Ishimaa'el Gedaaliyaa Ijjeese
1Wogguma san keessatti ji'a torbeesso'oo sanyii moototaa keessaa, ajajjoota loltoota mootichaa keessaa tokko ka te'e, akaakoon Eliishaama'aa ilmi Netaaniya'aa Ishimaa'el, namoota kudhan woliin gara Gedaaliyaa ilma Ahiiqaamii Miisphaa dhufe; isaan Miispha'atti wolitti qabamanee nyaatiisatti adoo jiranuu,2ilmi Nataaniya'aa Ishimaa'elii fi namooti kudhan ka isa woliin jiranu akaakoo Shaafaanii ilma Ahiiqaamii Gedaaliyaa ka mootiin Baabilonii Yihudaa irratti bulchaa godhe san shallaaga'aan ijjeesane.3Ishimaa'el Yihudoota worra Gedaaliyaa woliin Miisphaa jiranu mara, loltoota Baabilonii ta achi jirtulle ijjeese.4Gedaaliyaan akka ijjeefame nami tokkolle adoo hin beekin, boruyyaa ganama,5namooti saddeettam gaddaan areeda haadatanee, woyaa ifii tarsaasanee, nafa ifii mummuranee Sheekem, Shiilo'oo fi Samaariyaa irraa kennansa midhaaniitii fi hixaana qabatanee, gara Galma Waaqaa dhufane.6Ilmi Nataaniya'aa Ishimaa'el Miispha'aa ka'ee isaan qophatiisaaf, bowaa gara isaanii dhufe; inni yennaa isaan bira geye, «Gara Gedaaliyaa ilma Ahiiqaamii kowa'a» isaaniin jedhe.7Isaan yennaa qachaa seenane ilmi Nataaniya'aa Ishimaa'elii fi namooti isa woliin jiranu isaan ijjeesanee boolla bisaaniititti gatane.8Namoota saddeettama san keessaa nami kudhan ammoo Ishimaa'eliin, «Nuuti qamadi'ii fi garbuu, zayitii ejersaatii fi damma fichaa keessatti dhoffanneerra; maganne'e nu hin ijjeesin» jedhane; maarre inni worra kaan woliin isaan hin ijjeenne.9Boolli bisaanii guddoon ta Ishimaa'el reeffa namoota shallaaga'aan ijjeesee keessa buuse sun ta mootiin Yihuda'aa Aasaan mootii Israa'elii Baashaan woliin yennaa lole qochisiise; ilmi Nataaniya'aa Ishimaa'el reeffa worra ijjeesee boolla sanitti guute.10Achiin duuba Ishimaa'el kolbaa Miisphaa keessatti hafane mara: ijoollee durraa ta mootichaatii fi worra Miispha'atti hafane ka Nebuzaraadaan ajajaan loltoota mooticha eeganuu, akka ilmi Ahiiqaamii Gedaaliyaan isaan bulchu godhe san mara booji'ee, gara biyya Amoonotaa fudhatee deeme.11Ilmi Qaareha'aa Yohaannaanii fi ajajjooti loltootaa ta isa woliin jirtu marti yakkaa ilmi Nataaniya'aa Ishimaa'el huje mara yennaa dhage'ane,12loltoota ifii wolitti qabatanee ilma Nataaniya'aa Ishimaa'el loliisaaf dhaqane; isaan baleessa guddaa ka Giibe'on keessaa biratti isa dhaqqabane.13Kolbaan Ishimaa'el woliin jirtu marti ilma Qaarehaa Yohaannaanii fi ajajjoota loltootaa ta isa woliin jirtu yennaa dhaggane gammadane;14kolbaan Ishimaa'el Miishipa'aa booji'e marti deebi'anee gara Yohaannaanii ilma Qaarehaa deemane.15Ilmi Nataaniya'aa Ishimaa'el ammoo namoota saddeeti woliin isa jalaa miliqanee gara biyya Amoonotaa baqatane.16Achiin duuba ilmi Qaarehaa Yohaannaanii fi ajajjooti loltootaa ta isa woliin jirtu mara woliin, namoota worra ilmi Nataaniya'aa Ishimaa'el ilma Ahiiqaamii Gedaaliyaa Miishipa'atti yennaa ijjeese san worra booji'ee Giibe'on keessaa fide mara: loltoota, dubartoota, ijoolle'ee fi worra mana mootichaa keessa hujanu mara deebifatane.17Jarri tun Worra Baabilonii jalaa miliqiisaaf ka'anee Betlihem bira Kiimhaa qubatane; achii ka'anee gara biyya Gibxi'ii deemiisaaf qophowane;18Sababa ilmi Nataaniya'aa Ishimaa'el, ilma Ahiiqaamii Gedaaliyaa, ka mootiin Baabilonii bulchaa godhe ijjeeseef, isaan worra Baabilonii waan sodaataneef, gara biyya Gibxi'ii baqatane.