Lafa Gosa Minaase'ee Gamisaaf Kennante
1Gosi Minaasee ilma Yoseefiif angafichaa, sanyiin Maakiirii ilma angaficha Minaasee abbaa Giil'aadotaa, lolaan jajjaboo waan te'aneef, latti Giil'aadiitii fi Baashaanii isaaniif kennante.2Latti gara aduun seentuu maatii Minaase'ee worra hafeef, Abii'ezer, Helek, Asrii'el, Sheekem, Heferii fi Shemeda'aa kennante. Isaan kun sooreyyii maatii ilmaan sanyii Minaasee ilma Yoseefii ti.3Zelofehaad ilma Heferii ti; Hefer ilma Giil'aadii ti; Giil'aad ilma Maakiirii ti; Maakiir ilma Minaase'ee ti. Zelofehaad durra malee, ilmaan hin qabu. Maqaan isaaniille Maahilaa, No'aa, Hoglaa, Miilka'aa fi Tiirza'a.4Isaan gara hayyicha Ele'azaarii, Iyaasuu ilma Nuniitii fi sooreyyi'ii dhaqanee, «Muuseen akka obboleeyyan teenna ta firaatitti, lafa akka nuuf kennu Waaqi isa ajajeera» jedhane. Tanaaf akka Waaqi ajajetti isaan obboleeyyan firaa woliin lafa fudhatane.5Sababi Minaaseen lafa Baashaaniitii fi Giil'aadii ta laga Yordaanos irraa gara aduun baatu jirtutti dabalatee qooda kudhan fudhateef,6dubartooti sanyii isaa akkuma sanyii ilmaan dhiiraa lafa waan fudhatteef, latti Giil'aadii sanyii Minaase'eetiif kennante.7Latti Minaase'ee Asheerii kaatee, haga Mikmaataatii ta Sheekem irraa gara aduun baatuu ti. Achiin duuba meessaan gara kibbaa deemee kolbaa En-Taafu'aa keessa leetu dabalata.8Latti adaala Taafu'aa ta Minaase'ee teetee, qachaan Taafu'aa ka meessaa irra jiru ammoo ka sanyii Efreemii te'e.9Achiin duuba meessaan haga laga Qaana'aa gad bu'a. Qachooti laga san irraa gara kibbaatitti dhaggamanu, biyya Minaase'ee keessa te'ulle ka Efreemii ti. Meessaan Minaase'ee gara kaaba lagaa dhaqee Abbaayaa Gudditti'itti dhaabbata.10Meessaan isaanii gara aduun seentuun abbaayaa Mediteraaniya'aa te'ee, latti gara kibbaa ta Efreemii, ta gara kaabaa ta Minaase'ee ti. Meessaan gara kaabaa lafa Asheeriititti dhaabbata; gara aduun baatuun lafa Yisaakoriititti dhaabbata.11Biyyi Yisaakorii fi Asheer keessaa Bet-Shaanii fi ollooti isi'ii, Yible'aamii fi ollooti isi'ii, kolbaan qachaa Dooriitiifi ollooti isi'ii, kolbaan qachaa Endooriitii fi ollooti isi'ii, kolbaan qachaa Ta'anaatii fi ollooti isi'ii, kolbaan qachaa Megidootii fi ollooti isi'ii duudiin ka Minaase'ee te'ane.12Teetuu malee kolbaan Minaase'ee qachoota san qabatuu hin dandeenne; tanaaf worri Kana'aanotaa achuma keessa le'ane.13Israa'elooti jajjaboo te'anulle, Kana'aanoti akka hunnaan isaaniif hujanu godhane malee, ijjumaa lafa sanii isaan hin ariine.Sanyiin Yoseefii Lafa Dabalataa Gaafatte
14Sanyiin Yoseefii, Iyaasu'uun, «Waaqi waan nu eebbiseef, nuuti heddu'u; ati maaf qooda tokko callaa nuuf kennite?» jedhane.15Iyaasuun deebisee, «Isin hedduu eega teetane, biyyi koobittiin Efreemii yoo isinitti dhiphatte, gara lafa Pheriizotaatii fi Refaa'otaa dhaqa'aatii gongomaa anadha'a» jedheen.16Isaan deebisanee, «Latti koobittiin sun nu hin geettu; Kana'aanoti lafa dirree irra le'anuu fi worri Bet-Shaanii fi ollooti adaala sanii ka dhooqa Yizre'elii keessa le'anu ammoo garreettaa sibiilaaka fardo'oon harkifamu qaban» jedhane.17Iyaasuun gosa Efreemiitii fi gosa Minaase'ee ka gara aduun seentu jiranuun, «Isin dhugumaan heddu'u; guddoo jajjaboole'e. Qoodi tokko callaan isin hin gewu.18Tanaaf biyyi koobittiin teessan hin teeti. Koobi sun gongomaa teetulle anadha'aatii, qacce'ee jalqabaatii haga qaccee dhumaatitti lafa teessan godhadha'a. Worri Kana'aanotaa garreettaa sibiilaa ka fardo'oon harkifamu qabaatee, jajjaboo te'ulle isin isaan hin ariitan» jedhe.