Isaayaasii Raagichaa43gax_twf

Waaqi Kolbaa Ifii Hin Woda

1Amma ammoo, ee Yaaqoob, ka si dade,ee Israa'el, ka si huje,Mootiin Waan Maraa,«Ani waan si wodeef hin sodaatin;ani maqa'aan si waameera, ati kiyya.2Yennaa ati bisaan keessa dabartuani si woliin hin jiraadha;yennaa ati laga gamatti buutubisaan si hin fudhatu;ibidda keessa yennaa ideentu hin gubattu;bobeenni ibiddaalle si hin gubu.3Ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti,Woyyichi Israa'eliifayyisaa keeti.Ani Gibxii wodoo teetiif,Itoophiya'aa fi Saabaa addee teeti hin kenna.4Ati na duratti gatii guddo'oo fiulfinna waan qadduuf,ani waan si jaaladhuufille addee teeti kolbaa,addee lubbuu teetii gosa biyya adda hin kenna.5Ani si woliin waan jiruuf hin sodaatin!Ani ijoollee teeti karaa aduun baatu irraa hin fida;karaa aduun seentulle'e isinwolitti hin qaba.6Ani biyya kaabaatiin, ‹Kolbaa tiyya fida'a!›Biyya kibbaatille'een,‹Isaan hin dhooggina'a!› hin jedha;ilmaan tiyya biyya fago'oo irraa,ijoollee tiyya ta durraa qaccee biyya lafaatii fida'a.7Kolbaa maqaa kiyyaan waamante mara,ta ani ulfinna kiyyaaf dadadhe,ta ani bifa itti tolchee huje fida'a!» hin jedha.

Israa'el Dhugaa Baatota Mootii Waan Maraa Ti

8Mootiin Waan Maraa, «Kolbaa tiyya ila adoo qadduu ta hin dhaggine,gurra adoo qadduu ta hin dhageenne fida'a.9Gosi biyya adda addaa marti wolitti qabantuu ti;kolbaan marti wolitti dachaatuu ti.Isaan keessaa duraan dursee tana ka nutti hime,waan dur te'eeru ka nutti lasse eennu?Worri dhibiin dhage'ee,‹Tun dhuga'a› akka jedhu,sirrii akka te'ane mirkaneessiisaaf,dhugaa baatota dhikeeffatanuu ti.
10«Isin beettanee,akka natti dhugeeffattanu,tana ka godhe ana Waaqa dhuga'aa akka te'eakka hubattanu,isin kolbaan Israa'elii,dhugaa baatota tiyya;tajaajilaan ani filadhelle isinuma;Anaan qara waaqi dhibiin hin jiru;anaan duuballe hin jiraatu.
11«Anumattuu Mootii Waan Maraa ti;ana malee fayyisaan dhibiin hin jiru.12Ani duraan dursee himeera;isin fayyiseera;isinitti dubbadheera;waaqoti ormaa odduu teessanittitana hin goone.Ani Waaqa akka te'eisin dhugaa baatota tiyya.13Ani duruuyyuu Waaqa;gara duraalle ka jiraatu anuma.Eennulle harka kiyya keessaa bawuu hin dande'u;waan ani huju eentu jijjiiruu dande'a?» jedhe.

Israa'el Baabilon Jalaa Baate

14Mootiin Waan Maraa ka isin wode, Woyyichi Israa'elii,«Ani marroo teessaniif jedheeloltoota tiyya Baabilonitti hin erga;karra qachaa Baabilonii mara hin caccassa;geerarsa worra Baabiloniille bowatti hin jijjiira.15Ani Mootiin Waan Maraa Woyyichi keessan,ka Israa'el dade,mootii keessan» jedha.16Mootiin Waan Maraa abbaayaa keessatti karaa,bisaan jabaa keessatti daandii ka baase,17garreettota fardo'oon harkifamuu fi fardoo,loltootaa fi gootota deebi'anee akka hin kaane,achumatti akka hafanu,akka bobe'a dhaamuu ka dhaanfe,18«Waan durii dedha'a;waan dabare hin yaadina'a.19Kunoo, ani waan haareya hin godha;isiin ammuma hin teeti;isin hin hubatanuu?Ani goomolee keessatti karaa,lafa godduu keessalle'etti bisaan hin baasa.20Ani kolbaa tiyya ta filadhe obaasiisaaf,goomolee keessatti bisaan,lafa godduu keessalle'ettilagi akka yaa'u waan godhuuf,bineensoti, jeedalli fi guchiinulfinna naaf hin kennan.21Kolbaan ani ifiif dadadhellena hin leellifatti» jedha.

Cubbuu Israa'elii

22Mootiin Waan Maraa, «Ee Yaaqoob, ati na hin waammanne;ee Israa'el, ati na tajaajiliisa dadhaddeerta.23Ciincaa naaf dhikeessiisaafhoolee naaf hin finne;ciincaa teetille'eenulfinna naaf hin kennine.Kennansa midhaanii akka naaf dhikeessitu,ani ba'aa si'itti hin teene;hixaana akka naaf aarsituufillesi hin dadhassiinne.24Beesee teetiin dakkara naaf hin binne;yookiin ciincaa coomaa teetille'eendharraa na hin baanne;ammoo cubbuu teetiin ba'aa natti teetee,yakkaa teetiin na dadhassiitte.25Ka ifumaaf jedhee,yakkaa teeti si irraa balleessu anuma;ani cubbuu teetideebi'ee si irratti hin laakkowu.
26«Waan si godhe himadhu me!Waan kana wol falmannuu ti;sirrii akka teete himi.27Abbaan keeti ka qaraa cubbuu hujeera;namooti si'iif dubbatanullena finqilaneeran.28Tanaaf ani qondaaltotaGalma keessaa hin salphisa;Yaaqoob ijjumaa balleessee,Israa'el hin qaanessa» jedha.