Kitaaba Iyoobii38gax_twf

Deebii Mootiin Waan Maraa Iyoobiif Deebise

1Achiin duuba Mootiin Waan Maraa hobonbolattii keessaa Iyoobitti dubbatee,2«Dubbii beekkumsa malee dubbatantuun,gorsa kiyya ka diqqeessu kun eennu?3Akka dhiiraa hidha keeti hidhadhu;ani si gaafadha; atille naaf deebis.
4«Yennaa ani hundee lafaa dhaabeati eessa jirtaayyu?Hubantii yoo qabaatte natti himi.5Haga lafaa ka murteesse eennu?Isii irralle'etti sarara miki'ii ka diriirseeennu akka te'e hin beettaa?6Hundeen lafaa maan irratti dhaabatte?Dhakaa roga isi'iille ka dhaabe eennu?7Yennaa urjooti ganamaa wolitti qabantee faarsitu,ergantooti Waaqaalle yennaa ilillittuati eessa jirtaayyu?
8«Yennaa abbaayaan lafa keessaa dhoote,balbala madda isi'ii ka cufe eennu ree?9Abbaayaa duumensaan uffisee,dukkana dimmalle'een ka isii golle ana.10Meessaalle itti godhee,balbalaa fi danqaraa ka itti keye ana.11‹Ati haga asii hin dhutta; asi irra hin dabartu!Danbaliin teeti jadduunasitti dhaabbatuu ti!› ka jedhe ana.
12«Iyoob, bara jiruu teetiilatti akka bariitu ajajjee beettaa?Bariin lafaalle addee akka qabattu gooteertaa?13Bari'iisi lafaa haga qaccee lafaa dhaqqabee,worri hamaan akka isii irraa hargufamanu gooteertaa?14Ifi bari'ii koobotii fi dhooqotiakka woyaa dachaafanteedhaabbatanee akka mudhatanu godha;akka chaappaa faara jiidhaa irratti dhowameeguddisee mudhisa.15Worra hamaa ifi isaan duraa fudhatameera;harki isaan hantuu hujiisaaf ol fudhatanelle cabeera.
16«Ati gara madda abbaaya'aa gad buuteertaa?Yookiin hundee qilee abbaaya'aa keessa ideenteertaa?17Balbalti du'aa sitti mudhifanteerti?Yookiin balbala dukkana dimmaa dhaggiteerta?18Badhinna biyya lafaa hubatteertaa?Tana mara yoo beettu teete me natti himi.
19«Karaan gara ifaa geessu meet?Addeen dukkanti jirtulle eessa?20Ifaa fi dukkanaaddee isaaniititti geessuu hin dandeettaa?Karaa gara addee isaanii geessu hin beettaa ree?21Biyyi lafaa yennaa dadanteati waan dhalatteertuuf dhuguma hin beetta;bara hedduulle leeteerta.
22«Ati gara mana dhakaan bokkeyaa itti kuufamu seenteertaa?Yookiin mana dhakaan bokkeyaa itti kuufamu dhaggiteertaa?23Dhakaan bokkeyaa kun,ka ani yennaa rakko'ootiif,guyyaa woraanaatii fi guyyaa lolaatiifiille maffadhe.24Karaan gara addee ifi irraa balaqqisu geessu kam?Yookiin qilleensi gara aduun baatuueessa irraa lafatti bittinnowa?25Bokkeya gad lola'uu fibokkeya bubbe'ee ka mandiisu'uutiifkaraa ka baase eennu?26Lafa nami tokkolle hin leenettigoomolee nami tokkolle hin jirre keessa,bokkeya roobisiisee,27lafa goomolee duwwaa jiisee,marra akka baattu ka godhe eennu?28Abbaan bokkeyaatii fi copha fixeensaa eennu ree?29Dhakaan bokkeyaa gadaamessa eennuu keessaa baye?Qorra ol-gubbaa irraa bu'u eentu dhale?30Qorri sun bisaan akka dhaka'aa jabeessee,dirri abbaaya'aa akka dhakaa bokkeyaa ite'a.
31«Tuuta urjootaa ka, ‹Torbii › jedhamanu, wolitti hidhuu,yookiin wodaroo tuuta urjoota, ‹Sadee › jedhamanuu hiikuu hin dandeettaa?32Tuuta urjoota gara kibbaa yennaa isaaniititti bobbaasuu dandeettaa?Tuuta urjootaa ‹Ka bineensa Doobbaa › jedhamu fakkaatu, ilmaan ijoollee isaanii woliin sooressuu dandeettaa?33Ati sirna ol-gubba'aa beettaa?Sirni kun lafa irratti akka huju godhuu dandeettaa?
34«Lolaan bisaanii akka si liqinsuuf,qoonqoo ol-qabattee duumensatti dubbatuu dandeettaa?35Ati balaqqeettiin akka buutu erguu dandeettaa?Isiille si'iin, ‹Kunoo, ani as jira› hin jettii?36Kormi lukku'uu bari'iisa lafaa beekee akka iyyu,yookiin sinbirreen akka mana ijaarrattuka qarummaa kenneef eennu?37Yennaa bukuun lafaa jabaattee wolitti tuulantuu fiquqquuqaan lafaa wolitti qabatu,duumensa laakkowiisaaf ka qarummaa qabu eennu?Waabaa bisaanii ta ol-gubba'aa jissee,ka bisaan gad naquu dande'u eennu?
39«Ati neenqa dhala'aafwaan nyaatu hin adansitaa ree?Yookiin dardaroota neenqaa hin quussitaa ree?40Yennaa isaan mandhee ifii keessatti riphanu,yookiin daggala keessattidhokatanee yennaa gaadatanu,isaan hin quussitaa?41Yennaa ilmeen harraaqessaawaan nyaattu dhaddee daaxxu,gara Waaqaalle yennaa boottuka sagalee isi'iif kennu eennu?