Isaayaasii Raagichaa50gax_twf

1Mootiin Waan Maraa, «Barreeffam ani ittiinhaadha teessan lakkise meet ree?Yookiin nama liqaa na irraa qabu keessaaani eennutti isin itti gurguradhe?Isin cubbuu teessaniif gurgurantane;haati teessanille yakkaa teessaniif lakkifante.2Ani yennaa dhufe maafnama tokkolle achii dhabe?Yennaa waamelle maaf nama owwaatu dhabe?Harki kiyya gabaabbatee isin wodiisa dadhabee?Yookiin hunna ittiin isin fayyisu dhabee?Ani xixicha kiyyaan abbaayaa hin gossa;lagoota goomolee hin godha;qurxummiin achi keessaa bisaan dhaddeedhumattee, hin ajootti.3Ani gubbaa dukkaneessee,akka woyaa gaddaa hin gurraachessa» jedhe.

Ajajamiisa Tajaajilaa Mootii Waan Maraa

4Ani worra dadhaba'atti dubbadheeakka isaan jajjabeessuuf,Goottaan Mootiin Waan Maraadandeettii barsiisiisaa naa kenneera.Inni ganama ganama na dammassa,akka nama baratiisatti jiruuakka dhage'u gurra kiyya naaf hin bana.5Goottaan Mootiin Waan Maraa gurra kiyya baneera;ani ajajamuu didadhee,isa irraa gara duubaa hin deebine.6Ani dudda kiyya worra na dikutti,boqoo tiyyalle worra areeda kiyyabuqqisu dura qabe;fuula kiyya worra natti murguu fi natti tufu hin dhoffanne.7Goottaan Mootiin Waan Maraawaan na qarqaaruuf ani hin qaanowu.Tanaaf, ani fuula kiyya akka dhakaa qara qabuu hin godha;ani akka hin qaanonnelle hin beeka.8Akka ani yakkaa hin qanne ka mudhisu, na bira jira;eentu na himatuu dande'a ree?Yoo jiraatewolitti dhikaannee woli himannuu ti!Ka na himatu dhikaatuu ti.9Ka na qarqaaru Goottaan Mootii Waan Maraa ti;ka natti muru eennu ree?Isaan marti akka woya'aa hin dullooman;qu'een isaan hin nyaatti.
10Isin keessaa ka Mootii Waan Maraa sodaatuu fijecha tajaajilaa isaatiif ka ajajamu eennu?Ka ifa hin qanne,ka dukkana keessa deddeebi'uMootii Waan Maraatitti addatuu ti;Waaqa ifiille'etti irkatuu ti.11Amma ammoo, isin worri ibidda gabbittanuu fiworri xassaa qassittanu marti,ifa ibidda gabbittaneetiifi ifa xassaa qassiittane san keessa deema'a.Isin farra keessa hin buutan;tun ta isin harka kiyya keessaa fudhattanu.