Kitaaba Ermiyaasii Raagichaa12gax_twf

Gaaffii Ermiyaas Waaqa Gaafate

1Ee Mootii Waan Maraa,yennaa ani haajaa kiyya si duratti dhikeeffadhu,ati yennaa mara balcha'a;ani haajaa kiyya si dura dhikeeffadha;te'uu malee marroo muraa haqaa waan si gaafadhu qaba.Worri hamooleen maaf qananooman?Worri hin addatanne maaf milkowan?2Ati isaan dhaaddeerta; isaanille hidda yaafataneeran;isaan guddatanee midhaan buusaneeran;Isaan afaan ifiitiin ulfinna si'iif kennan;gadhaa ifiitiin ammoo si irraa fagoo jiran.3Ee Mootii Waan Maraa! Ati ammoo na hin beetta;na hin dhaggitalle'e; yaada ani si'iif qabu hin qorqorta.Worra hamoolee kana akka hoolee qalmaaf oofanuu,isaan harkisii baasiitii,guyyaa qalmaatiif adda baasi.4Latti haga yoomii goddi?Marri diida maraa haga yoomii qoora?Sababa worra hamoolee lafa san keessa le'uutiif,sababa isaan,«Waan nu irratti te'u kana Waaqi hin dhaggu» jedhaneef,bineensotii fi sinbirrooti dhumataneeran.5Mootiin Waan Maraa deebisee,«Ee Ermiyaas, ati worra miilaan rukkisu woliin rukkittee,eega isaan si dadhassiisanee,abbootii fardaa woliin attam doggomuu dandeetta ree?Ati lafa qaaleyaatitti eega jiddee,Gongomaa Yordaanosii keessatti attam teeta ree?6Obboleeyyan teetii fi maatiin teetiiyyuu sitti malaneeran;isaan qoonqoo guddo'oon sitti iyyiisatti jiran;waan dansaa sitti dubbatanulle, isaan hin addatin.

Mootiin Waan Maraa Kolbaa Ifiititti Gadde

7Ani kolbaa tiyya Israa'el lakkiseera;kolbaa tiyya ta jaaladhuharka diinota isaaniititti dabarsee kenneera.8Kolbaan tiyya akka neenqa gongomaa keessaanatti teeteerti;isaan dhangaa natti dhowane;anille isaan jibbe.9Kolbaan tiyya akka sinbirreejajju'uun marfante teetee motii ree?Dhaqa'aatii bineensota mara wolitti qaba'a;isaan dhufanee kolbaa tiyya nyaatanuu ti.10Tissitooti hedduun fichaa muka woynii tiyyaa balleessiteerti.Fichaa kiyyalle irra sirbiteerti;fichaa kiyya ka na gammachiisu goomolee duwwaa godhaneeran.11Isaan fichaa san goomolee duwwaa waan godhaneefna duratti gogee oneera.Nami isi'iif haajamu waan hin jirreef,Latti duudiin goomolee teeteerti.12Shallaagaan Mootii Waan Maraa qaccee lafaagara tokkoo kaasee,haga qaccee taaniititti waan balleessuuf,worri lafa balleessukoobota godduu mara hin qabatan;nami nageyaan hafu tokkolle hin jiru.13Isaan qamadii hin facaafatan; ammoo qoree haammatan.Isaan hin elowan; ammoo womaa hin dhaggatanu.Sababa aarii Mootii Waan Maraa ta akka ibiddaa bobeetuutiif,midhaan isaan galfatanu waan badeef,hin qaanowan» jedhe.

Mootiin Waan Maraa Olloota Israa'eliitiif Waadaa Gale

14Mootiin Waan Maraa, «Olloota kiyya worra hamaa ka lafa ani kolbaa tiyya Israa'eliif kenne qabatanu mara, ani lafa isaanii irraa isaan hin buqqisa; kolbaa Yihuda'aalle odduu isaaniitii buqqisee hin baasa.15Isaan buqqiseen duuba ammoo deebi'ee isaaniif hin marara; tokko tokkoo isaanii gara lafa isaaniitii fi gara biyya isaaniititti isaan hin deebisa.16Isaan akka kolbaan tiyya itti leetu le'iisa akka dansaa yoo baratane, akkuma kolbaa tiyya maqaa Ba'aaliitiin kakatiisa barsiisane, amma ammoo deebi'anee kolbaa tiyya woliin, ‹Dhugaa Mootii Waan Maraa Ka jiraataa te'ee› jedhanee kakatiisa yoo baratane, isaan kolbaa tiyya odduu hin le'an.17Kolbaa na hin dhageenne ammoo ijjumaa buqqisee hin balleessa» jedha.