Yoonaas Mootii Waan Maraatiif Ajajame
1Jechi Mootii Waan Maraa yennaa lammeesso'oo gara Yoonaasii dhufee,2«Ka'ii, gara Nanawwee qachaa guddichaa dhaqiitii ergaa ani si'itti himu kolba'aaf lallabi» jedheen3Maarre Yoonaas jecha Mootii Waan Maraatiif ajajamee, Nanawwee dhaqe. Qachaan Nanawwe'ee guddaa waan te'eef, maddii tokko irraa ka'anee gara maddii taanii geyiisaaf deensa guyyaa sadii fudhata.4Yoonaas qachaa keessa seenee, deensa guyyaa tokkoo deemeen duuba, «Nanawween guyyaa afurtamatti baddi» jedhee lallabe.5Kolbaan Nanawwe'ee Waaqatti dhugeeffatte. Isaan cubbuu irraa akka deebi'ane mudhisiisaaf, nami marti guddaan, diqqaan akka laamuuf lassanee, woyaa gaddaa uffatane.6Mootichi qachaa Nanawwe'ee oduu tana yennaa dhage'e, barcumaa ulfinna ifii irraa ka'ee, woyaa ifii ifi irraa baasee, woyaa gaddaa uffatee daadhaa irra tee'e.7Achiin duuba mootichi gara kolbaa Nanawwe'ee lassii erge; lassiin baate sun mootichaa fi qondaaltota isaa biraa akka ajajametti: «Eennulle woy afaaniin hin qabin; horiin, hooleelle marra hin dheedin; bisaanille hin unin.8Nami martii fi horiin gadda uffatanuu ti. Nami duudiin jabeessee gara Waaqa daadimataa, karaa hammeenna ifii lakkisee hujii hantuu ifii irralle'ee deebi'uu ti.9Eentu beeka? Takki Waaqi nuu nayee, aarii hantuu ifii nu irraa caffatee, nulle hin bannu fa'a teeti» ta jettu.10Waaqi waan isaan godhanee fi karaa hamaa ifii irraa akka isaan deebi'ane yennaa dhagge, isaaniif nayee, badii isaan irratti geessisiisaaf yaade hin geessine.