1Moototi Amoorotaa worri laga Yordaanosiitiin gama gara aduun seentuu jiru duudi'ii fi moototi Kana'aanotaa worri irga abbaayaa Mediteraaniya'aa jiranu duudiin, haga kolbaan Israa'elii laga Yordaanosii buutu akka Mootiin Waan Maraa laga gosse yennaa dhage'ane, sodaatanee akka gaga'aa baqane; isaan sababa Israa'elootaatiif jajjabeenna dhabane.
Israa'elooti Giilgalitti Haqanqabaa Qabatane
2Yennaa san Mootiin Waan Maraa Iyaasu'uun, «Dhakaa qara qabu qopheeffadhuutii ammalle ilmaan Israa'elootaa haqanqabaa qabi» jedhe.3Maarre Iyaasuun dhakaa qara qabu qopheeffatee, Gibi'aat-Haaraalotitti ilmaan Israa'elootaa haqanqabaa qabe.4Wonni Iyaasuun isaan haqanqabaa qabeef kana: namooti biyya Gibxi'iitii bayane marti, dhiirti worri woggaan isaanii duulaaf geye duudiin, biyya Gibxi'iitii bayanee adoo goomolee keessa deemanuu du'ane.5Namooti biyya Gibxi'ii keessaa bayane duudiin haqanqabaa qabataneeraniiyyu; biyya Gibxi'iitii bayaneen duuba worri goomolee keessatti dhalate duudiin ammoo, haqanqabaa hin qabanne.6Israa'elooti Gibxi'ii yennaa bayane worri woggaan isaanii duulaaf geette duudiin jecha Mootii Waan Maraatiif waan ajajamuu dhabaneef, haga isaan dhumatanutti kolbaan Israa'elii woggaa afurtama goomolee keessa deemaa turte. Mootiin Waan Maraa lafa aananii fi dammaa ta sanyii isaaniitiif kenniisaaf abbootii isaaniitiif waadaa gale san, akka isaan hin dhaggine kakate.7Iyaasuun ijoollee Mootiin Waan Maraa addee abbootii isaaniititti kaase haqanqabaa qabe; isaan karaa irratti haqanqabaa waan hin qabatiniif, haqanqabaa qabatanee hin jiranu.8Kolbaan duudiin haqanqabaa qabatteen duuba, haga madaan isaanii fayyitu addee quttumaatitti turane.9Mootiin Waan Maraa Iyaasu'uun, «Ani adha salphinna keessan ka biyya Gibxi'ii keessaa isin irraa konkolaachise» jedhe. Tanaaf maqaan addee sanii haga adhaa, «Giilgal» jedhame.10Israa'elooti Giilgalitti qubatanee adoo jiranuu, ji'a keessaa guyyaa kudhanii arfeesso'ootitti galgala diida Yeriko'ootitti Jila Irra Dabaramaa jilifatane.11Guyyaa Jila Irra Dabaramaatiin duuba midhaan lafa sanii, daabboo uukoo hin qannee fi akumm'ee nyaatane.12Guyyaa isaan midhaan lafa sanii nyaataneen jalqabee, mannaan bu'iisa lakkise; Israa'elooti woggaa san keessa midhaan latti Kana'aanii baattu nyaatane malee, eega san deebi'anee mannaa hin dhagganne.Mudhii Iyaasu'uu
13Iyaasuun qachaa Yeriko'ootitti yennaa dhikaate, nama shallaagaa buqqifatee dhaabbateeru tokko ifiin duratti dhaggee, gara isaa dhaqee, «Ati gara keenna moo gara diina keennaa ti?» jedhee gaafate.14Namichille deebisee, «Ani gara keessan yookiin gara diinaatille'e moti; ammoo ajajaa loltoota Mootii Waan Maraa te'ee dhufeera» jedhe. Iyaasuulle lafatti jigee sagadeefii, «Goottaa kiyya, maan akka ani godhu barbaadda?» jedhee deebise.15Ajajaan loltoota Mootii Waan Maraa deebisee Iyaasu'uun, «Addeen ati dhaabbatteertu tun woyyittii waan teeteef, kophee teeti baafadhu» jedhe. Iyaasuulle akkasuma godhe.