Kitaaba Iyoobii41gax_twf

1«Ati bineensa naacha fakkaatu,ka ‹Lewaataan› jedhamu malxaqqo'oon qabuu,yookiin arraba isaawodaro'oon hidhuu hin dandeettaa ree?2Wodaroo funnaan isaa keessa baasuu,yookiin a'oo isaa malxaqqo'oon woraanuuhin dandeettaa ree?3Inni akka ati isaaf marartu si hin kadhatta ree?Dubbii laattuulle'een sitti hin dubbataa ree?4Haga bara baraa akka ati garba isa godhattuuf,wolii galtee si woliin hin godhataa ree?5Akka sinbirree mana baratteeisa woliin taphatuu hin dandeettaa ree?Yookiin tapha ijoollee durraa teetiitiifisa hin hiitaa ree?6Daldaltooti qurxummi'ii gatii isaa irrattiwol hin falmanii ree?Kukkutaneelle hin qoodatanii ree?7Gogaa isaa ebo'oon,mataa isaalle marcaa qurxummi'iitiinuriisa hin dandeettaa ree?8Harka keetiin yoo isa tuxxe,lola san hin qaabatta;ijjumaalle itti hin deebitu.9Bineensa san lolanee injifatiisaaf wodhaaniistoluma elowiisa;nami isa dhaggu sheephisee jiga.10Isa kakkaasiisaaf ka itti guulu eega hin jirre teete,eentu na dura dhaabbatiisa dande'a ree?11Wonni ol-gubba'aan jala jirtu marti tiyya;akka ani isaaf deebisee kaffaluwaan tokkolle ka anaa kenneeru hin jiru.
12«Ani marroo harkaa fi miila,yookiin jabeenna,yookiin miidhaginnadhaaba nafa bineensa naacha fakkaatu,ka ‹Lewaataan› jedhamuudubbadhu malee hin cadhisu.13Gogaa nafa isaa ka dachaa te'e,eentu isa irraa quncisuu dande'a?Eentu bixaalaan isatti dhikaatuu dande'a?14Balbala afaan isaa ka ilkaan sodaachisu itti naannowe,eentu banuu dande'a?15Inni dudda jabaaakka wontee tarree galtee wolitti maxxanfantee qaba.16Tokko tokkoon wontee saniiwol wolitti guddoo waan dhikaataneeranuufqilleensi wodhakkaa isaanii dabaruu hin dande'u.17Isaan wol wolitti waan maxxananeeranuuf,wol irraa gargar bayuu hin dande'anu.18Yennaa inni haxxifatu ifi hin balaqqisa;ilti isaa akka boruu dayya'uu ti.19Afaan isaa keessaa bobe'a ibiddaatitti baya;qaanqeen ibiddaalle afaan isaa keessaa xoxxi.20Akkuma aarri okkotee ibidda o'aa irra jirtu keessaa aaru,aarri funnaan isaa keessaa baya.21Hafuurri isaa cilee qassiisa;bobeenni ibiddaalle afaan isaa keessaa baya.22Jabeenni lumma isaa keessa jira;ka isaan wolde'u marti hin bararaqa.23Dachaan foon isaa wolitti maxxaneera;dachaan foon isaa jaba'a; hin tacho'ulle'e.24Gadhaan isaa akka dhaka'aa jaba'a;akka daaku'uulle jaba'a.25Yennaa inni ka'uworri hunnaameyyiin hin bararaqa;yennaa inni tacho'ulle gara duubaa deebi'an.26Shallaagaan, eboon, guube'ee fimey woraanaa dhibiilleisa hin miidhanu.27Inni sibiila akka huuraa,sageettuu akka muka hurroyee bulleessa.28Daayi isa hin ari'u;dhakaan looyya'aa isaaf akka hicaace'ee ti.29Ciiraan isaaf akka hicaace'ee ti;yennaa nami marcaa isatti darbatu hin kolla.30Gogaan gadhaa isaa jalaaakka bassoo qara qadduu,yennaa inni mirmiqudhoqqee irratti beessisa godha.31Inni qilee abbaaya'aa, akka keloo danfituu,abbaayaalle akka keloo zayiti'ii hin burqisiisa.32Inni karaa irra dabare akka ifu hin godha;abbaayaalle hin hoomachessa.33Biyya lafaa irradadi woy hin sodaanneta akka isaa hin jirtu.34Inni bineensota gugurdaa maraayyuu hin tuffata;inni bineensota gugurdaa mara irratti mooti'i» jedhe.