Isaayaasii Raagichaa44gax_twf

Mootiin Waan Maraa Waaqi Isa Qofa

1Mootiin Waan Maraa, «Ee tajaajilaa kiyya Yaaqoob,Israa'elii ani filadhe,na dhage'i» jedha.2Ka si dade,gadaamessa haadha teetii keessattika si huje, ka si qarqaaru,Mootiin Waan Maraa, «Ee tajaajilaa kiyya Yaaqoob,Yeshuuruunii ani filadhe, hin sodaatin.
3«Ani lafa dheebisaa irratti bisaan baasee,lafa godduu irralle lagi akka lola'u hin godha;Ani sanyii teeti irratti Ayyaana kiyya,ijoollee ijoollee teeti irralle'ettieebba kiyya hin dhangalaasa.4Isaan akka marra bisilee diida keessaaakka muka irga lagaa yennaa mara hin bisilan.
5«Kolbaan tokko tokkoon, yaatee dhuttee,nami tokko, ‹Ani ka Mootii Waan Maraa ti› hin jedha.Kuun, maqaa Yaaqoobiitiin ifi hin waama;ka dhibiin, ‹Ani ka Mootii Waan Maraa ti› jedhee,harka ifii irratti hin barreeffata;maqaa Israa'eliitiin ifi hin waama» jedha.
6Mootiin Waan Maraa mootichi Israa'eliika Israa'el wode,Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade,«Ka duraatii fi ka duubaalle ana;ana malee Waaqi dhibiin hin jiru.7Ka akka kiyyaa eennu?Yoo jiraate dubbatuu ti.Inni haga ani dur namoota dadeen jalqabee,waan te'e, waan dhufu'uu jirulle na duratti himuu ti.8Hin sodaatina'a; hin nayina'a!Ani tana isinitti hin hinnee ree?Durseelle isinitti hin beessinnee ree?Isin dhugaa baatota tiyya.Ana malee Waaqi dhibiin jiraa ree?Ana malee rassaan dhibiin hin jiru;ani eennulle hin beeku» jedha.

Waaqoti Dharaa Bu'aa Hin Qabanu

9Worri waaqota dharaa hujanu marti womaayyuu moti; wonni isaan itti gammadanu sunille bu'aa hin qaddu. Worri isaaniif dhugaa bayu balla'a; beekkumsa hin qabanu; hin qaanowanille'e.10Eentu waaqa bocatee, waaqa dharaa ka isaaf wo hin baane baqisiifatee hujata ree?11Kunoo, worri isaan waaqonfatu marti hin qaanowa. Worri waaqota dharaa san huju namuma; isaan marti wolitti qabamanee, fuula kiyya dura dhaabbatanuu ti. Isaan nayanee, hin qaanowan.12Nami sibiila tumu, qarapha'aan qabee, kashila cile'ee keessa keyee, irree ifii jaddu'uun burrisaan tumee waaqa dharaa bifa itti godha. Inni yennaa waan kana huju hin beelowa, hin dheebota, hin dadhaba.13Nami muka bocu muka wodaro'oon mikee, fakkii namaa cile'een irratti kaasee, ura'aan qiriixa; fakkeenna namaatiin seesee hujee mana ifii keessa keyata.14Inni tana godhiisaaf muka hindheensaa hin mura; birbirsaa fi muka qilxa'aa filee, mukoota gongomaa keessaa woliin akka guddatanu hin lakkisa yookiin hindheensa dhaabee bokkeenni guddisa.15Muki sun qoraaniif te'a; gamisa muka sanii bobeessee hin qanqaammata; gamisa bobeessee, daabboo itti bilcheeffata; gamisa ammoo waaqa bocatee, hin waaqonfata; kaan waaqa dharaa bocee itti sagada.16Inni qoraan gamisa ibiddatti naqee, bobeessee sagalee itti bilcheeffata; foon itti woddatee, haga quufutti hin nyaata. Ibidda qanqaammatee, «Hashuu! Ibidda dhaggadhee, O'ifadhe!» hin jedha.17Muka hafe irraa, waaqota dharaa hujee itti hin sagada; hin waaqonfatalle'e; gara isaa daadimataa, «Ati waaqa kiyya, na fayyisi» jedha.18Namooti akkasii waan tokkolle hin beekanu; waan tokkolle hin hubatanu; akka isaan hin dhaggine, ilti isaanii qabanteerti; akka hin hubanne, qalbiin isaanii duuddeerti.19Marroo waan kanaa nami itti yaade hin jiru; nami tokkolle beekkumsaa fi hubantii qabaatee, «Ani gamisa muka sanii bobeessee, kashila isaa irratti daabboo bilcheeffadhee, foon itti woddadhee nyaadheera. Muka hafeen waan battii hujaa ree? Turqumaa sanitti sagadaa ree?» ka jedhu hin jiru.20Nami waan daadhaa te'utti addatu, nama qalbiin isaa dokonkortuun dokonkorsite; inni ifi fayyisuu hin dande'u; yookiin, «Wonni harka middicha kiyya irraa kun, waan dharaatii motii?» hin jedhu.

Mootiin Waan Maraa Kolbaa Israa'elii Hin Woda

21Mootiin Waan Maraa, «Ee Yaaqoob, ee Israa'el, ati tajaajilaa kiyya waan teeteef, waan kana qaabadhu;ani si dadeera; ati tajaajilaa kiyya;ee Israa'el ani si hin dedhu.22Ani yakkaa teeti akka duumensaa,cubbuu teetille akka hurrii ganamaa haxowee balleesseera;ani waan si wodeef, gara kiyya deebi'i» jedha.
23Ee ol-gubba'a, Mootiin Waan Maraa tana waan godheef,gammadaan faarsa'a;ee qilee lafaa, ilillisa'a.Gaaroti, badda'aa fi muki achi keessa jirtanu martiMootiin Waan Maraa Yaaqoob wodee,Israa'el keessatti ulfinna ifii waan mudhiseef,faaruu dayyaasa'a.24Ka si wode,gadaamessa haadha teetii keessattika si huje,Mootiin Waan Maraa, «Ani Mootiin Waan Maraa,waan mara dadee,ol-gubbaa qofuma tiyya diriirsee,biyya lafaa tanalle badhise,25ka beessisa raagota dharaatii fiworra moru gatii dhassiisee,qarummaa qaroole'ee garagalchee,beekkumsa isaaniille gowwumma'atti ka deebisu,26waan tajaajiltooti tiyya dubbattee firaaga ergantoota tiyyaalle ka muummessu,Yerusaalemille'een, ‹Kolbaan deebitee si keessa hin leeti›,qachoota Yihuda'aatille'een,‹Deebitanee hin ijaaratan;bututa keessanille hin haaressa› ka jedhu,27abbaaya'aan, ‹Gogi;laga si keessaa hin gosa› ka jedhu,28Qiirosiin,‹Inni tissee kolbaa tiyyaa ti;inni fedha kiyya mara hin muummessa› ka jedhu,Yerusaalemiin, ‹Deebitee ijaarantuu ti› ka jedhu,Galma Waaqaatille'een,‹Hundeen isaa keyantuu ti› ka jedhu ana» jedha.