Kitaaba Iyoobii5gax_twf
1«Iyoob! Nama deebii siif kennuyoo dhaggatte waami;woyyoota keessaagara kamii ilaalta?2Nama gowwaa aari'iittuu ijjeesa;wollaalaalle gaabbi'ittuu ijjeesa.3Gowwaan hidda naqatuun dhaggeera;ammoo dedhuma manni isaa abaarame .4Ijoolleen isaa ijjumaa nageya hin dhaggattu;badhinna dalleya keessaa keessattimiidhaan isaan irra hin geetti,nami isaan baasulle hin jiraatu.5Worri beelowemidhaan isaa hin nyaata;ka qoree keessatti latelle hin lakkisanuuf.Worri dheeboteqabeenna isaa hin saama.6Rakkoon biyyee keessaa ol hin baatu;gaargalli lafa irraa hin latu.7Akkuma qaanqeen ibiddaa ol facaatu,nami rakkinnaaf dhalata.8«Adoo na te'eWaaqa hin barbaadadha,rakkoo tiyyalle isatti hin himadha.9Inni waan gugurda'aa hin qorqorannebilbaasa laakkowanee hin dandeennelle hin godha.10Inni lafa irratti bokkeya hin roobisiisa;fichaalle bisaan hin obaasa.11Worra gad qabameaddee ulfinnaa hin keya;worra gadde addee nageyaatitti ol hin fuudha.12Worri maltooleen waan hujanuakka hin muummessineef,inni karoora isaanii hin gufachiisa.13Inni qaroolee maltummaa isaaniitiinuu qaba;mala maltoole'eelle hin balleessa.14Guyyaan isaanitti dukkanowee,akka halkaniitittisaafowaan qaqqabataa deemanuu ti.15Worra hiyyeeyyiiafaan shallaagaa diina isaanii jalaa,harka worra isaan cunqursuu jalalle'ee hin baasa.16Inni hiyyeeyyi'iif addii hin kenna,afaan worra hama'aa hin cufa.17«Nami Waaqi xixu ka gammade!Tanaaf xixicha Waaqawaan mara dande'uu hin tuffatin.18Waaqi hin madeessaammoo deebisee hin hodha;inni si hin miidhaharka ifiitiin ammoo si hin fayyisa.19Inni balaa jaa jalaa si hin baasa;torbeessoo irralle'etti miidham si hin tuqu.20Bara beelaa du'a irraa,lola keessatti shallaagaa irraa si hin woda.21Waaqi arraba hamaa irraa si hin eega;yoo badiin sitti dhuttelle hin sodaattu.22Badi'ii fi beelatti hin kollita;bineensalle hin sodaattu.23Fichaa qotattutti dhakaan si hin rakkisu;bineensotille si woliin nageya hin qabaatan.24Dunkaaniin teeti nageyaan akka jirtu hin beetta;yennaa hoolee teeti toowattunageyaan isaan hin dhaggita.25Sanyiin teeti hedduu,ijoolleen teetilleakka marra lafaa akka teetu hin beetta.26Akkuma qamadiin yennaa ifiitittiwolitti qabantuatille dulloontee, geettee hin duuta.27«Kunoo, nuuti tana duudii qorqorreerra;tun dhuga'a;atille dhage'iitii beeki» jedhe.