Kitaaba Iyoobii18gax_twf

Biildaad

1Achiin duuba Biildaad nami biyya Shu'aa deebisee,2«Iyoob, ati yoom dubbattee fixxa?Caqasi, nuutille hin dubbanna.3Ati maaf akka hori'ii nu laakkotta?Ila teeti duralle'ettimaaf akka gowwa'aatitti nu laakkotta?4Ati aarii teetiin ifuu miita malee,latti sababa keetiif hin ontu;yookiin rassaan addee ifii irraa hin tacho'u.5Issaan worra hamaaleyyi'ii hin dhaama;bobeenni ibidda isaaniille ijjumaa hin bobe'u.6Issaan dunkaanii isaanii keessa jiru hin dhaama;ifille hin dukkanowa.7Hunni tarkaaffii isaanii hin laatti ;malli isaaniituu isaan hin gufachiisa.8Miilli isaaniituu tiyyoo keessa isaan hin galcha;gara boolla keessa bu'anuulle hin deeman.9Tiyyoon komee isaanii hin qaddi;fonxoroolle jabeessitee isaan hin qaddi.10Wodaroon isaan qaddulafa keessatti dhoffanteerti;tiyyoolle karaa isaanii irratti afanteerti.11Wonni nama bararassuisaan marsiteerti;hordotteelle isaan hin ariiti.12Hunni isaanii beelaan dhumatteerti;badiille qophoottee isaan eegatti.13Dhukkubi gogaa nafa isaanii hin fixa;duuti harkaa fi miila isaaniille hin nyaatti.14Dunkaanii addatanee le'anu keessaa hin ari'aman;gara mootummaa du'aalle hin geeffaman.15Mana isaanii keessattiwonni takkaalle hin hattu.Qe'ee isaaniitittidhakaan bobe'u hin firfirfama.16Isaan akka muka hidda hunde'een goguutii fidameeleen isaa qoortuu hin te'an.17Qaabbiin isaanii lafa irraa hin baddi;maqaan isaaniille lafa irraa hin bada.18Isaan ifa irraa gara dukkanaatitti hin ari'aman;biyya lafaa irralle'ee hin balleeffaman.19Odduu kolbaa ifiitiidhala yookiin sanyii hin qabaatanu.Addee isaan le'anulle'ettika jiru'uun hafu hin jiru.20Worri gara aduun baatuutii figara aduun seentuuwaan isaan irra geye dhage'aneesodaa guddo'oon qabamane.21Qe'een worra Waaqa malee le'uuaddeen nama Waaqa hin beenneelleakkas teeti» jedhe.