Kitaaba Ermiyaasii Raagichaa25gax_twf

Booji'amiisa Woggaa Torbaatamaa

1Ilmi Yosiyaasii Yehuyaaqiim biyya Yihuda'aa irratti mootii te'ee, woggaa arfeesso'ootitti, mootiin Baabilonii Nebukadnezaar mootii te'ee woggaa tokkeesso'ootitti marroo kolbaa Yihuda'aa maraaf jechi Mootii Waan Maraa gara Ermiyaasii dhufe.2Maarre raagichi Ermiyaas kolbaa Yihuda'aa maraa fi worra Yerusaalem keessa le'u maratti dubbatee,3«Ilmi Amoonii Yosiyaas motii Yihuda'aa te'ee woggaa kudhanii sadeesso'ootii jalqabee, haga guyyaa adhaa woggaa diddamii sad jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, anille itti deddeebi'ee isinitti hime; isin ammoo hin dhageenne.4Mootiin Waan Maraa tajaajiltoota ifii raagota mara itti deddeebi'ee gara keessan erge; isin hin caqanne yookiin hin dhageenne.5Isaan, ‹Tokko tokkoon keessan, karaa hama'aa fi hujii hantuu teessan irraa amma deebi'a'a; lafa Mootiin Waan Maraa bara baraa haga bara baraa isinii fi abbootii teessaniif kenne keessa le'a'a.6Waaqota dhibii waaqonfatiisaaf, isaan tajaajiliisaafille hin hordofina'a; akka inni isin hin adanne hujii harka keessaniitiin Mootii Waan Maraa hin aarsina'a› isiniin jedhane.7Mootiin Waan Maraa, ‹Isin ammoo na hin caqanne; hujii harka keessaniitiin na aarsitanee miidha ifi irratti fiddane› jedha.8«Tanaaf Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, ‹Isin jecha kiyyaaf waan hin ajajaminiif,9kunoo ani kolbaa gara kaabaa mara fi tajaajilaa kiyya mootii Baabilonii Nebukadnezaar waamee lafa tanaa fi kolbaa isii keessa leetu, gosa biyya adda addaa ta adaala isi'ii jirtu mara akka lolanuuf hin fida; ani ijjumaa isaan hin balleessa; waan hantuu nami dhaggee bararaqu, waan nami itti murguu fi haga bara baraa ona isaan hin godha.10Ani qoonqoo gammadaatii fi ililleetti'ii, qoonqoo waajibichaatii fi waajibitti'ii, qoonqoo daaku'uutii fi ifa issa'aa odduu isaaniitii hin balleessa.11Latti tun duudiin goomolee duwwaa teetee, gosi biyya adda addaa tunille woggaa torbaatama mootii Baabilonii hin tajaajilan.12Woggaan torbaatam muummotteen duuba mootii Baabiloniitii fi kolbaa isaa, lafa worra Baabiloniille sababa yakkaa isaaniitiif adabee lafa isaanii haga bara baraa ona hin godha.13Ani waan biyya san irratti fidiisaaf dubbadhe mara, waan kitaaba kana keessatti barreeffame, ka Ermiyaas gosa biyya adda addaa mara irratti raaga dubbate lafa san irratti hin fida.14Isaan gosa biyya addaa heddu'uuf, mootota gugurdo'oofille garba hin te'an; ani akka hujii isaaniititti isaan hin adaba› jedha» jedhe.

Gosa Biyya Adda Addaa Irratti Muraa Waaqaa

15Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii anaan, «Muduunuu daadhii woyni'ii ta aarii tiyyaan guutante harka kiyya irraa fuudhiitii, gosa biyya adda addaa ta ani si itti ergu kana obaas.16Isaan yennaa muduunuu tana keessaa unane hin machowan; ani shallaagaa odduu isaaniititti waan erguuf, isaan hin maraatan» jedhe.17Maarre ani muduunuu harka Mootii Waan Maraa irraa fuudhee, gosa biyya adda addaa ta inni na itti erge san mara obaase.18Yerusaalemii fi qachooti Yihuda'aa, moototii fi qondaaltoti isi'ii akkuma isaan amma jiranu, akka isaan goomolee duwwaa te'anu, akka isaan waan hantuu nami dhaggee bararaqu te'anu, waan nami itti murguu fi waan abaarame akka te'anu,19mootii Gibxi'ii Fara'oon, tajaajiltoota isaa, qondaaltota isaatii fi kolbaa isaa mara,20kolbaa ormaa ta achi jirtu mara, mootota biyya Uzii mara, mootota biyya Filisxeemotaa mara mootii Ashiqalonii, mootii Gaaza'aa, mootii Eqrooniitii fi worra Ashidood keessatti hafe mara,21worra Edoomii, worra Mo'aabii, worra Amoonii,22mootota Xiiroosiitii fi Sidoonii mara, mootota lafa qarqara abbaaya'aan gamaa keessa jiranu mara,23worra Dedaanii, worra Tema'aatii fi worra Buzii, worra rifeensa mataa ifii cinaa quxatu mara,24mootota Arabaa mara, mootota kolbaa ormaa ta goomolee keessa leetu mara,25mootota Ziimrii mara, mootota Elaamiitii fi mootota Medoonii mara,26mootota biyya kaabaa ta fago'oo fi dhikoo jiranu mara, woluma gula, mootummoota biyya lafaa mara muduunuu tana keessaa obaase; isaan kana maraan duuba mootiin Sheshaakiillehin una.27Achiin duuba, Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade Waaqi Israa'el anaan, «Ati isaaniin, ‹Ani shallaagaa odduu teessanitti waan erguuf, una'a; machowa'aatii diddiga'a; haganaa achi akka hin kaane jiga'a› jedhi.28Isaan muduunuu harka keeti irraa fuudhanee uniisa yoo didane ammoo, Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, ‹Muduunuu tana irraa una'a.29Ani kunoo, qachaa maqaan kiyya itti waamamutti balaa fidiisa hin jalqaba; isin adabbii jalaa hin baatanii ree? Ani worra lafa irra le'u mara irratti shallaagaa waan fiduuf, isin adabbii jalaa hin baatanu› jedhiin» jedhe.30Tanaaf Mootiin Waan Maraa ammalle, anaan, «Ee Ermiyaas, dubbii tana mara kolbaa tana irratti raagiitii,« ‹Mootiin Waan Maraa ol-gubbaa irraa hin iyya;addee woyyittii ifiitii dhangaa dhowa.Lafa ifii irratti guddisee dhangaa dhowa;akka worra woynii cunfuuqoonqoo guddoo hin dhageessisa;worra lafa irra le'u maratti hin iyya.31Mootiin Waan Maraagosa biyya adda addaatitti waan mormuuf,qoonqoon isaa guddoonhaga qaccee lafaatitti hin dhage'anti.Inni kolbaa mara irratti hin muraaworra hamoolee shallaaga'aaf,dabarsee hin kenna› jedhi» jedhe.32Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade,«Kunoo badiin biyya takka irraagara biyya takkaatitti babadhatiisatti jirti;bubbeen bokkeyaa jadduunqaccee lafaa irraa ka'iisatti jirti» jedha.33Guyyaa san reeffi worra Mootiin Waan Maraa ijjeesee, qaccee lafaatii haga qaccee lafaa taanitti, addee maratti hin dhaggama. Reeffi isaanii lafa irratti akka cego'oo te'a malee, nami isaaniif bowu yookiin nami isaan wolitti qabee awwaalu hin jiru.34Isin tissitooti wiiccifadha'aatii bowa'a;isin sooressitooti kolba'aadaadhaa keessa gangaladha'a.Guyyaan isin qalantanu waan dhufeef,akka okkotee faaraa dansitti'ii jiga'aatii bututa'a.35Tissitooti addee itti baqatanu hin qabanu;sooressitooti addee itti miliqanu hin qabanu.36Mootiin Waan Maraaaddee tika isaanii waan balleessaaruuf,iyya tissitootaatii fi wiiccifata sooressitootaa dhage'a'a.37Sababa aarii jadduu Mootii Waan Maraaaddeen isaanii nageellittiin hin baddi.38Inni akka neenqaa mandhee ifii keessaa hin baya;sababa cunqursa'aatii fi aarii jadduu Mootii Waan Maraatiif,latti hin onti.