1Jechi Mootii Waan Maraa ka gara Ermiyaasii dhufe ka asii gad jiru:2«Dubbii gondooroo tanaa dhage'iitii kolbaa Yihuda'aatii fi worra Yerusaalem keessa le'utti himi.3Ani Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, ‹Nami dubbii Gondooro'oo tanaaf hin ajajanne ka abaarame.4Ani abbootii teessan biyya Gibxi'ii ta akka addee sibiila itti baqsiisanuu keessaa yennaa baase, naaf ajajama'aatii, waan ani isin ajaje mara godha'a; tana yoo gootane kolbaa tiyya hin teetan; anille Waaqa keessan hin te'a.5Achiin duuba ani lafa aananii fi dammaa ta abbootii teessan duriitiif kenniisaaf waadaa gale, ta amma qabattaneertanu tana isiniif hin kenna› akka jedhe itti himi» jedhe. Anille deebisee, «Ameen, Mootii Waan Maraa» jedhe.6Achiin duuba Mootiin Waan Maraa anaan, «Jecha kiyya kana mara qachoota Yihuda'aatii fi karaa Yerusaalemii mara irratti lallabiitii, ‹Dubbii gondooroo tanaa dhage'a'aatii, waan isiin jettu godha'a› jedhi.7Ani abbootii teessan ta durii biyya Gibxi'ii keessaa yennaa baasee jalqabee haga adhaa, ‹Naaf ajajama'a› jedhee itti deddeebi'ee ifi eeggachiise.8Isaan ammoo mataa jabinna hammeenna gadhaa ifii hordofane malee, naaf hin ajajanne; dubbii tiyyalle hin dhageenne. Tanaaf dubbii gondooroo tanaa ta akka isaan muummessanuuf ajaje, waan didaneef, abaarsa Gondooro'oo mara itti fide» jedhe.9Achiin duuba Mootiin Waan Maraa anaan, «Kolbaan Yihuda'aatii fi kolbaan Yerusaalemii na irratti ka'iisaaf mala dhowiisatti jiran.10Isaan gara cubbuu abbootii ifii ta durii, ta dubbii tiyya dhage'uu diddee deebi'aneeran; waaqota dharaa tajaajiliisaaf gula deemane; kolbaan Israa'eliitii fi kolbaan Yihuda'aa gondooroo ani abbootii isaanii ta durii woliin godhe diiganeeran.11Tanaaf Mootiin Waan Maraa, ‹Ani badii isaan jalaa bayuu hin dandeenne isaan irratti hin fida; isaan gara kiyya yoo iyyanelle, ani isaaniif hin dhage'u.12Yennaa san kolbaan qachaa Yihuda'aatii fi qachaa Yerusaalemii gara waaqota hixaana aarsanuufii san dhaqanee hin iyyatan; waaqoti isaanii sun ammoo, yennaa rakkinni isaan irra gewu ijjumaa isaan qarqaaruu hin dande'anu.13Ee kolbaa Yihuda'aa! Akkuma qachaa hedduu qaddu, waaqota hedduu qadda; waaqa dharaa fokkisiisaa Ba'aaliif, addeen ciinca'aa ta hixaana itti aarsiisaaf ijaarte, akkuma karaa Yerusaalemii heddu'u› jedha.14Ee Ermiyaas, isaan rakkatanee gara kiyya yennaa iyyanu, ani isaaniif waan hin dhageenneef, ati kolbaa tanaaf hin daadimatin yookiin gara kiyya hin iyyin yookiin isaaniif na hin gaafatin.15«Isin kolbaan Yihuda'aa ta ani jaaladhu, worra hedduu woliin waan hantuu hujaa, Galma kiyya keessaa maan qaddan? Foon woyyichi ciinca'aaf dhikaatu, adabbii isin dhaqqaddu irraa isin hin hamburaa ree? Tana hujaa hin gammaddanii ree?16Mootiin Waan Maraa, ‹Muka ejersaa bisilee, ka midhaan dansaa qabu› jedhee isin waameeraayyu; amma ammoo hobonbolattii jadduu bubbittuun ibidda itti hin qassiisa; dameelee isaa mara hin caccassa.17«Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, ka isin dhaabe, sababa isin kolbaan Israa'eliitii fi Yihuda'aa na aarsiisaaf Ba'aaliif hixaana aarsitanee, hantuu hujjaneef badii isin irratti hin fida» jedhe.
Mala Ermiyaasitti dhowane
18Mootiin Waan Maraa mala isaan na irratti dhowane, waan natti mudhiseef, ani waan isaan yennaa san hujiisatti jiranu beeke.19Ani akka hoolee gara qalmaa oofanuu te'eeraayyu; isaan, «Kowa'a, maqaan isaa akka hin qaabatanne, muka midhaan isaa woliin murree, lafa worra jiraata'aa irraa balleessina» jedhanee akka natti malane ani hin beenneeyyu.20Ee Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dadde, ka gadha'aa fi qalbii namaa qorqortu, ka balchumma'aan murtu, ani haajaa kiyya sitti waan himadheef, haluu isaan irratti baatu na dhaggisiis.21Tanaaf worra Anaatotaa ka na ijjeesiisaaf barbaadanee, «Maqaa Mootii Waan Maraatiin raagaa yoo dubbatte si hin ijjeenna» anaan jedhanuun,22Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Ani isaan hin adaba; dargaggooti isaanii shallaaga'aan, ilmaanii fi ijoolleen isaanii ta durraa beelaan hin du'an;23bara ani worra Anaatotaa adabiisaaf badii itti fidu, isaan keessaa baraareelle hin hattu» jedhe.