Kitaaba Iyaasu'uu12gax_twf

Mootota Muuseen Injifate

1Lafa Yordaanosii irraa gara aduun baatu, dhooqa Aaroniitii haga gaara Hermoonii, dhooqa laga Yordaanosii irraa gara aduun baatu duudii moototi Israa'elooti injifatte isaan kana:2Mootiin Amoorotaa Sihoon qachaa Heshiboonii keessa le'ee, qachaa Aro'erii ka irga dhooqa Aarnonii, dhooqa san keessa wodhakkaa Giil'aadiitii kaasee, haga laga Yaaboqii meessaa ilmaan Amooniititti,3gara aduun baatu dhooqa laga Yordaanosii irraa haga Abbaayaa Kenerootitti, karaa Bet-Yeshiimootittille'een haga Abbaayaa Arabaayiitii fi Abbaayaa sooddaa, karaa kibbaatiin haga goodda gaara Phiisga'aa bulche.4Akkasuma worra Refaa'otaa keessaa ka hafe Oogii mootii Baashaanii, qachaa Ashitaarotiitii fi Edraayin keessa le'ee ka bulche.5Lattii mootummaa isaa gaara Hermoonii, Saalkaanii, lafa Baashaanii duudii irraa haga meessaa Geshuurotaatii fi Ma'akaatotaa, wodhakkaa Giil'aadiitii haga meessaa Sihoonii mootii Heshiboonii ti.6Moototi lamaan sun Muusee tajaajilaa Waaqaatii fi kolbaa Israa'eliitiin injifatamane. Muuseen tajaajilaan Waaqaa lafa isaanii gosa Ruubeniitii fi gosa Gaadiitiif, akkasuma gosa Minaase'ee gamisaaf dhaala kenne.

Mootota Iyaasuun Injifate

7Iyaasu'uu fi kolbaan Israa'elii, mootota Yordaanosii irraa gara aduun seentuu, Ba'aal-Gaadi dhooqa Libaanonii keessaatii haga gaara Halaakii ka gara Se'iiriititti ol ka'u injifatane. Iyaasuun lafa san akka qooda gosa gosa isaaniititti lafa isaanii kenne.8Biyyi inni isaaniif kenne biyya koobittii, biyya koobaan jalaa ta gara aduun seentuu, dhooqa laga Yordaanosii, biyya goodda gaaraa, biyya goomole'eetii fi biyya kibba Kana'aanii, biyya Heetotaa, biyya Amoorotaa, biyya Kana'aanotaa, biyya Pheriizotaa, biyya Hiiwotaatii fi biyya Yibusootaa ti.9Kolbaan Israa'elii mootota qachoota asii gadii injifatte: mootii Yeriko'oo, mootii Aayi ka Bet'el cinaa jiru,10mootii Yerusaalemii, mootii Kebroonii,11mootii Yarmuutii, mootii Laakiishii,12mootii Egloonii, mootii Gezerii,13mootii Deebirii, mootii Gederii,14mootii Hormaa, mootii Araadii,15mootii Liibna'aa, mootii Adulaamii,16mootii Maqeda'aa, mootii Bet'elii,17mootii Taafu'aa, mootii Heferii,18mootii Afeqii, mootii Lashaaronii,19mootii Maadonii, mootii Hazoorii,20mootii Shimroon-Meronii, mootii Akshaafii,21mootii Ta'anaa, mootii Megidoo,22mootii Qedeeshii, mootii Yoqnaamii ka gaara Qarmelosii,23mootii Doorii ka kooba Doorii gubba'aa, mootii qachaa Go'iimii ka lafa Galiila'aatii fi24mootii Tiirza'aa ti; wolumatti mootota soddomii tokko.