1Mootiin Waan Maraa, «Cubbuun kolbaa Yihuda'aa feenii sibiilaatiin, arfii dhakaa almaaziitiin gadhaa isaaniitii fi gaafa addee ciinca'aa ka isaanii irratti qiriixantee barreeffanteerti.2Ijoolleen isaaniituu addee ciinca'aa ta isaaniitii fi utubaa waaqa dharaa ta, ‹Asheeraa› jedhantu, ta muka bisilee jalaatii fi ta koobota dhedheertuu irraa qaabatan.3Sababa cubbuu biyya teessaniitiif, gaara kiyya ka lafa teessan keessa jiru, qabeenna keessanii fi karra teessan mara addee waaqonfanna'aa woliin akka saamamu hin godha.4Balleessaa teessaniif lafa ani isinii kenne dhaddan; aariin tiyya akka ibiddaa haga bara baraa akka bobeettu waan gootaneef, lafa isin hin beenne keessatti diinota keessaniif garba isin tolcha» jedha.5Ammalle Mootiin Waan Maraa,«Nami namatti addattu,ka nama foon uffatetti irkatee,jabeenna ifii godhatu,ka gadhaan isaa Mootii Waan Maraa irraa fagaate,ka abaarame.6Inni akka tusee goomolee keessaa hin te'a;wonni dansaan yennaa dhuttu hin dhaggu.Lafa sooddaa ta nami keessa hin jirre,addee godduu goomolee keessa hin le'a.7Ammoo nami Mootii Waan Maraa addatu,ka Mootii Waan Maraa addii godhatu ka eebbifame.8Inni akka muka bisaan biratti dhaabamee,ka hidda ifii gara lagaa yaafatuu hin te'a.Muki sun o'i yennaa dhufu hin sodaatu;baalli isaa yennaa mara bisile'e.Bara oola'aa hin yaadu;midhaan buusiisa hin lakkisu.9Qalbiin namaa waan mara caalaadabaalettii qajeeluu hin dandeenne.Eentu isii hubatuu dande'a ree?10Ani Mootiin Waan Maraa nama maraafakka ideensa isaatii fiakka hujii isaatitti gatii isaaf kenniisaaf,gadhaa namaatii fi qalbii namaaqorqoree hin ilaala» jedha.11Nami dabaan karra wolitti qabatu,akka gororrii quuphaa ifii hin buusin dhoofattuu ti;wodhakkaa bara jiruu isaatittiwonni inni wolitti qabate sun marti,isa lakkittee hin dhumatti;muummee irratti inni gowwaa akka te'e hin mirkanootti.12Barcumaan mootumma'aa ka ulfinnaa,durii jalqabee ka saadame,addee Dunkaanii Woyyittii teennaa ti.13Ee Mootii Waan Maraa, addii Israa'elii,worri si lakkisu marti hin fokkifatan.Worri si irraa duubatti deebi'u,bisaan madda jiru'uu ka teete,si Mootii Waan Maraa waan lakkisaneef,akka barreeffama bukuu irraa ti.14Ee Mootii Waan Maraa, ati ka ani leellifadhu waan teeteef,na fayyisi, anille hin fayya;na baasi, anille hin baya.15Kolbaan, anaan, «Jechi Mootii Waan Maraa eessa jira?Me amma muummowuu ti» jedhiisatti jirti.16Ani akka ati na ajajettitissee te'iisa hin lakkinne;guyyaan hamaan akka dhufuakka ani hin halchin hin beetta;wonni ani dubbadhe marti si duratti ifa.17Na hin sodaachisin;guyyaa rakkinnaa addeen ani itti baqadhu si'i.18Worri na miidhu fokkifatuu ti;ani ammoo hin fokkifatin.Isaan bararaqanuu ti;ani ammoo hin bararaqin.Guyyaa badi'ii isaanitti fidi;badii dacha'aan isaan balleessi.
Guyyaa Sanbataa Ulfeessuu
19Mootiin Waan Maraa anaan, «Dhaqiitii, karra kolba'aa, ta moototi Yihuda'aa ittiin ol seenanuu fi gad bayanu dura, karra Yerusaalemii ta dhibiille mara dura dhaabbadhuutii,20isaaniin, ‹Isin moototi Yihuda'aa, kolbaan Yihuda'aa maraa fi worri Yerusaalem keessa leetanu karra tanaan worri ol seentanu marti jecha Mootii Waan Maraa dhage'a'a› jedhiin» jedhe.21Mootiin Waan Maraa, «Guyyaa Sanbataa ba'aa hin ba'atina'a; karra Yerusaalemiitille'een akka ol hin seensinne lubbuu teessaniif ifi eegadha'a.22Akkuma ani abbootii teessan ta durii ajaje, woyyummaa guyyaa Sanbataa eega'a malee, ba'aa ba'attanee mana keessanii hin bayina'a; hujii tokkolle hin hujina'a.23Isaan ammoo hin dhageenne yookiin itti hin xiyyeeffanne; isaan akka hin dhageenne yookiin gorsa akka hin fudhanne mataa jabaatane.24Isin ammoo akka dansaa yoo naa ajajantane, guyyaa Sanbataa ba'aa ba'attanee karra qachaa kanaatiin yoo ol hin seenin, hujii tokkolle hujuu dhaddanee, woyyummaa guyyaa Sanbataa yoo eeddane,25moototi barcumaa mootummaa Daawitii irra tee'anu qondaaltota ifii woliin karra qachaa kanaatiin ol hin seenan; isaanii fi qondaaltoti isaanii fardo'oo fi Garreettaa fardaan harkifamu irra tee'anee, worra Yihuda'aatii fi worra Yerusaalem keessa le'u woliin hin dhufan; qachaa kana keessa haga bara baraa nami hin le'a.26Namooti qachaa Yihuda'aa keessaa, olloota adaala Yerusaalemiitii, lafa Beniyaaminiitii fi lafa kooba jalaa ta gara aduun seentuutii, biyya koobitti'ii fi biyya goomolee kibba Kana'aaniitii, kennansa gubamu fi ciincaa, kennansa midhaanii, hixaanaa fi kennansa galataa qabatanee gara Galma Mootii Waan Maraa hin dhufan.27Isin ammoo naaf ajajamuu yoo diddane, woyyummaa guyyaa Sanbataa eegiisa yoo dhaddane, ba'aa ba'attanee karra Yerusaalemiitiin yoo ol seentane, karra Yerusaalemii keessatti ibidda hin dhaanne ka dalleya dhaka'aa Yerusaalemii nyaatee balleessu hin qassiisa» jedhe.