Kitaaba Iyoobii35gax_twf

1Eliihuun itti dabalee,2«Iyoobiin ati, ‹Waaqa duratti ani balcha'a›jechuun keeti sirri'ii?3Ati Waaqaan, ‹Ani cubbuu yoo hujuu dhabe ati maan dhaggatta?Ani bu'aa maan dhaggadha ree?› jette.
4«Amma ani si'ii fi jaalota teetii ta si woliin jirtuufdeebii hin kenna.5Ol jedhii gara ol-gubba'aa ilaal!Duumensa si'iin gubba'atti mudhatu hubadhu.6Ati cubbuu yoo hujje Waaqa maaniin miita?Balleessaan teeti yoo bacatte maan isa goota?7Ati balchaa yoo teete isaaf maan kennita?Yookiin inni harka keeti irraa maan fudhata?8Hammeenni keeti nama akka keetii hin miidha;balchummaan teetille ilmaan namaa calla'aaf bu'aa qaddi.
9«Sababa cunqurfamiisi bacateefkolbaan hin iyyiti;harka hunnaamessaa jalaa bayiisaafqarqaarsa dhaggatiisaaf iyyatan.10Ammoo eennulle, ‹Waaqi na dade,yennaa rakkoo guddo'oonami akka isa faarfatu ka godhu,11ka bineensota lafaa caalaa nu barsiisu,ka sinbirroota caalaa nu qaroonsu eessa jira?› hin jedhu.12Isaan hin iyyan;inni ammoo sababa koora worra hantuu godhuutiifdeebii isaaniif hin deebisu.13Dhugumaan Waaqi iyyata bu'aa hin qanne hin dhage'u;Waaqi waan mara dande'ullegara iyya isaanii hin midhatu.14Iyoob ati, ‹Ani Waaqa hin dhaggu› yennaa jettu,inni attam iyya teeti dhage'a ree?Haajaan keeti isa dura jira,isuma eegadhu.15Waaqi aarii ifiitiin ka hin adanne,hammeenna namaalle itti ilaalaa ka taru seetaa?16Iyoob ati, dubbii bu'aa hin qanne dubbatta;beekkumsa maleelle dubbii fakkansita» jedhe.