Kitaaba Iyoobii8gax_twf

Biildaad

1Achiin duuba Biildaad nami biyya Shu'aa deebisee,2«Haga yoomii dubbii akkasii dubbatta?Dubbiin afaan keetii baatuakka qilleensaa ti.3Waaqi muraa hin dassaa?Yookiin Waaqi waan mara dande'udhugaa hin dassaa?4Ijoolleen teeti yoo Waaqa yakkitee jiraattee,inni adabbii cubbuu isaaniitiifdabarsee isaan kenne.5Ati ammoo yoo Waaqa barbaaddee,Waaqa waan mara dande'ulle yoo gaafatte,6ati qullu'uu fi qajeelaa yoo teete,inni dhugumaan si qarqaariisaaf hin ka'a;gara addee teetiita si'iif maltetti si hin deebisa.7Jalqabi keeti diqqaa te'ulle,muummee irratti hin banqaaxxa.
8«Me dhaloota durii gaafadhuwaan abbootiin isaanii qorqoranee dhagganelle qalbeeffadhu.9Nuuti kalee waan dhalanneef,womaalle hin beennu.Barri keenna ka biyya lafaa irraalleakka gaaddisaa dabara.10Wonni isaan si barsiisanuu fi sitti himanuwaan hubataneeranuu motii ree?11Allaaduun addee caffaan hin jirrettilatuu dandeettii ree?Addee bisaan hin jirrettishonbooqqoon hin banqaaxxii ree?12Adoo kichu'uutuuadoo hin muraminbiqiltoota dhibi'iin dura hin qooran.13Worri Waaqa dedhu duudiinakkasuma;addiin nama Waaqa malee le'uu hin baddi.14Inni waan akka kaso'otti citutti addata;addiin isaalle mana saaphuphu'uu ti.15Nami tokko mana saaphuphu'uutittiyoo irkate, manni sun hin dhaabbatu.Inni mana san yoo qabate,isa duraa hin cita.16Nami hamaan akka biqiltuu aduu keessatti dagaaguu ti;dameen isaa oorruu gubbaa babadhata.17Hiddi isaa tuulaa dhaka'aatitti marata;odduu rassa'aa keessalle karaa barbaadata.18Nami tokko addee isaa irraa yoo isa buqqise,addeen sun,‹Ani si dhaggee hin beeku›jettee isa hin mormatti.19Kunoo, gammadi jiruu hidda sanii kanuma;biqiltuun dhibiin lafa san keessaa hin latan.
20«Waaqi worra komii hin qanne hin gatu;yookiin worra hantuu huju hin qarqaaru.21Inni akka ati kollituu fiilillittu si hin godha.22Worri si jibbu qaanii uffata;dunkaaniin worra hama'aa hin baddi» jedhe.