Kitaaba Iyoobii19gax_twf

Iyoob

1Achiin duuba Iyoob deebisee,2«Isin haga yoomii na farrisiittan?Haga yoomii jechaan lafee na cassitan?3Isin deddeebitanee na arrassitan;daba na irratti hujjanuuf hin fokkifattanuu?4Dhuguma yoo dokonkoree jiraadhe,dokonkorri sun anuma qofa miidha.5Dhuguma isin na irratti ifi ol ol qaddanee,qaanii tiyya waan anaan morontanuunyoo godhattane,6ka na farrisiisee,tiyyoo ifiitiin na marsee xaxeWaaqa akka te'e beeka'a.
7«‹Hunnaan na irratti ka'ane› jedhee iyyadhulle,deebii hin dhagganne.Qoonqoo tiyya ol qabadhee dhageessifadhulle,muraa haqaa hin dhagganne.8Waaqi akka ani hin dabarreefkaraa natti cufeera;daandii tiyyalle dukkanaan golleera.9Inni ulfinna kiyya na irraa fuudhee,kallachalle mataa kiyya irraa buuseera.10Inni karaa maraan nafa kiyya caccassee hurbee,addii tiyyalle akka mukaa buqqiseera.11Inni mufii ifii na irratti bobeessee,akka diina ifiititti na laakkowe.12Inni na balleessiisaaf loltoota ifii erge;isaan adaala dunkaanii tiyyaatittikushee hujatanee qubatane.
13«Waaqi obboleeyyan tiyya na irraa fageesse;worri na beekulle alagaa akka natti te'u godhe.14Firri kiyya na irraa fagaate;jaaloti tiyyalle na dedhane.15Keessummooti ani mana kiyyatti keessummeessena dedhane.Dubartooti tajaajiltooti tiyyaakka ormaatitti na laakkowane;akka alaga'aalle na ilaalane.16Ani tajaajilaa kiyya waame,inni ammoo na jalaa dide;akka na qarqaaruuf yennaa kadhadhelle na didate.17Haati manaa tiyya foolee hafuura kiyyaa jibbite;obboleeyyan tiyyaayyuu na diqatte.18Ijoolleen didiqoonuu na tuffatti;yennaa na dhagganu natti murgan.19Jaaloti tiyya ta ani addadhu na diqatte;worri ani jaaladhulle na irratti ka'e.20Foon kiyya dhumatee,gogaan kiyya lafee tiyyatti maxxanee,irgi ilkaan kiyyaa callaan jiruun ani hafe.
21«Ee jaalota tiyya,harki Waaqaa waan na dhoweef,naaf marara'a!Naaf marara'a!22Akkuma Waaqi na miidheisinille maaf na miitan?Haga ammaa ka na miitaneisin hin gewuu?
23«Maalo'o, dubbiin ani haga ammaa dubbadhebarreeffantee, kitaabatti adoo galmeeffantee!24Maalo'o, bara baraan akka yaadatantuufmeya sibiilaatii fi irsaasaatiinrassaa irratti qiriixantee adoo hin barreeffantuu!25Ka na wodu jiraataa akka te'e,muummee irralle'etti,dhugaa bayiisaaf lafa irra akka dhaabbatu hin beeka.26Gogaan kiyya nyaatamee dhumateen duuba te'ullefoon kiyyaan jiraadheeWaaqa akka dhaggu hin addadha.27Anumattuu isa dhagga;ani ila tiyyaan isuma dhagga malee,ka dhibi'ii moti.Gadhaan kiyya guyyaa san guddoo dharra'a.
28«Isin, ‹Sababi rakko'ootuu isuma keessa waan jirtuuf,nuuti attam isa miina?› yoo jettane,29mufiin Waaqaa shallaaga'aan adabamiisawaan fidduufisin shallaagaa san sodaadha'a;muraalle akka jirtu beeka'a» jedhe.