Yoonaasii Raagichaa2gax_twf

Daadimata Yoonaasii

1Yoonaas gadhaa qurxummi'ii keessaa Goottaa Waaqa ifii daadimatee,2«Rakkoo tiyya hantuu keessatti Mootii Waan Maraa kiyya ani si waammadhe,atille naa deebitte.Qilee awwaalaa jalaa ani sitti iyyadhe,atille naa dhageette.3Ati gara gadhaa abbaaya'aa,qilee keessatti,addee bisaan na marsetti na gatte;hunni guddoon danbalii teetiille na gubbaa yaate.4Yoos, ‹Ani fuula keeti duraa gatameera;deebi'ee Galma woyyicha keetiihin dhaggaa laati?› jedhee yaadadhe.5Bisaan na irra yaa'ee na lixxisiiseera;Abbaayaan ijjuma na buxxeerti;marri bisaan keessaalle mataa kiyyatti marame.6Ani gaarota jalatti,lafa balbalti haga bara baraanatti cufantetti gad bu'e.Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya ati ammoo,jiru'uun qilee keessaa na baatte.7Yennaa jiruun tiyya na dadhaddetti,Mootii Waan Maraa kiyya,ani gara keeti daadimadhe;Galma woyyicha keeti keessalle'eedaadimata kiyya naa dhageette.8Worri waaqota dharaa waaqonsubadhaadha dhaggatiisaaf malane hin dhaban.9Ani ammoo faaruu leellisaatiin;ciincaa si'iif hin dhikeessa.Waan waadaa si'iif galelle hin godha.Fayyinni Mootii Waan Maraa irraa dhufa» jedhe.10Achiin duuba Mootiin Waan Maraa akka qurxummiin Yoonaas tuttuuf ajaje; qurxummiille lafa bisaan hin jirre irratti isa tutte.