Kitaaba Ermiyaasii Raagichaa9gax_twf
1Ani kolbaa tiyya ta qalanteef,Halkanii fi guyyaa akka bowuuf,mataan kiyya madda bisaaniiilti tiyyalle burqaa imimmaanii adoo teetee hin halcha!2Kolbaan tiyya gaarayyeeffattootaa figumii hin addatanne waan teeteef,ani isaan lakkisee, irraa fagaadhee deemeegoomolee keessatti addee keessummooti bultuadoo qabaadhee hin fedha.3Mootiin Waan Maraa, «Isaan dhara dubbatiisaaf,akka guube'ee arraba ifii qopheeffatan;isaan lafa tana irratti hammeenna irrattihammeenna dabalatan malee,dhuga'atti hin jabaatanu; analle hin beekanu.4Nami marti sobaalessa,jaalli martille hamatticha waan te'eef,obboleessi obboleessa ifii irraa ifi eegatuu ti;jaallille jaala ifii hin addatin.5Jaalli jaala ifii hin soba;dhugaa ka dubbatu hin jiru.Isaan arraba ifii soba dubbatiisa barsiisaneeran;cubbuu hujiisaan ifi dadhassiisaneeran.6Ati soba odduu leeta;Isaan soba ifii irraa ka ka'e,na beekiisa didaneeran» jedha.7Tanaaf Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade,«Kunoo, ani akka sibiilaa baqisiisee,kolbaa tiyya haga hin ilaala;sababa cubbuu kolbaa tiyyaatiif,waan dhibii maan godhuu dande'a ree?8Arrabi isaanii akka daaya nama ijjeesuu ti;afaan isaaniille soba dubbata.Isaan nama maratti dubbii dansaa dubbatan;gadhaa ifii keessatti ammoomala hamaa isaaniif dhowan.9Waan kanaaf ani isaan hin adabuu ree?Kolbaa akkanaa tana ani haluu hin bayuu ree?» jedha.10Gaarotii fi addeen horiin dheedu ontee,namille keessa waan hin ideenneef,madhi hori'ii achi keessa waan hin jirreef,allaatti'ii fi bineensoti achi keessaa waan baqataneef,ani wiiccifadhee isaaniif hin bowa.11Mootiin Waan Maraa, «Yerusaalem tuulaa bututaa,addee jeedalti keessa leetu hin godha;qachoota Yihuda'aalle onaka nami keessa hin leene hin godha» jedha.12Nami qaroon waan kana hubatuu dande'u eennu? Mootiin Waan Maraa itti mudhisee, nami waan kana himuu dande'u eennu? Latti maaf akka goomolee nami keessa hin deennee, ona teete ree?13Mootiin Waan Maraa deebisee, «Seera ani isaaniif kenne lakkisanee, naaf waan hin ajajaminiif yookiin akka seera kiyyaatitti waan hin ideeminiif tun teete.14Isaan mata-jabeeyyii te'anee, akka fedhii ifii ideemiisaan akkuma abbootiin isaanii ta durii isaan barsiitte, waaqota dharaa Ba'aal waaqonfatane.15Tanaaf, ani Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii, kolbaa tana sagalee hadhoottuu hin nyaachisa; bisaan hadhaa qabu hin obaasa.16Ani gosa biyya adda addaa ta isaan yookiin ta abbootiin isaanii ta durii hin beenne oddu'utti isaan hin bittinneessa; haga isaan balleessutti shallaaga'aan isaan hin ari'a» jedha.