ammoo nageyaan lakkisane.26Namichi sun gara biyya Heetotaa dhaqee, qachaa maqaan isaa haga adhaa, «Luz» jedhamee beekkamu ijaare.

Kolbaa Worri Israa'elii Hin Ari'in

27Sanyiin Minaase'ee worra Bet-shaan, Ta'anaa, Door, Yible'aam, Megidoo fi worra ollaa adaala isaanii keessa le'u ari'anee hin baanne; Kana'aanotille achuma keessa le'iisaaf murteeffatane.28Israa'elooti yennaa jabaatane, worri Kana'aanotaa akka hujii hunnaa isaaniif hujanu, hunnaan godhane malee, isaan mara ari'anee hin baanne.29Sanyiin Efreemiille Kana'aanota qachaa Gezerii keessa le'anu ari'anee hin baanne; tanaaf Kana'aanoti odduu isaanii Gezer keessa le'ane.30Sanyiin Zebuloonii Kana'aanota Qiixronii fi Nahalol keessa le'anu ari'anee hin baanne; ammoo isaanuma odduu le'aa hujii hunnaa akka hujanu hunnaan godhane.31Sanyiin Asheerii worra qachaa Aakoo, Sidoonii, Ahilaabii, Akziibii, Helba'aa, Afeqiitii fi Rehoobii keessa le'u ari'anee hin baanne.32Tanaaf kolbaan Asheerii Kana'aanota achi jiranu woliin le'ane.33Sanyiin Niftaalemii Kana'aanota Bet-sheshii fi Bet-anaat keessa le'anu ari'anee hin baanne; tanaaf worri Kana'aanota isaan woliin lafa san le'ane; ammoo hujii hunna akka isaanii hujanu hunnaan godhane.34Worri Amoorotaa sanyii Daanii gara biyya koobitti'ii ari'ane; gara dirre'eelle gad bu'iisa isaan dhooggane.35Worri Amoorotaa Ayalon, Sha'aalbiimii fi kooba Heresii keessa le'iisaaf murteeffatane; sanyiin ilmaan Yoseefii ammoo ifiin jalatti isaan bulchaa, akka hujii hunnaa isaaniif hujanu hunnaan godhane.36Meessaan worra Amoorotaa tarba Aqrabiimii Selaa irraa jalqabee, ol baya.