Kitaaba Iyoobii
26
/
gax_twf
Iyoob
1
Achiin duuba Iyoob deebisee,
2
«Ati nama hunna hin qanne
attam attam qarqaarte!
Nama dadhabaalle
attam attam jabeessite!
3
Ati nama qaroo hin te'in
attam attam gorsite!
Beekkumsalle attam attam kenniteef!
4
Tana akka dubbattu ka si qarqaare eennu?
Ayyaana eennuutitti afaan keeti keessaa dubbate?
5
«Ekeraan abbaaya'aan jalatti
rorommiisatti jirti.
6
Addeen worri du'e jiru
Waaqa duratti guutumatti mudhatti;
wonni takkaalle isii hin gollitu.
7
Waaqi gubbaa gara kaabaa addee duwwaa irratti diriirse;
lafaalle womaa adoo jala hin jiraatin rarraase.
8
Waaqi duumensa keessatti bisaan kipha;
duumensille ulfaatiisa bisaaniitiin hin tarsa'u.
9
Inni barcumaa mootummaa ifii
duumensa ifii diriirsee hin golla.
10
Waaqi ifaa fi dukkana gargar baasiisaaf,
bisaan irratti naannessee meessaa godheera.
11
Yennaa inni xixu
utubooti ol-gubba'aa soda'aan hin raafaman.
12
Inni hunna ifiitiin
abbaayaa hin sarmisiisa,
qarummaa ifiitiin bineensa guddaa abbaayaa keessaa ka, ‹Rahaab› jedhamu hin kukkuta.
13
Inni hafuura ifiitiin ol-gubbaa qulqulleessee,
harka ifiitille'een jawwee lowiisatti jirtu woraane.
14
Kun duudiin waan Waaqi huju keessaa diqqo'o;
nuuti hasaassaa isaa qofa dhageenna;
mandiisuu hunna isaa eentu hubatuu dande'a ree?» jedhe.
Powered by Seed Bible API
expand_more
Search
All books
Old Testament
New Testament
chevron_left
Previous Chapter
Books
search
Search
explore
Discover
share
Share
chevron_right
Next Chapter