1Ana Yaaqoobii tajaajilaa Waaqaatii fi Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii irraa, gosa kudhanii lama ta biyya lafaa duudi'itti bittinnoottaneef: Nageenni isiniif te'u.
Dhugeeffanna'aa Fi Qarummaa
2Obboleeyyan tiyya! Haga ilaallatama adda addaatiin ilaallatamuun yoo isinitti dhuttelle, akka gammadaatitti fudhadha'a!3Sababille haga ilaallatamuun dhugeeffannaa teessanii ciniinnattanee ossiisa akka fidu hin beettan.4Haga muumme'ee ciniinnattanee ossiis keessan worra bilchaatee fi guutuu te'e, ka dhidhinna hin qanne akka teetanu isin gootuu ti.5Nami isin keessaa qarummaan dhidhatte yoo jiraate, Waaqa nama maraaf arjumma'aa fi komii malee kennu gaafatuu ti! Innille isaaf hin kenna.6Ammoo adoo hin mamin dhugeeffanna'aan gaafatuu ti; nami mamu akka danbalii abbaaya'aa ta qilleensaan asii fi achi darbantuu ti.7Nami akkasii, ka yaada lamaatii fi karaa maraan raafamaa waan te'eef, Goottaa biraa waan tokkolle hin dhaggadha jedhee hin eegatin.
Hiyyumma'aa Fi Durummaa
9Obboleessi gad aanaan, waan Waaqaan ol qabamuuf ifi jajuu ti!10Durummaalle akkuma daraara'aa waan dabartuuf, obboleessi dureessille yoo Waaqi isa gad qabe ifi jajuu ti!11Aduun o'a isi'ii ka woxaluun baatee daraaraa qoorsiti; daraaraan hin harca'a, dansummaan isaalle hin baddi. Akkasuma dureessille, hujii ifii adoo hujatuu hin bada.
Haga Ilaallatamu'uu Fi Ataabamuu
12Nami ataabee ciniinnatee ossatu ka badhaadhe. Sababille ataabamee haga ilaallameen duuba, gatiijiru'uu ka Waaqi worra isa jaalatuuf waadaa gale hin fudhata.13Nami yennaa ataabamu, «Waaqi na ataabe» hin jedhin; Waaqi hantu'uun hin ataabamu; ifille'eef nama hin ataabu.14Ammoo nami martinuu halchuma ifiitiin yennaa sossobamee sobamu ataabama.15Achiin duuba, halchaan sun yennaa ulfootte, cubbuu dhalti; cubbuun sunille, yennaa guddattee geette, du'a dhalti.16Obboleeyyan tiyya ta jaalatantane, hin sobamina'a.17Arjummaa dansa'aa fi kennansi mijuun mara abbaa ifa ol-gubba'aa dade, ka akka gaaddisaa garagaggaliis yookiin jijjiiramiis bira hin jirre biraa dhufa.18Nuuti dada isaa maraaf angafa akka teenuuf, Waaqi fedhii ifiitiin jecha dhuga'aatiin nu uume.
Dhage'anee Hujii Irra Oolchuu
19Obboleeyyan tiyya ta jaalatantane, tana hubatuu qaddan! Nami martinuu dhage'iisaaf ka ariifate, dubbatiisaa fi aariisaaf ka hin ariifanne te'uu ti;20sababille aariin namaa balchummaa Waaqaa hin fiddu.21Tanaaf battumma'aa fi bacatiisa hammeennaa mara ifi irraa balleessa'a; jecha lubbuu teessan fayyisiisaaf hunna qabu, ka isin keessatti dhaabame san gadhi laafumma'aan fudhadha'a.22Worra jecha hujii irra oolchu te'aa malee, worra dhage'u qofa teetanee ifi hin sobina'a.23Nami jecha dhage'ee hujii irra hin oolchine ammoo, akka nama fuula ifii daaw'iti'iin ilaaluu ti;24inni ifi ilaalee deemeen duuba, yoosuma maan akka fakkaatu hin dedha.25Ammoo nami Seera Waaqaa ka dhidhinna hin qanne, ka bilisa baasu hubatee ilaalu, ka ittille ossatu, ka dhage'ee hujii irra oolchuu fi ka hin deene hujii ifiitiin ka eebbifame hin te'a.26Nami, nama dhugeeffannaa qabu ifi seyee, arraba ifii hin eeganne ammoo ifi soba malee, dhugeeffannaan isaa gatii hin qaddu.27Waaqa Abbaa duratti dhugeeffannaan qullitti'ii fi xurii hin qanne tana: rakkinna ijoollee abba'aa fi haadha hin qannee, dubartoota abbaan manaa irraa du'eelle gargaaraa, xurii biyya lafaa irralle'ee ifi eeggachu'u.