Kitaaba Iyoobii4gax_twf
Eliifaaz Iyoobitti Dubbate
1Achiin duuba Eliifaaziin nami qachaa Temaanii deebisee,2«Iyoob, yoo nami si woliin dubbatiisaaf sitti gamehin ossattuu ree?Ammoo eentu dubbatuu lakkisaa ree?3Ati namoota hedduu barsiitteerta;worra dadhabaa harka qaddee jajjabeessiteerta.4Dubbiin teeti worra jigu utuddeerti;worra jilbi isaanii laafelle jabeessiteerta.5Amma ammoo rakkoon sitti dhuttee,addii kutatteerta;waan sitti jabaattelle'eef,jajjabeenna dhaddeerta.6Waaqa sodaatiis keeti,isatti addatiisa keetiqajeelummaan teetilleaddii teetii motiiyyuu ree?7«Me yaadadhu:nami balleessaa hin qanne,yookiin nami balchaan badee beekaa ree?8Akka ani dhaggettiworri waan hantuu qotuu firakkinna facaasuwaanuma san haammata.9Isaan hafuura Waaqi isaanitti baafatuunhin badan;qilleensa aarii isaatille'een hin dhumatan.10Worri hamaan akka neenqaa dhangaa dhowa;qoonqoolle ol qabatee iyya;Waaqi ammooilkaan isaanii hin caccassa.11Akkuma neenqa waan adansee nyaatu dhabee du'uuisaanille hin du'an.Akkuma ilmeen neenqa dhala'aa bittinnoottu,ijoolleen isaaniille hin bittinnootti.12«Gaafa tokko ergaan takka gara kiyya dhuttee,gurri kiyyalle hasaassaa san dhage'e.13Halkan yennaa kolbaan hirriiba hamaa keessa jirtu,ani mudhii na sodaachittu dhaggee,14sodaadhee bararaqee,lafeen tiyya duudiin hollatte.15Qilleensi fuula na dhowee,nafi kiyya suugajjaye.16Achitti wonni takka dhaabbattuun dhagge;ammoo maan akka teete beekuu hin dandeenne.Achiin duuba cadheessa keessa,qoonqoo takka:17‹Waaqa caalaa nami balchaa te'uu dande'aa?Yookiin ka isa dade durattiqulqulluu te'uu dande'aa?18Waaqi tajaajiltoota ifiituuka hin addanne eega teete,ergantoota ifii ta ol-gubba'aa irralle'etti dokonkora ka dhaggu eega teete,19worra mana biyyee faaraa irraa hujamee,ta hundeen isaa biyyee keessa jirtuka adoo qu'een hin nyaatin caccabu keessa le'anuttiattam addata ree?20Isaan ganamaa haga galgalaatitti hin badan;adoo nami itti hin yaadatinhaga bara baraa hin badan.21Isaan akka dongoraa dunkaani'ii ka buqa'uu,qarooma malee hin du'an› jettu dhage'e.No translations available.