Isaayaasii Raagichaa46gax_twf

Waaqota Worra Baabilonii

1Waaqoti dharaa ka worra Baabilonii,Beelii fi Neboon hin salphatan;waaqoti dharaa ka isaanii sun geejjibatti fe'amaneeran;fakkiin isaan ba'atanee ideemanu sun ba'a'a;geejjiba itti fe'amane sanille hin dadhassiisan.2Isaan geejjiba san woliin hin gugguufan;ifi fayyisuu hin dande'anu;isaan hin booji'aman.
3Mootiin Waan Maraa, «Ee sanyii Yaaqoobii,isin sanyii Israa'elii keessaa worri hattane na dhage'a'a!Gadaamessa haadha teessanii keessatti natti isin eege;dhaloota keessaniin jalqabeeka isin ba'ate ana.4Haga isin dulloontanee arrii baatanuttika isin ba'atu ana;ani isin dadeera; isin hin ba'adha;isin hin qarqaara; isin hin fayyisa.
5«Eennuun na fakkeessitan?Eennu woliin na wol qixxeessitan?Yookiin akka wol fakkaannuuf,eennu woliin na wol fakkeessitan?6Worri gariin worqii subba ifii keessaa baafatan;meetiille madaala irratti madaalan.Isaan nama worqii baqisiisu qaxaratanee,inni waaqa isaaniif huja;achiin duuba isaan waaqa san sagadanee waaqonfatan.7Isaan waaqa san ol fuudhanee, gurmuu ifii irratti ba'atanee,geessanee addee isaaf qophootte hin keyan.Inni achuma dhaabbata malee, addee san irraa hin tacho'u;yoo nami isatti iyyate, inni deebii hin kennu;yookiin rakkoo keessaa nama hin baasu.
8«Isin finqiltooti tana qaabadha'a!Qalbii teessanille'etti qabadha'a.9Waan dur bara dheera'aan dura te'e qaabadha'a;ani Waaqa;ana malee Waaqi dhibiin hin jiru;ka akka kiyyaalle hin jiru.10Ani waan muummee irratti dhufu'uu jirujalqaba irratti himeera;waan gara duraa te'uu jirulle duruu himeera;karoorri kiyya hin te'a;waan godhiisaaf barbaade hin godha.11Ani nama karoora kiyya muummessukaraa aduun baatuu irraa hin waama;inni akka risa'aa biyya fago'oo irraa hin dhufa.Ani waan dubbadhe hin godha;karoora kiyyalle hin muummessa.
12«Isin worri gadhaa jabaattane,ka balchummaa irraa fagaattane na caqasa'a.13Ani balchummaa tiyya fidiisatti jira;isiille fagoo hin jirtu;fayyisiis kiyya hin turu;ani Xiyooniif fayyinna,Israa'eliif ulfinna hin kenna.