Waanjoo Ermiyaas Ba'ate
1Jalqaba bara ilmi Yosiyaasii Zedeqiiyaan mootii Yihuda'aa te'etti, jechi kun Mootii Waan Maraa biraa gara Ermiyaasii dhufee,2«Waanjoo hujiitii hudhaa isaatiin morma keetitti hidhadhu.3Karaa ergantoota worra gara Zedeqiiyaa mootii Yihuda'aa ergamanee Yerusaalem dhufaneetiin gara mootota Edoomii, Mo'aabii, Amoonotaa, Xiiroosiitii fi Sidoonii dhaansa ergi.4Dhaansa kana goottolee ifiititti akka himanu ajaji; Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade Waaqi Israa'elii5goottolee teessaniin, ‹Ani hunna tiyya guddo'oo fi irree tiyya jaddu'uun lafa, kolba'aa fi bineensota lafa irra jiranu mara dadeera; ani nama isaaf kenniisa barbaadeef isii hin keenna.6Ani amma biyya tana mara harka tajaajilaa kiyya Nebukadnezaarii mootii Baabiloniititti dabarsee hin kenna; bineensotille akka isa tajaajilanuuf isaaf kenna.7Haga guyyaan biyyi isaa qabatantu dhufutti, gosi biyya adda addaa marti isa, ilma isaatii fi ilma ilma isaa hin tajaajilan; achiin duuba gosi biyya adda addaatii fi moototi hunnaameyyiin garba ifii isa hin godhatan.8« ‹Kolbaa yookiin mootummaa Nebukadnezaarii mootii Yihuda'aa hin tajaajille yookiin waanjoo isaa jalatti morma ifii gad qabattee, waanjoo mootii Baabilonii hin ba'anne ammoo ani haga kolbaa san harka mootii Baabiloniitiin ijjumaa balleessutti shallaaga'aan, beelaa fi bala'aan isaan hin adaba jedha› jedha'aatii hima'a.9Tanaaf, isin raagota keessanii fi mortoota teessan, worra oojjuu hiiku, worra ekeraa dubbisu, worra xanoo xanu ka ‹Mootii Baabilonii hin tajaajiltanu› jedhanu hin caqasina'a.10Isaan akka lafa teessan keessaa baatanu, akka ani isin balleesseeruun baddanu, raaga dharaa isiniif raagan.11Mootiin Waan Maraa, ‹Kolbaa morma ifii gad qabattee waanjoo mootii Baabilonii ba'attee isa tajaajiltu ammoo lafa ifii keessa teettee akka qotattu hin lakkisa› jedha» jedhe.12Anille erguma tana mootii Yihuda'aa Zedeqiiya'atti himee, «Mootiin Waan Maraa, ‹Morma keessan gad qabadha'aatii waanjoo mootii Baabilonii ba'adha'a. Isa fi kolbaa isaa tajaajila'a. Tana yoo gootane jiru'uun hin jiraattan› jedha.13Atii fi kolbaan teeti shallaagaa, beelaa fi balaa Mootiin Waan Maraa kolbaa mootii Baabilonii hin tajaajilletti fidiisaaf dubbate saniin maaf dhumattan ree?14Jecha raagoti, ‹Mootii Baabilonii hin tajaajiltanu› jedhaa raaga dharaa dubbattu hin caqasina'a.15Mootiin Waan Maraa ‹Ani isaan hin ergine; isaan maqaa kiyyaan raaga dharaa raagan. Tanaaf, ani isinii fi raagota raaga dharaa isiniif raaganu hin balleessa; isin lamaanuu hin baddan› jedha» jedhe.16Achiin duuba ani hayyootaa fi kolbaa tana maraan, «Mootiin Waan Maraa, ‹Raagota: mey Galma Mootii Waan Maraa Baabilon keessaa ariiti'iin hin deebi'a jedhaa raaga dharaa raaganu hin caqasina'a› jedha.17Isaan hin caqasina'a. Jiru'uun jiraattanu motii Baabilonii tajaajila'a. Qachaan kun maaf diigama ree?18Isaan raagota yoo te'ane, jechi Mootii Waan Maraalle isaan keessa yoo jiraate, mey Galma Mootii Waan Maraa keessatti, mana mootummaa Yihuda'aa keessatti, Yerusaalem keessalle'etti hafe, gara Baabilonii booji'amee akka hin fudhatanne Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade kadhatanuu ti» jedhee hime.19Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii, marroo utuboota lama ka Galma Waaqaa duraa, marroo waabaa bisaanii, marroo waan meya irra keyanu ka korboo qabuutii fi marroo meya dhibii qachaa kana keessatti hafee,20ka mootiin Baabilonii Nebukadnezaar yennaa ilma Yehoyaaqiimii Yekoniyaa mootii Yihuda'aa, qondaaltota Yihuda'aatii fi Yerusaalemii booji'ee gara Baabilonii geessee achitti hamburee,21marroo meya Galma Waaqaa keessatti, mana mootummaa Yihuda'aa keessatti, Yerusaalem keessalle'etti hafeetiif,22«Mey kun gara Baabilonii hin fudhataman; haga guyyaa ani isaaniif yaadadhee achii isaan deebisee gara mana mootumma'aa kana isaan fidu dhufutti achuma hin turan» jedha.