Kitaaba Ermiyaasii Raagichaa8gax_twf

1«‹Mootiin Waan Maraa, «Yennaa san lafee moototaa fi qondaaltota Yihuda'aa, lafee hayyootaatii fi raagotaa, lafee kolbaa Yerusaalemiille boolla awwaalaa keessaa hin baasan.2Lafeen sun aduu, ji'aa fi urjoota ol-gubba'aa, worra dur jaalatane, worra dur tajaajilane, worra dur hordofane, worra dur gorsa irraa fudhatanee fi worra dur waaqonfatane mara duratti hin xeeraman malee wolitti hin qabamanu yookiin hin awwaalamanu; ammoo akka cego'oo lafatti hin gataman.3Kolbaa hantuu tana keessaa worri jiru'uun hafe marti addee ani isaan ari'e maratti jiruu irra du'a hin filatan» jedha.

Adabbii Cubbuun Fidde

4«‹Mootiin Waan Maraa: Nami yoo jige,deebi'ee hin ka'uu ree?Nami karaa irraa yoo gore, kara'atti hin deebi'uu ree?5Kolbaan tun maaf gara duubaa deebiti ree?Maaf Yerusaalem yennaa mara gara duubaa deebiti ree?Isaan soba jabeessanee qabataneeran;isaan deebi'iisa didaneeran.6Ani miidhassee isaan caqaseera;isaan ammoo waan sirrii te'e hin dubbatanu.Eennulle: Ani maan hujeera jedhee,hammeenna ifii irraa ka deebi'u hin jiru;akka farda lolaaf qophowe tokkootokko tokkoon isaanii karaa ifii fiigan.7Qongaanuu yennaa ifii beeka;Saphaliisi, risa'aa fi cuquliisyennaa itti godaananu hin beekan.Kolbaan tiyya ammoo seera kiyya hin beettu.
8«‹Worri feenii sobaatiin barreessu eega jiraatee,isin: Seera Mootii Waan Maraa waan qannuuf,nuuti qaroole'e attam jedhuu dandeettan ree?9Worri qarooleen hin fokkifatan; hin salphatan;tiyyoolle'een hin qabaman.Jecha Mootii Waan Maraa eega lakkisaneeqarummaa attamii qabaatan ree?10Tanaaf ani Mootiin Waan Maraaniitota isaanii namoota dhibi'iif hin kenna.Fichaa isaaniille ormaaf hin kenna.Diqqaa irraa kaasee haga guddaa isaaniititti,marti isaanii bu'aa isaanii hin malleef joljolan;raagotii fi hayyooti akkasuma marti isaanii nama soban.11Madaa kolbaa tiyyaa akka waan salpha'aatitti laakkowanee,akka maltetti hin cidhoomanu.Nageenni adoo hin jiraatin:Nageya! Nageya! jedhan.12Waan battii yennaa hujanu fokkifataneeraniiyyuu?Waawwo'o ijjumaa hin fokkifanne;isaan attam akka salphatanu hin beekanu;Tanaaf worra jige oddu'utti hin jigan;yennaa ani isaan adabulle hin salphatan.
13«‹Mootiin Waan Maraa:Ani waan isaan galfatanu mara hin balleessa;muka woyni'ii irra midhaan woyni'ii,muka harru'uu irra midhaan harru'uu hin jiraatu;koolli isaaniille hin qoora;wonni ani isaaniif kenne martiisaan irraa hin fudhatama› jedha» jedhe.
14Kolbaan sun deebittee, «Nuuti Mootii Waan MaraaWaaqa keenna duratti cubbuu waan hunyeef,inni bisaan hadhaa qabu nu obaasee akka bannu nu godheera;nuuti maaf as teenna ree?Wolitti qabannee gara qachaa dalleya dhaka'aa qabuu baqannee,achitti banuu ti.15Nuuti ‹Nageenni hin te'a› jennee addanne;ammoo wonni dansaan hin teene.‹Yennaa fayyinnaatitti te'a› jennee addanne;ammoo bararaqatti te'e.16Fooqqisiisi fardoo diinotaa biyya Daanii irraa dhage'ame;yennaa isaan himimmisanu latti marti tachoote.Isaan lafaa fi waan isii keessa jiru maraqacha'aa fi worra isii keessa le'anu liqinsiisaaf dhufane» jetti.
17Mootiin Waan Maraa, «Kunoo, ani dhudhuufaa hadhaa qabuka worri xanoo xanu dhooggee hin dandeenne,odduu teessanitti hin erga;isaanille isin hin iddan» jedha.

Ermiyaas Kolbaa Ifiitiif Gadde

18Gaddi hamaan na dhaqqabeera;ani gaggabeera.19Iyya kolbaan tiyya biyya fago'oo irraa,«Mootiin Waan Maraa Xiyoon keessa hin jiruu?Mootiin isi'ii achi keessa hin jiruu?» jettu dhage'i.Waaqi ammoo, «Isaan fakki'ii fi waaqota dharaa ka ormaawaaqonfatiisaan maaf na aarsan» jedha.20Kolbaan, «Yennaa midhaan galfatanu dabarte;bonni dhumate; nuuti rakkoo keessaa hin baane» jetti.21Kolbaan tiyya waan miidhanteef anille miidhameera;ani bowe, sodaadheelle bowe.22Giil'aad keessa qorsi dibatanu hin jiruu?Cidheessi achi hin jiruu?Madaan kolbaa tiyyaa maaf hin fayyine ree?