Ermiyaas Gedaaliyaa Woliin Ture
1Ajajaan loltoota mooticha eeganuu Nebuzaraadaan, Raama'atti Ermiyaas hiikeen duuba jechi Mootii Waan Maraa biraa gara Ermiyaasii dhufe; yennaa san Ermiyaas worra Yerusaalemii fi Yihudaa keessaa booji'anee wodaroo sibiilaatiin hidhanee gara biyya Baabilonii geessane woliin jiraayyu.2Ajajaan eeddotaa yennaa Ermiyaas dhagge, qofitti isa baasee, «Mootii Waan Maraa Waaqi keeti lafa tanatti badii akka fidu dubbateeraayyu.3Amma badii san itti fideera; waan dubbate sanille muummesseera; sababa isin kolbaan Yihuda'aa cubbuu hujjanee isaaf ajajamiisa diddaneef, wonni kun marti isin irratti teete.4Kunoo ani adha wodaroo sibiilaa harka keeti irraa hiikee gad lakkisaara. Ati na woliin gara Baabilonii dhaquu yoo jaalatte, koy; anille waan dansaa si'iif hin godha; ati na woliin gara Baabilonii dhaqiisa yoo hin barbaadin ammoo hin dhaqin. Kunoo, latti Yihuda'aa marti si dura jirtii, gara jaalatte deemi!» isaan jedhe.5Ermiyaas deebii adoo hin deebisin, Nebuzaraadaan, «Gara Gadaaliyaa ilma Ahiiqaamii, akaakoo Shaafaanii, ka mootiin Baabilonii qachoota Yihuda'aa irratti bulchaa godhe sanii deebi'iitii isa woliin kolbaa odduu le'i yookiin gara jaalatte deemi» jedhee, kennansa isaaf kennee, galaalle isaaf galaasee gad isa lakkise.6Maarre Ermiyaas gara Gedaaliyaa ilma Ahiiqaamii, ka Miisphaa jiruu dhaqee, isa woliin odduu kolbaa biyyatti hattee le'e.7Ajajjooti loltootaatii fi loltooti Yihuda'aa ta worra Baabiloniititti harka hin kennatin marti, mootiin Baabilonii ilma Ahiiqaamii Gedaaliyaa biyya irratti bulchaa akka godhe, worra hiyyeeyyii dhiira, dubarti'ii fi ijoollee gara biyya Baabilonii adoo hin booji'amin biyyatti hafane irratti itti gaafatamaa akka godhe yennaa dhage'ane,8ilmi Nataaniya'aa Ishimaa'el, ilmaan Qaareha'aa Yohaanaannii fi Yonaataan, ilmi Tanhumetii Seraayaan, ilmaan Efaayii nama qachaa Netofiitii fi ilmi Yaazaaniyaa nama biyya Ma'aakii namoota ifii mara woliin gara Gedaaliya'aa Miisphaa dhaqane.9Akaakoon Shaafaanii ilmi Ahiiqaamii Gedaaliyaan worra gara isaa dhaqane kanaaf kakatee, «Worra Baabiloniititti harka kennatiisa hin sodaatina'a; lafa tana keessa qubadha'aatii mootii Baabilonii tajaajila'a; wonni dansaalle isiniif hin teeti.10Anille Miisphaa keessa le'ee, worri Baabilonii yennaa as dhufanu addee teessan bu'ee isiniif hin falmadha; isin ammoo midhaan woyni'ii, zayitii ejersaatii fi midhaan muka adda addaa wolitti qabadha'aatii okkote'etti kuufadha'aa qachaa qabattane kana keessa le'a'a» jedhe.11Worri Yihudootaa ka Mo'aab, Amooni, Edoomii fi biyya dhibii keessa le'anu marti mootiin Baabilonii biyya Yihuda'aa keessatti Yihudoota garii akka hamburee fi akaakoo Shaafaanii ilma Ahiiqaamii Gedaaliyaa bulchaa isaanii akka godhe yennaa dhage'ane,12Yihudooti marti addee itti bittinnowane mara keessaa deebi'anee, gara biyya Yihuda'aa, gara Gedaaliya'aa Miisphaa dhufanee, midhaan muka woyni'iitii fi midhaan muka adda addaa bacaa wolitti qabatane.13Ilmi Qaarehaa Yohaannaanii fi ajajjooti loltoota Yihuda'aa ta worra Baabiloniititti harka hin kennatin marti gara Gedaaliya'aa Miisphaa dhufanee,14«Mootiin Amoonii Ba'aalis si ijjeesiisaaf ilma Nataaniya'aa Ishimaa'el akka sitti erge ati hin beettuu?» jedhaneen; ilmi Ahiiqaamii Gedaaliyaan ammoo waan isaan jedhane hin dhugeeffanne.15Achiin duuba ilmi Qaarehaa Yohaannaan Miisphaa keessatti dhossa'aan Gedaaliya'atti dubbattee, «Nami tokkolle adoo hin beekin ilma Nataaniya'aa Ishimaa'el ani hin ijjeesa; Yihudooti si biratti wolitti qabante marti akka bittinnoottuu fi worri biyya Yihuda'aa keessatti hafelle akka baduuf inni maaf si ijjeesuu barbaada?» jedhe.16Ilmi Ahiiqaamii Gedaaliyaan ammoo, ilma Qaarehaa Yohaannaaniif deebisee, «Lakkii, ati waan akkasii hin godhin; marroo Ishimaa'elii wonni ati dubbattu dhuga'aa moti» jedhe.