Kitaaba Ermiyaasii Raagichaa30gax_twf

Waadaa Waaqi Kolbaa Ifiitiif Gale

1Jechi Mootii Waan Maraa ka gara Ermiyaasii dhufe ka asii gad jiru;2Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, «Jecha ani si'itti dubbadhe mara kitaabatti barreessi.3Kunoo barri ani kolbaa tiyya Israa'elii fi Yihudaa boojuu keessaa deebisu dhufiisatti jira; ani gara lafa abbootii isaaniitiif kennetti isaan hin deebisa; latti sunille ta isaanii hin teeti» jedhe.4Mootiin Waan Maraa marroo Israa'eliitii fi Yihuda'aa dubbatee,5«Isin, ‹Nuuti iyya soda'aatii fibararaqiisaa dhageenneerra;nageennille hin jiru› jettaneertan.6Me, gaafadha'aatii ilaala'a!Dhiirti deyuu hin dandeettii?Maaf dhiirti martiakka dubartii ciniinsifattuuharka ifiitiin gadhaa ifii qabatteefuulli nama maraa shankaloweeruundhagga ree?7Aanne'e! Guyyaan sunguyyaa hama'a;guyyaan akka isaa hin jiraatu.Sanyii Yaaqoobiitiif guyyaa rakkinnaa ti;isaan ammoo kanuma keessaa hin hafan» jedhe.
8Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Ani guyyaa san,waanjoo morma isaanii irraa fuudhee hin cassa;hidhaana isaanille hin kuta;haganaa achi ormi garba isaan hin godhatu;9isaan ammoo ana Mootii Waan Maraa Waaqaa ifiitii fisanyii Daawitii keessaa mooticha ani isaanii kaasuhin tajaajilan.10Maarre, ee tajaajilaa kiyya Yaaqoob, hin sodaatin!Ee kolbaa Israa'elii hin rifatina'a!Ani dhugumaan biyya fago'oo irraa isin hin deebisa;sanyii teessanillelafa isaan itti booji'amane keessaa hin deebisa.Yaaqoob deebi'ee bidhaa malee nageyaan hin le'a;ka isa sodaachisulle hin jiru.11Ani isin woliin jira;isin hin gargaara;gosa biyya adda addaata odduu isaaniititti isin bittinneesse maraijjumaa hin balleessa;isin ammoo guutumatti hin balleessu;te'uu malee adoo hin adabin isin hin lakkisu» jedhe.12Mootiin Waan Maraa,«Madaan teessan ta hin fayyine;miidham keessanille ka hin fayyine.13Nami isiniif falmatu hin jiru;madaa teessaniif qorsi hin jiru;isin hin fayyitanu.14Jaaloti teessan marti isin dedhaneeran;isaan haajaa keessan hin qabanu.Yakkaan teessan guddoocubbuun teessanille bacaa waan teeteef,ani akkuma diina dhowanu isin dhowee,marartii maleelle isin adabe.15Isin madaa teessan ta hin fayyineef,dhukkubbii madaa teessaniitiif maaf boottan?Yakkaan teessan guddoo,cubbuun teessanille bacaa waan teeteef,ani waan kana mara isin irratti godheera.16Amma ammoo Worri isin balleessu marti hin bada;diinoti keessan martinuu hin booji'aman;worri isin saamu hin saamama;worri isin dannabu marti hin dannabama.17Diinoti keessan isiniin, ‹Xiyoon gatanteerti;ka haajaa isi'ii qabu hin jiru› jedhanulleani ammoo fayya'atti isin hin deebisa;madaa teessanille hin fayyisa.18«Kunoo, ani kolbaa tiyyaworra sanyii Yaaqoobii keessaa booji'ame hin deebisa;addee isaan le'anutti isaaniif hin marara.Qachaan Yerusaalemiiaddee duriititti deebi'ee hin ijaarama;manni mootumma'aalle addee duriititti deebi'ee hin ijaarama.19Achi keessaa faaruun galataatii fiqoonqoo firinxiixaa hin dhage'anti.Ani isaan hin baceessa malee,laakkossa isaanii hin diqqeessu;Ani ulfinna isaaniif hin kenna maleeisaan hin salphatanu.20Ijoolleen isaanii akkuma durii hin teeti;kolbaan isaanii fuula kiyya durattijabaattee hin dhaabbatti;ani worra isaan cunqursu mara hin adaba.21Namuma isaaniititti isaan sooressa;ka isaan bulchulle odduma isaaniitii hin dhalata.Ani gara kiyya isa hin dhikeessa;innille natti hin dhikaata;yoo akkas hin te'in eentu gara kiyya dhikaatiisaaf gama?22Maarre isin kolbaa tiyya hin teetan;anille Waaqa keessan hin te'a» jedha.
23Kunoo mufiin Mootii Waan Maraata akka bubbee bokkeyaa hin kaati;hobonbolattiin mataa worra hamoole'ee irratti hin buuti.24Mootiin Waan Maraa fedhii ifii adoo hin muummessinmufiin isaa duubatti hin deebitu;bara dhufu'uu jiru keessatti akka dansaa hin hubattan.