Isaayaasii Raagichaa41gax_twf

Waaqi Israa'el Hin Qarqaara

1Mootiin Waan Maraa,«Isin worri oddoola keessaa, na duratti cadhisa'a!Gosi biyya adda addaa jabeenna ifii haareffattee,gara kiyya dhikaattee dubbattuu ti;addee mura'aatitti wol dhagginuu ti.
2«Balchumma'aan akka tajaajiluuf,karaa aduun baatu irraakakkaasee ka isa waame eennu?Inni gosa biyya adda addaa dabarsee isatti kenne;moototi akka isaaf bitamanu godhe.Innille shallaagaa ifiitiin akka buku'uu isaan godhe;guubee ifiitille'eenakka qilleensa hicaacee haxowuuisaan bittinneesse.3Inni isaan ari'aa, rakkoo malee dabare;karaa miilli isaa qara irra ideemee hin beenne deeme.4Tun akka teetu ka godhee fi ka muummesse,Jalqabumaayyuu dhalooti martiakka jiraatanu ka godhe eennu?Ani Mootiin Waan Maraa ka dhaloota duraatii fidhaloota duubaa wolille'een jiru,ani isuma.
5«Kolbaan oddoolota keessa leetuwaan ani godhe kana dhaggitee sodaatte;worri qaccee biyya lafaa jirulle romme;isaan wolitti qabamanee gara kiyya dhufane.6Isaan marti wol hin qarqaaran;nami tokko nama kaaniin, ‹Jabaadhu!› hin jedha.7Nami hujii harkaa beekunama worqii baqisiisu hin jajjabeessa;ka burrisaan wol qixxeessu,ka boraatii irratti sibiila tumu jajjabeessa.Inni hujiin sibiila wolitti qassiisiisaatun, ‹Dansa'a› jedha;fakkiin sun akka hin jinneefmisimaaraan dhowa.
8«Ee Israa'el, tajaajilaa kiyya,Yaaqoobii ani filadhe,ati sanyii Abrahaamii jaala kiyyaa ti.9Ani qaccee biyya lafaatii si fide;biyya fago'oo irraa si waame;ani si'iin, ‹Ati tajaajilaa kiyya› jedhee,si filadhe malee, si hin ganne.10Ani si woliin waan jiruuf hin sodaatin!Ani Waaqa keeti waan te'eef hin rifatin!Ani si hin jabeessa; si hin qarqaara;harka kiyya middicha balchichaan ol si hin qaba.
11«Kunoo, worri sitti aare martinuuhin fokkifata; hin qaanowalle'e.Worri si irratti ka'uakka hin jirre te'anee hin badan.12Ati diinota keeti yoo barbaaddelle,isaan hin dhaggitu;worri si lolu akka waan hin jirree hin te'an.13Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keeti,ka harka keeti middicha qabee,‹Hin sodaatin; ani si qarqaara› jedhu.14Mootiin Waan Maraa keeti ka si wodu,Woyyichi Israa'elii,‹Ani waan si qarqaaruuf,ee Yaaqoobii dadhabaa akka corroqaa,Israa'elii kolbaa diqqoo tana, hin sodaatin› jedheera.15Kunoo, ani meya midhaan ittiin dhowanu,haareya qara qabuu fika ilkaan hedduu qabu si hin godha.Ati gaarota irra sirbitee hin butuchita;koobotalle akka hicaace'ee hin goota.16Ati isaan hin hafarsita;qilleensi isaan ol fudhata;bubbeelle isaan hin bittinneessiti.Ati ammoo Mootii Waan Maraatitti hin gammadda;Woyyicha Israa'eliitiin hin koorta.17Worri hiyyeeyyi'ii fi worri rakkataan,bisaan hin barbaadatan;ammoo hin dhaggatanu;arrabi isaanii dheebu'uun gogeera.Ani Mootiin Waan Maraa ammoodaadimata isaaniitiif deebii hin kenna;ani Waaqi Israa'elii isaan hin lakkisu.18Ani koobota godduu irraa lagi akka yaa'u;dhooqa keessaa maddi akka burqu hin godha.Goomolee gara baleessaa,lafa godduu gara maddaa hin deebisa.19Ani goomolee keessatti birbirsi,muki gololchaa, muki bisile'ee fi ejersiakka latanu hin godha.Gammoojjii keessalle'ettihindheensii fi muki hindheensa fakkaatuka adda addaa akka woliin dhaabamanu hin godha.20«Maarre kolbaan marti waan kana dhaggitee hin beetti; harki Mootii Waan Maraa tana akka godhee fi Woyyichi Israa'elii tana akka dade nami marti qalbeeffatee hin hubata» jedhe.

Mootiin Waan Maraa waaqota dharaa Hin Morma

21Mootiin Waan Maraa, mootichi Israa'elii, «Haajaa keessan dhikeeffadha'a! Falmii teessanille himadha'a!
22«Waan gara duraa te'uuf jiruakka nutti himanuuf,waaqota dharaa keessan as fida'a;nuuti akka qalbeeffannuuf,muummee isi'ii akka beennuuf,waan tanaan qara te'eeruyookiin waan gara duraa te'uuf jiru nutti hima'a.23Akka isin waaqota teetane akka beennuuf,me waan ammaa achi te'u nutti hima'a.Nuuti rifannee akka sodaannuuf,waan dansaa yookiin waan hantuu huja'a.24Isin womaayyuu moti;hujiin teessanille ijjumaa bu'aa hin qaddu;nami isin waaqonfatulle ka diqatame.
25«Ani kaaba irraa nama tokko kakkaaseera;innille hin dhufa;gara aduun baatuun ka dhufuka maqaa kiyya waammatu,Inni akkuma nami faara dhowubiyyee faaraa dhidhiitu,bulchitoota akka dhoqqe'ee hin dhidhiita.26Nuuti waan kana akka beennuuf,ka duraan dursee dubbate eennu?Nuuti, ‹Inni dhugaa jedhe› akka jennuufille,ka dur dubbateeru eennu?Eennulle hin dubbanne.Nami waan kana dubbate tokkolle hin jiru;jecha keessan ka dhage'e tokkolle hin jiru.27Duraan dursee Xiyooniin, ‹Ilaa, kunoo,isaan dhufiisatti jiran› jedhee ka hime ana;Yerusaalemille'eef ergamaa oduu gammadaa himuka erge ana.28Ani gara waaqota dharaa yennaa ilaalu,isaan keessaa gorsa ka kennu hin jiru;yennaa ani isaan gaafadhulleka deebii naaf kennu hin jiru.29Kunoo, waaqoti dharaa kun marti dhara;waan tokkolle godhuu hin dande'anu;fakkiin isaaniille qilleensa duwwa'a» jedha.