Gosi Gara Aduun Baatuu gara Manaa Deebi'ane
1Achiin duuba Iyaasuun kolbaa gosa Ruubenii, Gaadiitii fi gosa Minaase'ee ta gara aduun baatuu wolitti waamee,2Isaaniin, «Isin waan Muuseen tajaajilaan Waaqaa akka isin gootanuuf ajaje duudii gootaneertan; ajaja kiyya maralle'eef ajajantaneertan.3Yennaa tana duudii, isin haga adhaatitti Israa'eloota obboleeyyan teessan irraa gargar hin baane. Ajaja Mootii Waan Maraa Ka Waaqa keessanii akka dansaa eegattaneertan.4Amma, Goottaan Waaqi keessan akkuma waadaa gale Israa'eloota obboleeyyan teessaniif nageya kenneera. Tanaaf gara lafa laga Yordaanosii irraa gara aduun baatuu, ka tajaajilaan Waaqaa Muuseen isiniif kennetti deebi'a'a.5Seeraa fi ajaja Muuseen tajaajilaan Waaqaa isiniif kenne ifi eegganna'aan muummessa'a: Waaqa Goottaa keessan jaaladha'a; fedha isaa muummessa'a; ajaja isaa eegadha'a; isaaf addatama'a; gadhaa keessan tokkochaa fi lubbuun teessan takkatti'iin isa tajaajila'a» jedhe.6Achiin duuba Iyaasuun isaan eebbisee ifi irraa geegesse; isaanille gara mana ifii galane.7Muuseen gamisa gosa Minaase'eetiif lafa Baashaanii kenneeraayyu; Iyaasuun ammoo gamisa gosa Minaase'ee worra hafeef obboleeyyan isaanii Israa'eloota woliin lafa laga Yordaanosiitiin gara aduun seentu kenneef. Iyaasuun akka isaan gara manaa galanuuf, yennaa ifi irraa eebbisee geegesse,8«Isin karra teessan hedduu, horii hedduu, meetii, worqii, sageettuu, sibiilaa fi woyaa hedduu fudhadha'aatii gara manaa deebi'a'a; waan boojitanelle obboleeyyan teessan woliin qoodama'a» jedheen.9Maarre kolbaan gosa Ruubenii, gosa Gaadiitii fi gamisi gosa Minaase'ee gara lafa ifii Giil'aadii, ta ajaja Waaqaatiin karaa Muuse'eetiin isaaniif kennante sanitti deebi'iisaaf, kolbaa Israa'elii worra hafe Shiilonii biyya Kana'aanii keessatti lakkisanee gara manaa deebi'ane.Addee Ciinca'aa Ta Laga Yordaanosii Biraa
10Gosi Ruubenii, gosi Gaadiitii fi gamisi gosa Minaase'ee lafa laga Yordaanosii biraa ta Kana'aanotaa keessaa yennaa geyane, laga biratti addee ciinca'aa guddoo ta maade'ee ijaarane.11Kolbaan Israa'elii worri hafe, akka gosi Ruubenii, gosi Gaadiitii fi gosi Minaase'ee ta gara aduun baatuu, lafa Israa'elootaa Kana'aan keessa lafa laga Yordaanosii biraatitti, addee ciinca'aa akka ijaarane dhage'ane.12Kolbaan Israa'elii duudiin yennaa waan kana dhageette gosa gara aduun baatuu loliisaaf Shiilo'otti wolitti qabante.13Achiin duuba Israa'elooti, Fiinehaasinii ilma hayyicha Ele'azaarii, gara kolbaa lafa Giil'aadii gosa Ruubenii, gosa Gaadiitii fi gosa Minaase'ee ta gara aduun baatuutitti ergane.14Fiinehaas woliin namoota gugurdaa kudhan ergane; tokko tokkoon isaaniituu gosa gara aduun seentu keessaa, maatii fira ifii keessatti sooreyyi'i.15Isaanille gara lafa Giil'aadii kolbaa gosa Ruubenii, gosa Gaadiitii fi gosa Minaase'ee ta gara aduun baatuu dhaqanee isaaniin,16«Kolbaan Waaqaa duudiin gara keessan nu erganee, ‹Isin maaf Waaqa Israa'elii irratti waan hantuu tana gootane? Addee ciinca'aa tana ifiif ijaaratiisaan Waaqa finqiltaneertan; isa irralle'ee fagaattaneertan.17Cubbuun Phe'oritti teete nu hin geettuu? Kolbaa Waaqaa irratti balaan bu'ulle, nuuti haga adhaalle cubbuu san irraa adoo hin qulqulloomin jirra.18Isin amma Mootii Waan Maraa hordofuu diddanii? Yoo finqiltane, inni boru kolbaa Israa'elii duudi'itti hin mufata.19Latti teessan ta battootte yoo teete, addee dunkaaniin isaa jirtu gara lafa Waaqaa kowa'aa lafa nu woliin qoodama'a; ammoo addee ciinca'aa ta Mootii Waan Maraa Waaqa keennaa biratti ta dhibii ijaarratiisaan Mootii Waan Maraa yookiin nu hin fiqiliina'a.20Akaan ilmi Zaara'aa waan Mootii Waan Maraatiif murteeffame fudhatiisaan attam ajajamuu akka dide qaabadha'a; kolbaan Israa'elii duudiin saniif adabante. Nami sababa cubbuu ifiitiif du'e Akaan qofaa moti› jedhan» jedhane.21Kolbaan gosa Ruubenii, gosa Gaadiitii fi gosi Minaase'ee ta gara aduun baatuu, sooreyyii maatii gosa gara aduun seentuutiin,22«Waaqi goottaa waaqotaa ti! Waaqi goottaa waaqotaa ti! Inni maaf akka nuuti tana goone hin beeka; akka isinille beettanu barbaanna! Nuuti finqillee dhugeeffannaa eegatiisa yoo dhanne, lubbu'uun akka leenu nu hin lakkisina'a.23Nuuti Waaqaaf ajajamuu dhannee ciincaa yookiin kennaa midhaanii yookiin woreega tokkumma'aa irratti dhikeessiisaaf addee ciinca'aa ka ijaarranneerru yoo te'e, Mootiin Waan Maraatuu nu adabuu ti.24Waawwo'o! Sanyiin teessan hegeri, ‹Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii woliin maan qaddan? Inni nu'uu fi isin kolbaa gosa Ruubeniitii fi Gaadii wodhakka'atti laga Yordaanosii meessaa godheera. Isin Mootii Waan Maraa woliin qooda hin qaddanu› jettee sanyii teenna hin gaafatti fa'a jennee waan sodaanneef tana goone. Sanyiin teessan sanyii teenna akka Waaqa hin waaqonsine dhooggiti.26Tanaaf nuuti ciincaa yookiin woreegaa dhibii dhikeessiisaaf addee ciinca'aa hin ijaarranne.27Ammoo isinii fi nu'u wodhakka'atti, dhaloota nu'uun duuba dhufu wodhakkaalle'etti, dunkaana woyyittii duratti ciincaa, woreegaa fi woreega tokkumma'aa qabannee Mootii Waan Maraa akka waaqonfatiisatti jirru kolbaa teennaa fi teessaniif beessisa teeti. Tanaaf sanyiin teessan sanyii teennaan, ‹Mootii Waan Maraa irraa qooda hin qaddanu› jechuu hin dande'anu.28Wonni kun yoo teete, yaad keenna, sanyiin teenna, ‹Ilaala'a! Addeen ciinca'aa ta abbootiin teenna hujje, addee ciinca'aa ta Waaqaaf hujanteen wol fakkaatti. Tunille odduu kolbaa teessaniitii fi teennaatitti beessisa teetee akka jiraattuuf malee, ta ciincaan yookiin woreegi irratti dhikaatuu moti› jenne.29Nuuti dhugumaan addee ciinca'aa ta ciincaan, kennaan midhaaniitii fi woreegi irratti dhikeeffamu ijaariisaan Waaqa hin finqille yookiin isa hordofiisa hin lakkinne. Nuuti addee ciinca'aa dhugittii Waaqaa ta dunkaana Woyyittii duraa qofa malee ta dhibii hin ijaarre» jedhane.30Hayyichi Fiinehaa fi sooressitooti kolba'aa kudhan ka isa woliin jiranu sooreyyiin maatii gosa gara aduun seentuu, waan kolbaan gosa Ruubenii, gosa Gaadiitii fi gosa Minaase'ee ta gara aduun baatuu, dubbatane yennaa dhage'ane gammadane.31Fiinehaas Ilmi Ele'azaarii hayyichaa isaaniin, «Amma akka Waaqi nu woliin jiru beenneerra. Isin isa hin finqille; tanaaf kolbaa Israa'elii adabbii Waaqaa irraa fayyittaneertan» jedhe.32Achiin duuba Fiinehaas ilmi Ele'azaarii hayyichaatii fi sooressitooti kolbaa Ruubeniitii fi Gaadii lafa Giil'aadii keessaa ka'anee gara Kana'aanii deebi'anee, waan te'e Israa'elootatti himane.33Israa'elooti waan dhage'ane sanitti gammadanee Waaqa leellisane. Eega san isaan marroo lafa kolbaan Ruubeniitii fi Gaadii keessa qubataneeranu dhaqanee lolanee balleessiisaa hin dubbanne.34Kolbaan Ruubeniitii fi Gaadii, «Addeen ciinca'aa tun Mootiin Waan Maraa Waaqa akka te'e, nu duudi'iif dhugaa baati» jedhanee moggaasane.