Kitaaba Ermiyaasii Raagichaa20gax_twf

Ermiyaasii Fi Phashihur

1Dura bu'aan Galma Waaqaa, ilmi Iimerii hayyichi Phashihur, Ermiyaas raaga kana raaguun yennaa dhage'e,2raagicha Ermiyaas dhaanee, karra Galma Waaqaa ta Beniyaaminii ta gatiiti'iititti miila isaa jirma lama wodhakkaa galchee hidhe.3Boruyyaa Phashihur yennaa jirma lama san wodhakka'aa Ermiyaas hiike, Ermiyaas isaan, «Haganaa achi Mootiin Waan Maraa, ‹Maagor Miisaabiib› jedhee si waama malee ‹Phashihur› si'iin hin jedhu» jedhe.4Mootiin Waan Maraa, «Si'ii fi jaalota teeti mara akka bararaxxanu hin godha; adoo ati ilaan dhaggituu shallaagaa diinotaatiin hin dhumatan; ani kolbaa Yihuda'aa mara harka mootii Baabilonii ka isaan booji'utti yookiin ka isaan ijjeesutti dabarsee hin kenna.5Qabeenna qachaa kanaa mara, waan qachaan kun dhaggatu mara, meya gatii guddo'ootii fi karra mootota Yihuda'aa mara harka diinota isaaniititti dabarsee hin kenna; isaanille saamanee gara biyya Baabilonii hin geessan.6Ee Phashihur, atii fi worri mana keeti keessa le'u marti gara Baabilonii booji'antanee hin deentan; ati jaalota teeti ta raaga dharaa isaaniif raadde mara woliin duutee, achitti hin awwaalanta» jedhe.

Gungunsuu Ermiyaasii

7Ee Mootii Waan Maraa!Ati na sodde;anille sobame.Ati na caalaa jabaa waan teeteefna injifatte.Guyyaa mara nami natti murga;nami marti natti kolla.8Ani yennaa dubbadhu mara qoonqoo ol qabadhee,marroo hunnaan nama irratti ka'iisaatii fimarroo badi'ii dubbadha;guyyaa mara Jechi Mootii Waan Maraaarrabaa fi qaanii natti fide.9Ani ammoo, «Haganaa achi maqaa waaqaa hin dhowu;maqaa isaatille'een waan tokkolle hin dubbadhu» yoo jedhe,jechi isaa gadhaa kiyya keessatti akka ibiddaa bobe'ee,lafee tiyya keessa lixe.Ifi keessatti qabatiisa dadhabe;ijjumaa hin dandeenne.10Ani worri bacaan hasaasaa, «Bararaqi addee mara jira;waan inni jedhe hima'a!Kowa'a waan inni jedhe hinnaa!» jedhanuun dhage'e.Jaaloti tiyya marti, «Inni hin sobama fa'a te'a;achiin duuba isa injifannee,haluu teennalle isa hin baana» jedhaa gufatiisa kiyya eegan.11Mootiin Waan Maraa ammooakka loltuu jabaa jannaa na woliin jira;tanaaf worri na ari'u hin jiga maleena hin injifatu.Isaan akka malee qaanowan maleewonni isaan yaadanu isaaniif hin teetu.Salphinni isaaniilleijjumaa hin dedhamu.12Ee Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadde,ka balchaa haga ilaaltu,ka gadha'aa fi qalbii qorqortu,haajaa kiyya waan sitti kennadheeruuf,yennaa ati isaan haluu baatu,ani isaan dhagguu ti.13Mootiin Waan Maraa lubbuu worra rakkata'aaharka worra hamoole'ee keessaa waan baaseefisaaf faarsa'a;isa leellifadha'a.
14Guyyaan ani dhaladhe ka abaarame te'uu ti!Guyyaan haati tiyya na deette hin eebbifamin!15Nami abbaa kiyyaan, «Ilmi si'iif dhalateera» jedhee,oduu gammadaa itti himee isa gammachiisuka abaarame te'uu ti.16Nami sun akka qachaa marartii maleeMootiin Waan Maraa balleessee te'uu ti!Ganama bowa,orraa iyya lolaa dhage'uu ti!17Sababille inni gadhaa haadha tiyyaa keessattina hin ijjeenne;silaa isiin addee awwaalaa naaf teetee,haga bara baraa gadhaachottee turtiiyyu.18Ani rakkinnaa fi gadda dhaggiisaafbara kiyya qaani'iin muummeffatiisaafgadaamessa haadha tiyyaa keessaa maaf baye?