1Mootiin Waan Maraa, «Ani worra na hin daadimatinitti ifi mudhise; worra na hin barbaadinitti mudhadhe. Kolbaa maqaa kiyya hin waammanneen, ‹Ani as jira; ani as jira› jedhe.2Ani guyyaa guutuu harka kiyya gara kolbaa finqiltu'uu, ta karaa dansaa hin te'in ideentuu, ta yaada hamaa ifii hordottuu badhise.3Kolbaan tun fuula kiyya duratti, oorruu keessatti ciincaa dhikeessiisaan, faara loobame irratti hixaana aarsiisaan, yennaa mara na aarsiti.4Isaan awwaala odduu tee'an; halkanille addee dhokatte bulan; foon booyye'ee nyaatan; shorbaan foon batti'i okkotee isaanii keessa guuteera.5Isaan, ‹Nuuti woyyoota waan teeneef, nu irraa fagaadha'a; nutti hin dhikaatina'a!› worra jedhu. Kolbaan akkasii akka ibidda guyyaa guutuu bobe'uu, aariin tiyya akka bobeettu gooti.6«Kunoo, yakkaan isaanii na duratti barreeffanteerti; ani guutumatti gatii isaanii hin kennaaf malee, hin cadhisu; akkuma hujii isaaniititti mataa isaanitti hin deebisa.7Isaan gaarota irratti hixaana waan aarsaneef, koobota irralle'etti waan na faanshessaneef, yakkaa isaaniitii fi yakkaa abbootii isaanii, akkuma hujii isaanii ta durii sanitti mataa isaaniititti hin deebisa» jedha.8Mootiin Waan Maraa ammalle, «Akkuma namooti unkuruurri woyni'ii damee muka woyni'ii irra adoo jiruu, ‹Eebbi isa keessa waan jiruuf, hin balleessina'a› jedhanu, anille tajaajiltoota kiyyaaf jedhee, akkasuma godha malee, isaan mara hin balleessu.9Yaaqoobiif ijoollee hin kenna; Yihudaalle gaarota kiyya akka dhaalu hin godha; kolbaan tiyya ta ani filadhe addee san hin dhaalti; tajaajiltooti tiyyalle achi keessa hin leeti.10Kolbaa tiyya ta na barbaadduuf, Shaaron addee hoolee itti tiffatanu, dhooqi Aakorille addee horiin ciisu hin teeti.11«Isin worra ana Mootii Waan Maraa lakkittanee, gaara woyyicha kiyya deetanee, waaqa dharaa ka, ‹Milkii› jedhamuuf, qorii qopheessitanee, worra waaqa dharaa ka, ‹Hixaa› jedhantuufille, daadhii woyni'ii ta makante muduunu'utti guuttaneefii,12yennaa ani isin waame, waan hin owwaatiniif, yennaa ani dubbadhelle waan hin caqasiniif, na duratti waan hantuu hujjanee, waan na hin gammachiinne waan gootaneef, ani shallaaga'atti dabarsee isin hin kenna; isin marti qalamiisaaf gad hin jettan» jedha.13Tanaaf, Goottaan Mootiin Waan Maraa, «Tajaajiltooti tiyya hin nyaatti; isin ammoo hin beelottan; tajaajiltooti tiyya hin unti; isin ammoo hin dheebottan; tajaajiltooti tiyya hin gammaddi; isin ammoo hin qaanottan.14Tajaajiltooti tiyya gadhaa ifii keessatti gammaddee hin faarfatti; isin ammoo gadhaa keessan keessatti waan gadditanuu fi addii waan kutatanuuf, wiiccifatanee hin boottan.15Worri ani filadhe maqaa keessan jecha abaarsaa akka godhanu hin godha. Tanaaf ani Goottaan Mootiin Waan Maraa isin hin fixa; tajaajiltoota tiyya ammoo maqaa haareyaan hin waama.16Rakkinni durii dedhamee ila tiyya duraa waan dhokateef, nami lafa san keessatti eebbisu, maqaa ana Waaqa dhuga'aatiin hin eebbifama; nami lafa san keessatti kakatu, maqaa ana Waaqa dhuga'aatiin hin kakata» jedha.
Ol-gubboota Haareya Fi Lafa Haareya
17Mootiin Waan Maraa, «Kunoo, ani ol-gubboota haareyaa fi lafa haareya hin dada; wonni dur te'e hin qaabatantu yookiin hin yaadatantu.18Kunoo, ani Yerusaalem qachaa gammadaa, kolbaa isi'iille worra gammadu waan godhuuf, isin waan ani dadutti haga bara baraa gammada'aatii, ilillisa'a.19Ani Yerusaalemii fi kolbaa tiyyatti hin gammada; haganaa achi qoonqoon bowaatii fi iyyaa achi isii keessatti hin dhage'antu.20Achi keessa finni yennaa diqqoo qofa le'u yookiin jaarsi dulloomee bara ifii adoo hin muummeffatin du'u hin jiraatu. Nami woggaa dhibba le'ee du'uuyyuu, akka waan dargaggumma'aan du'eetitti, nami woggaa dhibba adoo hin geyin du'ulle akka nama abaarameetitti laakkowama.21Isaan mana ijaarratanee keessa hin le'an; muka woyni'iille dhaabbatanee, midhaan isi'ii hin nyaatan.22Haganaa achi mana isaan ijaarratanu keessa nami dhibiin hin le'u yookiin waan isaan dhaabbatanunami dhibiin hin nyaatu. Kolbaan tiyya akka mukaa bara dheeraa hin leeti. Worri ani filadhelle waan harka ifiitiin hujanetti bara dheeraa hin gammadan.23Isaan elo'otti hin hafanu; ijoolleen isaaniille dedhuma du'iisaaf hin dhalattu; isaanii fi sanyiin isaanii kolbaa ani Mootiin Waan Maraa eebbise hin te'an.24Adoo isaan na hin waammatin, ani isaaniif hin owwaadha; adoo isaan dubbatiisatti jiranuu, ani isaaniif hin dhage'a.25Yayyi'ii fi ilmooleen hoole'ee woliin hin dheedan; neenqille akka sanga'aa hicaacee hin nyaata; dhudhuufaan ammoo bukuu hin nyaata. Isaan gaara woyyicha kiyya irratti woy hin miidhanu yookiin woy hin balleessanu» jedha.