Gaaffii Zedeqiiyaan Ermiyaas Gaafate
1Mootiin Baabilonii Nebukadnezaar addee Koniyaa ilma Yehoyaaqiimiititti, ilma Yosiyaasii Zedeqiiyaa biyya Yihudaa irratti mootii godhe.2Te'uu malee zedeqiiya'aa fi tajaajiltooti isaa, kolbaa lafa saniille jecha Mootii Waan Maraa ka Ermiyaasiin raagichi dubbate hin dhageenne.3Mootichi Zedeqiiyaan ilma Shelemiiya'aa, Yukaalii fi ilma Ma'aseya'aa Safaaniyaa hayyicha gara Ermiyaasii ergee, «Maganne'e, gara Mootii Waan Maraa Waaqa keennaa nu'uuf daadimadhu» jedhe.4Yennaa san Ermiyaas mana hidha'aatitti waan hin galiniif, kolbaa odduu akka fedhe deddeemaayyu.5Worri Baabilonii ka Yerusaalem marsaneeranu, loltooti mootii Gibxi'ii lolaaf biyya Gibxi'ii keessaa akka bayane oduu yennaa dhage'ane, Yerusaalem lakkisanee baqatane.6Achiin duuba jechi Mootii Waan Maraa gara Ermiyaasii raagichaa dhufee,7«Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, ‹Mootii Yihuda'aa ka akka isin gorsa Ermiyaas gaafatanuuf gara kiyya isin ergeen: Kunoo, loltooti mootii biyya Gibxi'ii ka isin qarqaariisaaf dhufane, gara biyya ifii Gibxi'itti hin deebi'an.8Achiin duuba worri Baabilonii deebi'anee dhufanee, qachaa kana hin lolan; isaan qachaa kana qabatanee hin guban.9Worri Baabilonii isin irraa waan hin deeminiif, deemaneeran seetanee ifi hin sobina'a.10Isin loltoota Baabilonii worra isin loliisatti jiru adoo injifattanelle'ee, isaan keessaa worri madowee dunkaanii ifii keessatti hafe callaan, bayanee dhufanee qachaa kana hin guban jedha› jedhiin» jedhe.Ermiyaas Qabamee Hidhame
11Loltooti worra Baabilonii, loltooti mootii biyya Gibxi'ii akka dhikaatane beekanee, Yerusaalem lakkisanee duuba,12Ermiyaas qooda lafa ifii fudhatiisaaf, Yerusaalemii ka'ee, gara lafa Beniyaamin dhaqe.13Inni dhufee karra Yerusaalemii ta, «Karra Beniyaamin» jedhantu yennaa geye, ajajaan eeddotaa ka maqaan isaa, «Yiriyaa» jedhamu, ilmi Shelemiiya'aa akaakoon Hanaaniya'aa, «Ati finqiltee gara worra Baabilonii deemaarta!» jedhee isa qabe.14Ermiyaas deebisee, «Lakkii, akkasii moti! Ani finqilee gara worra Baabilonii deemiisatti hin jiru» jedhe. Yiriyaan ammoo dubbii isaa dhugeeffatuu didee, isa qabee gara qondaaltotaa geesse.15Isaan guddoo Ermiyaasitti aaranee isa dhaananee, mana Yonaataanii barreessichaa ka mana hidha'aa godhataneeranu keessatti isa hidhane.16Ermiyaas Kolloo mana boolla keessaa san keessatti hidhamee yennaa hedduu ture.17Achiin duuba mootichi Zedeqiiyaan nama ergee gara mana mootumma'aa ka ifii isa fidee, «Wonni Mootiin Waan Maraa sitti dubbate jirtii?» jedhee qofuu isa gaafate. Innille deebisee, «Ee, hin jirti; ati harka mootii Baabiloniititti dabarfantee hin kennanta» jedhe.18Achiin duuba Ermiyaas mooticha Zedeqiiya'aan, «Ani maan si yakke? Tajaajiltoota teetii fi kolbaa teeti irralle'etti yakkaa maan hujeef na hiisitte?19Raagoti teeti, ta ‹Mootiin Baabilonii si'ii fi lafa tana hin lolu› jedhanee raagane eessa jiran?20Ee goottaa kiyya mooti'i! Maganne'e waan ani sitti himadhu akka naaf dhageettu si kadhadha! Ani achitti akka hin duune deebittee mana Yonaataanii barreessichaatitti na hin hiisisin!» jedhe.21Maarre mootichi Zedeqiiyaan kolloo eeddotaa ta badhinna mana mootumma'aa keessatti akka hidhamu ajajee, daabboon qachaa keessaa haga dhumatutti karaa worra daabboo bilcheesuutiin guyyuma guyya'aan daabboo tokko tokko akka isaaf kennanu godhe. Maarre Ermiyaas kolloo eeddotaa ta badhinna mana mootumma'aa keessa ture.