Kitaaba Ermiyaasii Raagichaa3gax_twf

Addatamummaa Dhaba Israa'elii

1Mootiin Waan Maraa, «Nami tokko niitii ifii yoo lakkise, isiille isa lakkittee nama dhibii yoo heerumte, deebi'ee isii galfatiisa dande'aa ree? Latti ijjumaa hin battoottuu ree? Ati worra si jaalatu woliin sagaagalteerta; amma ammoo gara kiyya deebi'uu barbaaddaa ree?2Qaccee koobota goddu'uu ol ilaali! Addeen ati irratti hin sagaagalle jirtii? Akkuma worri Arabaa lafa goomole'ee keessatti nama saamiisaaf eegatu, akkasuma atille karaa keessa teettee worra si jaalatu eegatte. Sagaagalumma'aa fi hammeenna keetiin lafa batteessite.3Tanaaf tiifuun dhabantee, bokkeenni hageyyaalle bade. Ati ammalle amala sagaagalumma'aa waan qadduuf, qaanii dhaddeerta.4«Ammalle ati na waamaa, ‹Abbaa kiyya, bara ijoollummaa tiyyaatiin jalqaddee jaala ka naa teete,5ati yennaa mara aartaa? Aariin teeti haga bara baraatii?› jedhaa, ammoo hammeenna hujuu dandeettu mara hujja» jedhe.

Israa'elii Fi Yihudaan Cubbuu Irraa Akka Deebi'anu Waamamane

6Bara Yosiyaas mootii te'eeru Mootiin Waan Maraa anaan, «Israa'eliin addatamummaa hin qanne waan hujje dhaggitee? Isiin kooba dheertuu gubba'aa fi muka banqaaqaa mara jalatti sagaagalteerti.7Tana mara gooteen duuba gara kiyya hin deebiti seyeeyyu; isiin ammoo hin deebine; obboleettiin isi'ii Yihudaan ta hin addatannelle tana dhaggiteerti.8Ani Israa'elii dhugeeffannaa hin qanneef, sababa gaarayyeeffata isi'ii maraaf woraqata lakkeessaa kenneefii ari'e; te'uu malee obboleettiin isi'ii Yihudaan ta addatamummaa hin qanne, tana dhaggitee akka hin sodaanne ani dhagge; isiille baatee sagaagalte.9Isiin sagaagalummaa ifiitiin lafa batteessitee, dhaka'aa fi muka waaqonfatte.10Tun marti teetee, obboleettiin isi'ii Yihudaan ta addatamummaa hin qanne soddee gara kiyya waan deebite fakkaatte malee, gadhaa tokkochaan gara kiyya hin deebine» jedhe.11Achiin duuba Mootiin Waan Maraa anaan, «Yihudaa addatamummaa hin qanne caalaa Israa'elii dhugeeffannaa hin qannetti balcha'a.12Dhaqiitii ergaa tana worra gara kaabaatitti lallabiitii, ‹Ee Israa'elii addatamummaa hin qanne gara kiyya deebi'i; ani mararaa waan te'eef haganaa achi ila aari'iitiin si hin ilaalu; haga bara baraa sitti hin aaru.13Ati ana Mootii Waan Maraa Waaqa keeti finqiltee, naaf ajajamiisa dhabiisaan muka banqaaqaa mara jalatti, ulfinna keeti waaqota ormaatiif waan kenniteef, yakkuma teeti callaa beeki› jedhi.14«Ee kolbaa addatamummaa hin qanne, ani abbaa manaa keessan waan te'eef, gara kiyya deebia'a'a! Ani isin keessaa qachaa tokko tokko keessaa nama tokko tokko, fira tokko tokko keessaa nama lama lama filee, gara Xiyoonii hin fida.15Ani tissitoota worra akka gadhaa kiyyaa isiniif hin kenna; isaanille beekkumsaa fi hubanti'iin isin hin sooressan.16Bara san yennaa laakkossi keessan lafa irratti bacatu, namooti, ‹Saanduqa Gondooro'oo ka Mootii Waan Maraa› jedhanee hin waamanu yookiin hin qalbeeffatanu yookiin hin qaabatanu; Saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraa ka dhibiille hin hujanu.17Yennaa san isaan Yerusaalemiin, ‹Barcumaa mootummaa Mootii Waan Maraa› hin jedhan; gosi biyya adda addaa marti ulfinna naa kenniisaaf Yerusaalem keessatti wolitti hin qabanti. Achiin duuba isaan mataa jabinnaan fedhii hantuu gadhaa ifii hin hordofanu.18Bara san sanyiin Yihuda'aatii fi sanyiin Israa'elii lafa kaabaa ta itti booji'amane irraa wolitti deebi'anee, gara lafa ani abbootii isaaniitiif kennee hin dhufan.

Kolbaan Waaqaa Waaqa Dharaa Waaqonfatte

19«Ani Mootiin Waan Maraa lafa gammachiittu, lafa kolbaa biyya dhibi'ii mara caalaa dansa'aa, si'iif kenniisaaf,akka ilmaan tiyyaatitti attam attam sitti gammada.Ati, ‹Abbaa kiyya› jettee na hin waanta;‹Na hordofiisa irralle'ee hin deebitu› jedhee yaadadheeraayyu.20Ee sanyii Israa'elii, isin ammooakka niitii dhirsa ifiitiif hin addatannee,isinille naaf hin addatanne» jedhe.
21Kolbaan Israa'elii,Mootii Waan Maraa Waaqa ifii deetee,karaa cubbu'uu waan hordotteef,iyyi bowiisaatii fi daadimata isaaniiqaccee koobota goddu'uu irraa hin dhage'anti.22Isin kolbaan addatamummaa hin qanne,addatamumma'aan gara isaa deebi'a'a!Inni adde'etti isin deebisee,worra addatamaa isin hin godha.Isinille, «Inni Mootii Waan Maraa Waaqa keenna waan te'eef, gara isaa hin deebina.23Koobotaa fi gaarota irratti waaqota dharaa waaqonfatiis gowwumma'a; dhugumaan Israa'el Mootii Waan Maraa Waaqa keennaan fayyiti.24Bara ijoollummaa teennaatii jalqabanee waaqoti salphiyyeen sun eloo abbootii teennaa, hoolee isaanii, horii isaanii, ilmaan isaaniitii fi durra isaanii mara nyaatane.25Nuutii fi abbootiin teenna ijoollummaa teennaa jalqannee, haga adhaatitti Mootii Waan Maraa Waaqa keenna irratti cubbuu hunyee, isaafille waan hin ajajaminiif, qaani'iin gad jinnee, salphinna akka woya'aa uffannuu ti» jettaneertan.