Diigamiisa Qachaa Aayii
1Mootiin Waan Maraa Iyaasu'uun, «Hin sodaatin! Gadhaa hin guurin! Loltoota teeti duudii fudhadhuutii gara qachaa Aayii ol bayi; kunoo ani mootii qachaa Aayii, kolbaa isaa, qachaa isaatii fi lafa isaa harka keetitti dabarsee kennaara.2Akkuma qachaa Yeriko'ootii fi mootii qachaa Yeriko'oo goote, qachaa Aayiitii fi mootii qachaa saniille akkasuma hin goota; ammoo hori'ii fi waan qachaa keessaa boojitu ifiif fudhadhu; loltoota teeti keessaa garii qachaa duubaan kushee qabachiisi» jedhe.3Maarre Iyaasuun loltoota ifii duudii woliin qachaa Aayii loliisaaf ka'e. Inni loltoota ifii worra irra jajjabaa kuma soddoma filee halkaniin ergee,4isaan ajajee, «Miidhassa'aa caqasa'a. Qacha'aan duubatti kushee qabadha'aatii loliisaaf qophowa'a malee, irraa guddoo hin fagaatina'a.5Anii fi namooti na woliin jiranu qacha'atti hin dhikaanna. Yennaa isaan akkuma durii nu loliisaaf bayanu, isaan duraa hin baqanna.6Isaan ‹Akkuma durii nu duraa baqataaran› jedhanee, qachaa keessaa haga isaan fageessinutti nu ari'an.7Achiin duuba kushee keessaa baya'aatii, qachaa qabadha'a. Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan qachaa san dabarsee isiniif hin kenna.8Qachaa qabattaneen duuba guba'a. Akkuma Waaqi ajaje godha'a; kunoo, ani isinitti himeera» jedhe.9Maarre Iyaasuun erge; isaanille addee san dhaqanee, qachaa Aayii irraa gara aduun seentuun qachaa Aayiitii fi Bet'elii oddu'utti riphanee eegane; Iyaasuun ammoo halkan san loltoota hafane kaan bira bule.10Iyaasuun barii halkaniin ka'ee, loltoota ifii gogeessatti galche. Achiin duuba innii fi sooreyyiin Israa'elii worra duulu gara qachaa Aayii sooressane.11Loltooti isa woliin jiranu duudiin ol bayanee, qachaa Aayiitiin dura gara kaabaatitti qubatane; isaanii fi qachaa Aayi odduu dhooqatti jiraayyu.12Iyaasuun namoota gara kuma shanii fuudhee, akka isaan riphanee eeganuuf qachaa Aayii irraa gara aduun seentutti Bet'elii fi Aayi odduu keye.13Loltoota garii qachaa irraa gara kaabaatitti, ka hafane gara aduun seentutti addee qabachiisane. Iyaasuun ammoo halkan san dhooqa keessa bule.14Mootiin Aayii tana yennaa dhagge, innii fi namooti qachaa keessa jiranu duudiin barii halkaniin ariifatanee, kolbaa Israa'elii loliisaaf gara fuullee Arabaayiitittigad bayane. Mootichi ammoo akka namooti qacha'aan duubatti riphanee eegiisatti jiranu hin beenne.15Iyaasu'uu fi kolbaan Israa'elii duudiin waan injifatamane ifi fakkeessanee gara goomole'ee baqatane.16Namooti qachaa Aayii duudiin akka isaan ari'anuuf waamamane; isaanille adoo Iyaasuu ari'anuu qachaa irraa fagaatane.17Nami Israa'eloota ari'iisaaf qachaa Aayiitii fi Bet'elii keessaa hin bayin hin jiruuyyu. Isaan qachaa eeddoo malee lakkisanee kolbaa Israa'elii ari'ane.18Achiin duuba Waaqi Iyaasu'uun, «Eboo teeti gara qachaa Aayii qabi; ani qachaa kana harka keetitti dabarsee kennaara» jedhe; Iyaasuulle eboo ifii gara qachaa Aayii qabe.19Akkuma inni harka ifii ol kaaseen, loltooti riphaneeranu ariiti'iin ka'anee gara qacha'aa fiiganee qachaa san qabatanee, yoosuma ibidda itti qassiisane.20Worri qachaa Aayii garagalee yennaa ilaalu, aarri qachaa keessaa ol ka'uun dhagge. Kolbaan Israa'elii ta gara goomole'ee baqataa turte, worra isaan ari'u loliisaaf waan itti garagalteef, worri ari'u karaa miliqu dhabe.21Iyaasu'uu fi kolbaan Israa'elii duudiin, worri kushee qabatee riphe akka qachaa qabatee fi aarri qachaa keessaa akka ol ka'e yennaa dhaggane, garagalanee worra qachaa Aayii adhane.22Worri qachaa qabate sun qachaa keessaa bayee loliisaaf gad dhufe; maarre Israa'elooti worra qachaa Aayii marsanee, nami tokkolle adoo hin hafin yookiin hin miliqin ijjeesanee fixane.23Mooticha qachaa Aayii ammoo booji'anee gara Iyaasu'uu geessane.24Worri Israa'elii, namoota qachaa Aayii worra isaan ari'uu dhaqe duudii goomolee keessatti nami tokkolle adoo hin hafin shallaaga'aan ijjeesanee fixane. Achiin duuba gara qachaa Aayii deebi'anee worra achi keessaa duudii shallaaga'aan ijjeesane.25Gaafa san kolbaan qachaa Aayii marti dhiiraa fi dubartiin kuma kudhanii lamaa dhumate.26Worri qachaa Aayii keessa jiru duudiin haga dhumatutti, Iyaasuun harka ifii ka ittiin eboo qacha'atti qabe gad hin buufanne.27Worri Israa'elii ammoo akkuma Waaqi Iyaasuu ajajetti, hori'ii fi waan qachaa keessaa booji'ane fudhatane.28Maarre Iyaasuun qachaa Aayii gubee, akka tuulamu godhe. Qachaan sun haga adha akkasuma jira.29Iyaasuun mooticha qachaa Aayi muka irratti fannisee, haga galgalaa achitti lakkise; yennaa aduun seentu reeffa muka irraa buusanee, seensuma karra qacha'aatitti akka gatanu ajaje. Isaan tuulaa dhaka'aa guddoo itti tuulane; tuulaan sun haga adhaa achi jirti.30Achiin duuba Iyaasuun gaara Ebaalii irratti Goottaa Waaqa Israa'eliitiif addee ciinca'aa huje.31Iyaasuun akka Muuseen tajaajilaan Waaqaa kolbaa Israa'elootaa ajajee fi akka kitaaba Seera Muuse'ee keessatti barreeffantetti, dhakaa hin bocaminii fi ka mey sibiilaa hin tuqin irraa addee ciinca'aa huje. Isaan achi irratti ciinca'aa fi woreega tokkumma'aaMootii Waan Maraatiif dhikeessane.32Achitti inni Israa'elootaa duratti, seera Muuseen barreesse irraa dhakoota irratti barreesse.33Kolbaan Israa'elii duudiin, jaarsolee isaanii, qondaaltotaa fi abbootii mura'aa ta isaaniitii fi orma isaan woliin jiru wolille'een Saanduqa Gondooro'oo garanaa fi gara kaaniin Lewwoota worra hayyoota Saanduqa Gondooro'oo ba'atane dura dhaabbattane; Muuseen tajaajilaan Waaqaa kolbaa Israa'elii akka eebbisanu dursee akkuma isaan ajajetti worri gariin gara gaara Geriiziimiititti, worri gamisi gara gaara Ebaalititti garagalee dhaabbate.34Achiin duuba Iyaasuun Seera duudii, eebbaa fi abaarsa, akkuma kitaaba Seeraa keessatti barreeffame qoonqoo guddo'oon dubbise.35Dubbii Muuseen ajaje duudii keessaa, wonni Iyaasuun wolde'a Israa'elii dubartoota, ijoolle'ee fi worra orma isaan woliin jiru duudi'itti hin dubbisin hafe hin jiru.