Kitaaba Iyaasu'uu10gax_twf

Aduun Dhaabbatte

1Adoonii-Zedeq mootiin Yerusaalemii, Iyaasuun qachaa Aayii fudhatee ijjumaa akka balleesse, waan inni qachaa Yeriko'ootii fi mootii Yeriko'oo, Aayii fi mootii Aayii godhe, worri Giibe'oniille Israa'eloota woliin akka wol gondooranee woliin le'iisatti jiranu yennaa dhage'e,2qachaan Giibe'onii akkuma qachoota moototaan bulanuu, qachaa gudda'aa fi qachaa Aayi caalaa guddaa, loltootille jajjaboo waan te'aneef, Adoonii-Zedeqii fi namooti isaa guddoo sodaatane.3Maarre Adoonii-Zedeq mootiin Yersaalemii, gara Hohaamii mootii Kebroonii, Fiiraamii mootii Yarmuutii, Yaafii'aa mootii Laakiishii, Deebirii mootii Egaloonii ergee,4«Worri Giibe'onii, Iyaasu'uu fi kolbaa Israa'elii woliin le'iisaaf waan wol gondooreef, kowa'a qachaa kana loliisa na qarqaara'a» jedhe.5Achiin duuba mootiin Yersaalemii, mootiin Kebroonii, mootiin Yarmuutii, mootiin Laakiishii, mootiin Egloonii, moototi Amoorotaa shanan kun loltoota ifii woliin ol bayanee, Giibe'on marsanee lolane.6Worri Giibe'onii gara Iyaasuu addee Giilgal jedhantutti qubateeruu ergatanee, «Moototi Amoorotaa worri biyya koobittii keessa le'u duudiin, nu loliisaaf waan wolitti qabamaneeranuuf, goottaa keenna nutti hin daaw'atin; dafii koyii nu qarqaar; nu hamburi» jedhane.7Tanaaf Iyaasuun loltoota ifii duudi'ii fi loltoota lolaan beekkamane woliin Giilgalii bayanee deemane.8Waaqi Iyaasu'uun, «Ani injifachaa waan sii kenneeruuf isaan hin sodaatin; isaan keessaa nami tokkolle si dura dhaabbatuu hin dande'u» jedhe.9Iyaasuun Giilgalii ka'ee halkan guutuu deemaa bulee dedhuma worra Amoorotaatitti dhufe.10Waaqi Amooroti Israa'eloota duratti gara itti goranu akka wollaalanu godhe; Israa'elooti Giibe'onitti isaan qalanee, worra hafelle karaa Bet-Horoonitti ol bawu irraa, haga qachaa Aazeqa'aatii fi qachaa Maqeda'aatitti ari'ane.11Worri Amoorotaa Israa'elootaan dura Bet-horoon irraa gad adoo baqatuu, haga Aazeqa'aatitti Waaqi gubbaa irraa dhakaa bokkeyaa gugurdaa isaanitti buuse; worra Israa'elooti shallaaga'aan ijjeesane caalaa, worra dhakaa bokkeyaatiin du'etti caala.12Guyyaa Waaqi worra Amoorotaa Israa'elootatti dabarsee kenne, Iyaasuun kolbaa Israa'elii dura dhaabbatee Waaqaan,«Adu'u, gaara Giibe'onii gubba'atti dhaabbadhu;Ji'a, dhooqa Ayalonii gubba'atti dhaabbadhu» jedhe.13Israa'elooti diinota ifii haga haluu bayanutti aduun dhaabbatte; jiinille adde'ee hin tachoone. Tunille kitaaba Yaashaar barreesse keessatti dhagganti. Aduun guyyaa san guutuu wodhakkaa gubbaa irratti dhaabbattee turte malee, seeniisaaf hin ariifanne.14Gaafas Waaqi Israa'elootaaf waan loleef, guyyaan Waaqi itti namaaf dhage'e ka akkasii tanaan qara yookiin duuba tokkolle te'ee hin beeku.15Achiin duuba Iyaasu'uu fi loltooti isaa duudiin, gara addee itti qubatanee Giilgalitti deebi'ane.

Moototi Shanan Ijjeefamane

16Moototi Amoorotaa Shanan baqatanee goda Maqeda'aa keessatti dhokatane.17Moototi Shanan tun goda Maqeda'aa keessatti akka dhokataneeranu Iyaasu'utti himame.18Iyaasuun, «Dhakaa gugurdaa afaan godaatitti gangalcha'aatii, namoota eeganu itti godha'a.19Isin ammoo achi hin turina'a. Diinota keessan ari'aatii duubaan isaan lola'a; Goottaan Waaqi keessan injifachaa waan isinii kenneeruuf, akka isaan qachoota ifiititti seenanu hin godhina'a» jedheen.20Iyaasu'uu fi Israa'elooti diinota ifii ijjeesane; worri gariin callaan qachaa ifii ka dalleenni itti ijaarame seenee hafe.21Achiin duuba namooti Iyaasu'uu duudiin nageyaan gara addee quttuma isaa Maqeda'atti deebi'ane. Nami lafa sanii tokkolle Israa'elootatti hin gamne.22Achiin duuba Iyaasuun, «Afaan godaa bana'aatii mootota shanan san achi keessaa gad baasa'aatii natti fida'a» jedhe.23Maarre isaan mootota shanan san mootii Yerusaalemii, mootii Kebroonii, mootii Yarmuutii, mootii Laakiishiitii fi mootii Egloonii goda keessaa gad baasanee gara isaa fidane.24Yennaa isaan mootota san gara Iyaasu'uu fidane, Iyaasuun namoota Israa'elii duudii waamee, ajajjoota woraanaa ta ifiitiin, «As kowa'aatii miila keessaniin morma mootota kanaa irra ijjadha'a» jedhe. Isaanille dhufanee miila ifiitiin morma mootota sanii irra ijjatane.25Iyaasuulle ajajjuu woraana ifiitiin, «Diinota keessan worra isin lolu'uuf jirtanu duudii Waaqi akkasuma waan godhuuf hin sodaatina'a; hin nayina'a, jabaadha'a jajjabaadha'a» jedheen.26Achiin duuba Iyaasuun mootota shanan san ijjeesee, muka shan gubba'atti fannise; reeffi isaaniille haga galgalaa achuma ture.27Aduun seenaartuun Iyaasuun reeffi mootota sanii mukoota itti fannifame irraa akka gad buufamuu fi goda isaan dur dhokatanee turanetti akka gatamu ajaje. Isaan dhakoota gugurdaa afaan godaa irra keyane; dhakooti sun haga adhaa achi jiran.

Iyaasuun Lafa Amoorotaa Hedduu Qabate.

28Iyaasuun gaafuma san Maqedaa qabatee, namoota qachaa san keessaatii fi mooticha qachaa sanii shallaaga'aan ijjeese; nama qachaa san keessaa tokkolle hin hamburre. Inni mootii Yeriko'oo akkuma godhe, mootii Maqeda'aalle godhe.29Achiin duuba Iyaasu'uu fi Israa'elooti isa woliin jiranu marti qachaa Maqeda'aatii gara qachaa Liibna'aa taranee qachaa san lolane.30Waaqi qachaa Liibna'aatii fi mootii qachaa sanii harka Israa'elootaatitti dabarsee kenne. Isaan namoota qachaa sanii ijjeesanee, nama tokkolle hin hamburre. Isaan mootii Yeriko'oo akkuma godhane, mootii Liibna'aalle godhane.31Achiin duuba Iyaasu'uu fi kolbaan Israa'elii duudiin qachaa Liibna'aatii gara qachaa Laakiishii taranee marsanee lolane.32Lolli jalqabee guyyaa lammeesso'ootitti Waaqi qachaa Laakiishii harka Israa'elootaatitti dabarsee kenne; isaan akkuma qachaa Liibna'aa godhane, namoota qachaa Laakiishii keessa jiranu duudii shallaaga'aan ijjeesane.33Yennuma san Horaam mootiin Gezerii, kolbaa Laakiishi qarqaariisaaf dhufe; Iyaasuun ammoo Horaamii fi loltoota isaa injifate. Isaan keessaa nami tokkolle hin hanne.34Achiin duuba Iyaasu'uu fi Israa'elooti isa woliin jiranu duudiin qachaa Laakiishiitii ka'anee, gara qachaa Egloonii dhaqanee marsanee lolane.35Isaan gaafasuma qachaa san qabatanee, akkuma qachaa Laakiishii godhane namoota qachaa san keessa jiranu duudii ijjeesane.36Achiin duuba Iyaasu'uu fi Israa'elooti isa woliin jiranu duudiin Egloonii ka'anee ol bayanee qachaa Kebroonii lolane.37Isaan qachaa Kebrooniitii fi olloota qachaa sanii qabatanee, mootichaa fi namoota mara shallaaga'aan ijjeesane; akkuma qachaa Egloonii godhane qachaa Kebrooniille balleessanee, nami tokkolle hin hanne.38Achiin duuba Iyaasu'uu fi Israa'elooti isa woliin jiranu duudiin deebi'anee qachaa Deebirii lolane.39Isaan qachaa san, mootii qachaa saniitii fi ollaa cinaa qachaa sanii duudii qabatanee, namoota qachaa san keessaa mara balleessane; nami tokkolle hin hanne. Akkuma Kebroon, Liibna'aa fi mootii isi'ii godhane, Deebirii fi mootii isi'iille akkasuma godhane.40Maarre Iyaasuun lafa duudii, biyya koobittii, goodda gara aduun baatuutii fi biyya kooba jalaa, akkasuma biyya goomolee kibba Kana'aanii, mootota isaanii mara injifate. Inni akkuma Goottaan Waaqi Israa'elii ajaje nama duudii balleessee, nami tokkolle hin hanne.41Iyaasuun Qaadesh Barne'aan haga Gaaza'aa, adaala lafa Gooshenii duudii dabalatee haga qachaa Giibe'onii injifate.42Goottaan Waaqi Israa'elii kolbaa Israa'eliitiif waan loleef, Iyaasuun mootota tana duudi'ii fi lafa isaanii yennuma takka'aan qabate.43Achiin duuba Iyaasuun Israa'eloota isa woliin jiranu duudii woliin quttuma Giilgaliititti deebi'ane.