Kitaaba Ermiyaasii Raagichaa51gax_twf

Ammalle Muraan Baabilon Irratti Murante

1Mootiin Waan Maraa, «Kunoo, ani Baabilonitti,kolbaa isi'ii worra na mormu irrattiqilleensa isaan balleessu hin kaasa.2Baabilon bittinneesseelafa isi'ii duwwaa godhiisaaf,ani orma isi'itti hin erga.Guyyaa badii isi'ii karaa maraan marsaneeisii hin lolan.3Isiin meya ifii ka lolaa yoo hidhatte,guubee ifiille yoo qopheeffatte,isinille daaya keessan isi'itti darbadha'a.Dargaggoota isi'iitiif hin nayina'a;loltoota isi'ii mara fixa'a.4Isaan lafa Baabilonii keessatti madowaneekaraa keessatti hin du'an.5Latti isaanii ana Woyyicha Israa'elii durattiyakka'aan ta guutante teetulle,ani Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade Waaqi isaanii,Israa'elii fi Yihudaa hin lakkinne.6Baabilon keessaa baqadha'aatii,lubbuu teessan hamburadha'a!Sababa yakkaa isi'iitiif hin badina'a.Yennaan ani Mootiin Waan Maraasababa yakkaa isi'iitiif haluu bayu waan geetteef,ani akka hujii isi'iititti gatii isi'iif hin kenna.7Baabilon harka Mootii Waan Maraa keessattiakka muduunuu worqii irraa hujantee ti;isiin lafa duudii macheessiteerti;gosi biyya adda addaadaadhii isi'ii ta woyni'ii unanee,maraataneeran.8
Baabilon dedhuma jiddee hin caccaddi;isi'iif wiiccifadha'aa bowa'a!Dedha hin fayyiti fa'a te'a,madaa isi'iitiif qorsa dibattu barbaada'a!» jedha.
9Worri ormaa ka achi keessa le'u,«Nuuti Baabilon fayyisiisaaf wodhaanneerraayyu;isiin ammoo fayyuu hin dandeenne;muraan isii irratti muranteakka duumensaa ol kaatee,gubbaa waan dhaqqaddeef,isii lakkinnee,tokko tokkoon keenna gara biyya teennaa deenna» hin jedhan.10Yennaa san kolbaan Israa'eliitii fi kolbaan Yihuda'aa,«Mootiin Waan Maraa dhugaa waan nu'uuf baaseef,kowa'a, waan Waaqi keenna Mootiin Waan Maraa hujeXiyoon keessatti lallannaa ti» hin jedhan.11Daaya qaradha'aatii,Wontee fudhadha'a!Yaadi Mootii Waan MaraaBaabilon balleessiisa waan te'eef,mootota Medoonii itti kakkaaseera.Mootiin Waan Maraa haluu hin baya;Galma ifiitiif haluu hin baya.12Dalleya Baabilonii diigiisaaf,beessisa keessan ol kaasa'a!Worra eegu itti jabeessa'a;eeddota itti ramada'a!Worra gaadu qopheessa'a!Mootiin Waan Maraawaan kolbaa Baabilonii irratti karoorfate,hin muummessa.13Ati ta bisaan hedduu bira leetu,ta qabeennaan duroonteertu,muummeen teeti dhikaatteerti,haganaa achi bu'aa haqa hin te'in hin dhaggattu.14Mootiin Waan Maraa ka Waan Mara Dade,ifiin kakatee,«Ani dhugumaan namoota akka tuuta awwaannisaasi keessatti hin guuta;isaanille si injifatanee hin qeexalan» jedha.

Faaruu Galataa Ta Waaqaaf Dhikaattu

15Inni hunnaa ifiitiin lafa dade;qarummaa ifiitiin biyya lafaa hundeesse;hubantii ifiitiin ol-gubbaa diriirse.16Yennaa inni qoonqoo ifii ta akka mandiisu'uu dhageessisu,bokkeenni ol-gubbaa keessaa hin shookkisa;inni duumensi qaccee lafaa irraa akka ol ka'u hin godha.Bokkeya keessa mandiisuu hin buusa;qilleensalle mana kuusa'aa ka ifii keessaa hin baasa.
17Nami martinuu daalle'ee fi worra beekkumsa hin qanne;nami worqii baqisiisu martiwaaqota dharaa ka ifii huje saniin fokkifateera.Fakkiin inni huje ta dharaa ti;hafuurri keessa hin jiru.18Isaan waan bu'aa hin qanne,meya murgo'oo ti;yennaa muraan itti dhuttu hin badan.19Waaqi Yaaqoobii ammoo akka waaqota dharaa kanaatii moti;waan mara ka dade isa;inni kolbaa Israa'elii gosa addaa akka isaaf teetu filate.Maqaan isaa Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade.

Burrisa Mootii Waan Maraa

20Mootiin Waan Maraa «Ee Baabilon,ati burrisa kiyyaa fi meya woraanaa kiyya.Ani si'iin gosa biyya adda addaa butucha;si'iin mootummoota balleessa;21si'iin fardaa fi abbootii fardaa butucha;si'iin garreettaa fardaan harkifamuu fi worra isa oofu butucha;22si'iin dhiiraa fi dubartii butucha;si'iin jaarsaa fi ijoollee butucha;si'iin dargaggeessaa fi dargaggeettii butucha;23si'iin tissitootaa fi hoolee butucha;si'iin qonnaan bula'aa fi qotiyyoo butucha;si'iin bulchitootaa fi qondaaltota butucha» jedha.

Adabamiisa Baabilonii

24Mootiin Waan Maraa, «Waan hantuu worri Baabiloniitii fi worri isii keessa le'u,Xiyoon irratti hujaneef,ani iluma teessan duratti gatii isaaniif hin kenna.
25«Ee Baabilon, ee gaara lafa mara balleessitu,kunoo ani si irratti ka'eera;ani si loliisaaf harka kiyya si irratti diriirfadhee,bowwaa rassa'aa irraa gad si hin konkolaachisa;akka gaara gubatee si hin godha.26Ati haga bara baraa duwwaa waan teetuuf,dhakaan roga ijaarsaa,dhakaan hunde'eelle si keessatti hin dhaggamu.
27«Beessisa lolaa lafa mara keessatti ol kaasa'a!Gosa biyya adda addaa oddu'utti tultullaa afuufa'a!Isii loliisaaf kolbaa qopheessa'a!Mootummaa Araaraatiimootummaa Miiniitii fimootummaa Ashkenaasii,Baabilon loliisaaf waama'a.Ajajaa loltootaa itti fila'a;fardoo akka tuuta awwaannisaa itti erga'a.28Mootota Miidiya'aa,bulchitootaa fi qondaaltota isi'ii mara,biyya isaan bulchanu maragosa biyya adda addaa tana maraisii loliisaaf qopheessa'a.29Akka nami tokkolle achi hin leene,lafa Baabilonii duwwaa godhiisaaf,karoorri ani Mootiin Waan Maraaisii loliisaaf qopheesse waan muummowuuf,latti raafantee hin rommiti.30Loltooti Baabilonii loliisa lakkisaneeran;Kushee jadduu ifii keessa tee'aneeran.Isaan hunna dhabanee,akka dubarti'ii te'aneeran;mana isaaniititti ibiddi qassiifameera;danqaraan karra isaaniille caccabeera.31Qachaan karaa maraan akka qabame,mootii Baabiloniititti himiisaaf,nama rukkisu gula ka dhibiin,nama ergame gula nami ergame ka dhibiin rukkisaa,32‹Malkaan marti qabanteerti;addeen itti dhokatanuqocceen qarqara bisaanii gubatteerti;loltootille bararaxxeerti› jedhan» jedhe.33Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii:«Baabilon akka eeddummeemidhaan itti dhowatanuu hin teeti;guyyaan Baabilon akka midhaanii dhowantuariifatee hin dhufa.34Worri Xiyoon keessa le'u,‹Mootiin Baabilonii Nebukadnezaarakka jawwe'ee nu liqinsee,caccassee nu nyaatee,akka okkotee duwwaa jirtuu nu godhe.Cooma kennaan gadhaa ifii guutateedeebisee nu tufe.35Kolbaan qachaa Xiyoonii marti: Wonni nu irratti te'e,Baabilon irralle'etti te'uu ti› hin jedhan;kolbaan Yerusaalemiille, ‹Dhiigi keenna akka dhangala'e,dhiigi Baabiloniille dhangala'uu ti› hin jedhan.36«Tanaaf ani Mootiin Waan Maraa kolbaa Yerusaalemiitiin:«Kunoo ani marroo teessaniif falmadheeworra Baabilonii irratti haluu hin baya;ani laga isaaniitii fi bisaan isaanii hin gossa.37Baabilon tuulaa bututaa,addee jeedalti itti galtu,waan hantuu nami dhaggee bararaqu,waan nami ittiin murguu,addee nami keessa hin leene hin teeti.38Kolbaan Baabilon martiakka neenqaa hin harqan;akka ilmee neenqaalle hin gurura'an.39Yennaa isaan waan nyaatanu dhabanee gubatane,akka isaan unanee machowanuareertii isaaniif hin qopheessa;achiin duuba isaan gammadaan hirriiba hamaaka deebi'anee hin dammandhe hin rafan.40Ani akka buruusota hoole'ee,akka korbeeyyii hoole'eetii fi akka korbeeyyii re'e'eeakka isaan qalamanu hin godha.41Qachaan Baabilonii attam booji'ame!Ka biyyi lafaa ittiin koortu attam qabame!Baabilon gosa biyya adda addaa oddu'uttiattam waan hantuu nami dhaggee bararaqu teete!42Abbaayaan Baabilon irra hin yaa'a;danbaliin shookittu isii irra hin dhangalaati.43Qachooti Baabiloniika nami keessa hin leenee fika nami keessa hin deddeebinelafa godduu goomolee, ona hin te'an.44Baabilon keessatti waaqa dharaaka ‹Beel› jedhamu hin adaba;waan inni liqinselle akka diddigu hin godha.Haganaa achi gosi biyya adda addaagara isaa hin yaa'anu;Dalleenni Baabiloniille hin jiga.45Ee kolbaa tiyya isii keessaa baya'a!Lubbuu teessan hamburadha'a!Aarii tiyya jadduu jalaa baya'a!46Oduun lafa irratti yennaa dhage'antuuaddii hin kutatina'a yookiin hin sodaatina'a!Bulchaan bulchaa irratti hin ka'a;hammeennille lafa irratti hin te'a;oduun tuun baranata dhibiille bara dhufu hin dhutti.47Dhugumaan barri ani waaqa dharaa ka Baabilonii adabu hin dhufa;latti isi'ii duudiin hin salphatti;worri ijjeefamane marti achi keessatti hin jigan.48Diinoti gara kaabaatii dhufaneeBaabilon waan lolanuuf,ol-gubba'aa fi latti,wonni isaan keessa jiru martinuugammadaan Baabilon irratti hin ilillisan.49Baabilon namoota biyya lafaa duudii akkuma fixxe,kolbaa Israa'eliille waan fixxeefisiille hin baddi.50Ee isin worri shallaagaa jalaa baatane,adoo hin turin achii keessaa baya'a;worri lafa fagoo jirtanuana Mootii Waan Maraa qaabadha'a;Yerusaalemille yaadadha'a.
51«Isin ammoo, ‹Worri ormaa addee woyyittiimana Mootii Waan Maraa waan seenaneefnuuti waan arraffanneef,fokkifannee, salphanneerra› jettan.
52«Ammoo barri ani waaqota dharaaka Baabilonii adabu hin dhufa;lafa isi'ii mara irrattiworri madowe hin aada.53Baabilon haga gubba'aa yoo dhaqqadelle,kushee ifii jadduu dheeressitee yoo ijaarrattelle,ani worra lolee isii balleessu isi'itti hin erga.
54«Baabilon keessaa qoonqoon iyyaa,lafa Baabilonii keessaaqoonqoon badii guddo'oo hin dhage'anti.55Ani Mootiin Waan MaraaBaabilon hin balleessa;qoonqoo guddoo isii keessaa cadhi hin godha;qoonqoon diinota isi'iita akka danbalii bisaan guddaa shookkisuuisii keessatti hin dhage'anti.56Ani Mootiin Waan MaraaWaaqa haluu bayu waan te'eefBaabiloniif akka hujii isi'iititti isi'iif hin kaffala;worri balleessu isii loliisaaf hin dhufa;loltooti isi'ii hin qabaman;guubeen isi'iille hin caccaba.57Ani Mootichi ka maqaan kiyya,‹Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade› jedhamuqondaaltota isi'ii, qaroolee isi'ii,sooressitoota isi'ii, ajajjoota loltootaatii filoltoota isi'ii hin macheessa.Isaan haga bara baraa rafanee hin dammaqanu.58Dalleenni Baabilonii yabbichi hin diigama;karri isi'ii dhedheertuun ibiddaan hin gubatti;kolbaan isi'ii toluma eloottieloon kolbaa isi'iille ibiddaan hin gubatti» jedha.59Zedeqiiyaan mootii Yihuda'aa te'ee woggaa arfeesso'ootitti, itti gaafatamaan waan mooticha qofaaf barbaachisuu, akaakoon Ma'aseya'aa ilmi Neriiya'aa Seeriyaan isa woliin gara Baabilonii yennaa dhaqe, Ermiyaasiin raagichi erga asii gad jirtu tana isatti hime:60Ermiyaas badii Baabilon irratti dhufiisatti jirtu mara, waan marroo Baabiloniitiif barreeffame mara kitaaba maramaa irratti barreesse.61Inni Seraaya'aan, «Yennaa Baabilon geette, waan kitaaba kana irratti barreeffame mara qoonqoo ol qabadhuutii kolba'aaf dubbisi;62yennaa dubbittu, ‹Ee Mootii Waan Maraa! Ati addee tana, nami yookiin horiin haga keessa hin leenetti haga bara baraa ona hin godha jetteerta› jedhi.63Yennaa kitaaba maramaa kana dubbittee fixxe, dhakaa itti hidhiitii laga Efraaxiisii keessa buusi!64Achiin duuba, ‹Ani Mootiin Waan Maraa badii isii irratti waan fiduuf, Baabilon deebitee akka hin kaane hin liqinfanti; kolbaan isi'iille hin jiddi› jedhi» jedhe. Dubbiin Ermiyaasii as irratti dhumatte.