Kitaaba Iyoobii13gax_twf

1«Kunoo, tana mara ilti tiyya dhaggiteerti;gurri kiyyalle dhage'ee hubateera.2Waan isin beettanu anille hin beeka;ani isinii gadii moti.3Ani ammooWaaqa waan mara dande'u woliin dubbadhee,haajaa kiyya isa woliin falmuu fedha malee,si woliinii moti.4Isin ammoo dharaan hallitan;isin akka ogeeyyiieennulle fayyisuu hin dandeennee ti.5Ani silaa adoo cadhittane fedha,sun isiniif qarummaa hin teetiiyyu.6Amma falmata kiyya dhage'a'a;iyyata afaan kiyyaalle caqasa'a.7Isin Waaqaaf jettanee dhara dubbattanii?Isaaf jettanee soballe dubbattanii?8Isin isaaf rogaartanii ree?Kora mura'aa durattihaajaa Waaqaaf falmitanii ree?9Waaqi yoo isin qorqoreisiniif dansa'aa ree?Yookiin akkuma nama soddanuWaaqalle sobuu hin dandeettanii ree?10Isin dhossa'aan yoo roddane,inni dhugumaan isin hin xixa.11Arinyi isaa isin hin bararassuu ree?Ulfinni isaa isin hin sodaachisuu ree?12Mammaassi keessanakka daadha'aa bu'aa hin qabu;falmiin teessan akka faaraa caccaddi.
13«Me na irraa cadhisa'a;wonni feete natti dhuttuutii,ani hin dubbadha.14Ani maaf ifi rakkiseelubbuu tiyyalle harkatti qabadhee le'a?15Waaqi yoo na ijjeeselle,ani isuma addadha;dhugaa tiyyalle isuma duratti falmadha.16Worri Waaqa malee le'uWaaqa dura dhikaatuu waan hin dandeenneef,kun fayyinna kiyyaaf te'a fa'a.17Dubbii tiyya akka dansaa caqasa'aatii,waan ani jedhullegurri keessan dhage'uu ti.18Ani dubbii tiyya akka dansaaqopheeffadheera;akka dhugaa dhaggadhulle hin beeka.19«Ka na himatu jiraa ree?Yoo jiraateani adoo hin falmatin cadhisee hin du'a.
20«Ee Waaqa!Akka ani fuula keeti duraa hin dhokanneef,waan lamaan kana qofa si gaafadha:21Na adabiisa lakkisi;arnya keetille'een na hin bararassin.22Achiin duuba na waami,anille hin owwaadha.Yookiin ani hin dubbadhaati deebii naaf kenni.23Yakkaan tiyyaa fi cubbuun tiyyahagam heddatti?Balleessaa tiyyaa fi cubbuu tiyyanatti himi.24Ati maaf fuula keeti na duraa dhoffattee,akka diina keetiititti na laakkotta?25Ati akka baala qilleensi fuudhee ideemuu na sodaachisaa,akka hicaacee goddu'uu na ariitaa?26Ati himannaa hadhoottuuna irratti barreessite.Gatii yakkaa bara ijoollummaa tiyyaalle,akka dhaggadhu goote.27Ati miila kiyya jirma oddu'utti hiiteerta;tarkaaffii tiyya duudii hin eedda;faana miila kiyyaalle hin qorqorta.
28«Tanaaf ani akka waan shamee,akka woyaa qu'een nyaattee hin bada.