ISA52gax_twf

Waaqi Yerusaalem Hin fayyisa

1Ee Xiyoon, dammaqi! Dammaqi!Hunna uffadhu!Ee Yerusaalem, qachaa woyyicha,woyaa teeti ta ulfinnaa uffadhu!Haganaa achi worri haqanqabaa hin qabatinii fiworri battowe gara keeti hin seenu.2Ee kolbaa Xiyoonii ta booji'antane,wodaroo sibiilaata ittiin hidhantanemorma keessan irraa hiikadha'a!Ee Yerusaalem,Bukuu ifi irraa hargufadhuutii,ka'ii, barcumaa mootumma'aa irra tee'i!3Mootiin Waan Maraa kolbaa ifiitiin, «Isin gatii malee gurgurantaneertaniiyyu; beesee malee hin wodantan» jedha.4Goottaan Mootiin Waan Maraa, «Kolbaan tiyya qara biyya Gibxi'ii keessa le'iisaaf, gad dhaxxe; achiin duuba worri Asoorii, sababa malee isaan cunqurse.5Kolbaan tiyya sababa malee waan fudhatanteef, ani asii maan qaba ree? Worri isaan bulchu isaanitti murga; guyyaa mara maqaa kiyya faanshessan.6Tanaaf yennaa san kolbaan tiyya maqaa kiyya hin beetti; ‹Kunoo, ani asi jira› jedhee, ka dubbate ana akka te'e hin beetti» jedha.
7Miilli ergamaa gaara irra dhaabbateeoduu gammadaa fidu,ka nageya lassuu,ka waan dansaa fidu,ka fayyinna lallabu,ka Xiyooniin, «Waaqi keeti mootii te'a» jedhu,attam attam tola!8Caqasi! Mootiin Waan Maraa gara Xiyoonii yennaa deebi'u,eeddoti teeti ila ifiitiin hin dhaggiti;qoonqoo ifii ol qabattee tokkumma'aan hin ilillitti.
9Mootiin Waan Maraa kolbaa ifii jajjabeessee,Yerusaalem waan wodeef,ee bututa Yerusaalemiitokkumma'aan ilillisaa faarsa'a.10Mootiin Waan Maraa gosa biyya adda addaa mara durattiirree ifii woyyittii hin mudhisa.Worri qaccee biyya lafaa jiranu duudiinfayyisiisa Waaqa keennaa hin dhaggan.11Isin worri meya Mootii Waan Maraa ba'attanu,adda baya'a; adda baya'aa;achi keessaa baya'a;waan battii hin tuqina'a;achi keessaa baya'aatii,ifi qulqulleessa'a.12Te'uu malee, ariiti'iin hin baatanuyookiin baqattanee hin deentanu;Mootiin Waan Maraa isiniin dura hin deema;Waaqi Israa'elii duuballe'een isin hin eega.

Tajaajilaa Rakkatu

13Mootiin Waan Maraa, «Kunoo, tajaajilaan kiyya qarumma'aan huja;inni hin saadama;ol ol hin qabama;hin jajama.14Te'uu malee akki tajaajilaa kiyyaanama irraa adda te'ee,waan gara dhabeef,namooti hedduun baaseffatane.15Maarre inni gosa biyya adda addaa hedduu hin baaseffachiisa;sababa isaatiif moototi afaan hin qabatti;waan dur itti hin himamin hin dhaggiti;waan hin dhage'in hin hubatti» jedhe.

No translations available.