Kitaaba Iyoobii10gax_twf

1«Ani jiruu tiyya jibbeera;tanaaf ittuma gungumaa,hadhaa lubbuu tiyyaa hin dubbadha.2Ani Waaqaan,‹Waan na loltuuf natti himi malee,natti hin murin!3Mala worra hamoole'ee fudhattee,hujii harka keetii tuffattee,na cunqursiisi si hin gammachiisaa?4Ati ila nama foonii qaddaa ree?Akkuma nami ilaalu ilaaltaa ree?5Guyyooti keeti akka guyyoota namaatii ree?Yookiin woggooti keeti akka woggoota namaatii ree?6Ati maaf yakkaa tiyya barbaaddee,cubbuu tiyya qorqorta?7Akka ani yakkaa hin qannee fiharka keeti keessaa nami na baasuakka hin jirre ati hin beetta.
8«‹Ka miidhassee na dade harka keeti;amma deebitee na balleessitaa?9Faara irraa akka na dadde qaabadhu;ammalle biyye'etti na deebisu'uufii ree?10Ati akka aananii na dhangalaattee,akka itittu'uu na hin itichinee ree?11Goga'aa fi foon natti uffittee,lafe'ee fi ribu'uun wolitti qassiitte.12Ati jiru'uu fi jaalala bara baraa keetinaaf kenniteerta;eeddoon teetina jiraachitteerti.13Ati ada waan kanagadhaa keeti keessatti dhoffatteerta.Kun karoora keeti akka te'eani hin beeka.14Ani yoo cubbuu hujeati hin dhaggita;yakkaa tiyyalleadaddu malee hin lakkittu.15Hamaalessa yoo te'e,naaf aanne'e!Nama balchaa te'ulledande'ee mataa kiyya ol hin qabadhu.Ani waan salphadheefrakko'oon guutameera.16Yoo mataa kiyya ol qabadhe,ati akka neenqaa na adansita.Na miidhiisaafilleitti deddeebitee hunna teeti sodaachittuunatti mudhitta.17Ati dhugaa baatota haareya na irratti kaatta;mufii teeti natti fakkansita;loltoota haareya natti fidda.
18«‹Waaqa kiyya, maaf akka ani dhaladhu na goote?Ilti nama tokkoolleadoo na hin dhagginadoo du'ee hin jiraadhuu!19Adoo dhalatiisa hin dhabuu!Yookiin gadaamessa keessaagara awwaalaa adoo hin geeffamuu!20Barri jiruu tiyyaa gabaaba'aa motii?Bara gabaabaa kana keessattidiqqumalle akka gammadu na lakkis.21Ani gara lafa deebi'anee hin gallee,lafa dimimmisaatii fi dukkana dimmaa,22gara lafa dukkana dimmaagara lafa gaaddisa du'aagara lafa nageya hin qannee,addee ifi akka dukkanaa te'eadoo hin dhaqindiqqumalle akka gammadu na lakkis› hin jedha» jedhe.