Isaayaasii Raagichaa40gax_twf

Jecha Addi'ii

1Waaqi keessan, «Jajjabeessa'a;kolbaa tiyya jajjabeessa'a!2Gadhi-laafumma'aanKolbaa Yerusaalemiititti dubbadha'aatii,itti lallaba'a;barri garbummaa isaanii dhumateera;gatii cubbuu ifii maraaf,harka Mootii Waan Maraa irraaadabbii dachaa lama fudhataneeran» jedha.
3Qoonqoon nama goomolee keessaa lallabu tokkoo,«Goomolee keessattikaraa Mootii Waan Maraa qopheessa'a;Gammoojjii keessattikaraa guddaa Waaqa keennaaf qajeelcha.4Dhooqi martinuu hin guutti;koobii fi gaarri martinuu hin diriiran.Latti bu'aa bayiin hin qajeelti.Latti kattattaan wol hin qixxootti.5Achiin duuba ulfinni Mootii Waan Maraa hin mudhata;Mootiin Waan Maraa ifumaafuu waan dubbateef,nami marti tana hin dhagga» hin jedha.
6Qoonqoon takka, «Iyyi» naan jette.Anille, «Maan jedhee iyya?» jedhee gaafadhe.Qoonqoon sun, «Nami marti akka marraa ti;ulfinni isaanii marti akka daraaraa diida keessaa ti.7Yennaa Mootiin Waan Maraa hafuura itti baafatu,marri hin qoora;daraaraalle hin harca'a;dhugumaan kolbaan akka marraa ti.8Marri hin qoora;daraaraalle hin harca'a;jechi Waaqa keennaa ammoo,haga bara baraa jabaatee le'a» jette.
9Ee isin worri Xiyoonitti oduu gammadaa hintanu,gaara dheera'atti ol baya'a.Ee isin worri Yerusaalemitti oduu gammadaa hintanu,qoonqoo teessan ol-qabadha'aatii iyya'a;qoonqoo teessan ol qabadha'a, hin sodaatina'a!Qachoota Yihuda'aatiin,«Waaqi keessan kunoo ti!» jedha'a.
10Kunoo, Goottaan Mootiin Waan Maraa,hunnaan hin dhufa;irree ifiitille'een hin bulcha.Kunoo, gatiin inni kennu,harka isaa jirti;waan kaffalu ifi duraa qaba.11Inni akka tisse'ee, hoolee ifii hin tissa;inni akka ilmoolee hoole'eeharka ifiitiin wolitti qabaa, habbaarata;haadhotii ilmoole'ee malaan sooressa.

Ka Waaqaan Wol Qixxowu Eennu

12Bisaan ooboo harka ifiitiin ka safare,yookiin ol-gubbaa taakkuu ifiitiin ka mike eennu?Yookiin eentu biyyee kollonjo'otti naqee fixuu dande'a?Eentu gaarotaa fi koobota madaala irra keyuu dande'a?13Eentu qalbii Mootii Waan Maraa hubatee,isatti gorsee isa barsiisuu dande'e?14Beekkumsa dhaggatiisaaf,Mootiin Waan Maraa eennu gorsa gaafate?Karaa qajeelaa eentu isa barsiise?Eentu beekkumsa isa barsiise?Yookiin eentu daandii hubatiisaa isatti mudhise?
15Gosi biyya adda addaatuuakka copha bisaanii ka sakkeelloo keessaa ti;isaan akka bukuu madaala irraa ti;kunoo, inni oddoolota akka bukuun kaatu hin kaasa.16Muki Libaanon keessaaibidda addee ciinca'aatiif hin gewu;bineensoti achi keessaalleciinca'aaf hin geyanu.17Gosi biyya adda addaaisa duratti womaa moti;isaan isa durattiwaan tokkolle'etti hin laakkowamanu.
18Waaqa eennuun wol fakkeessitan?Yookiin fakkii tamiin wol fakkeessitan?19Waaqa dharaa, nama hujii harkaa beekutti boca;nami worqii baqisiisu worqii itti gonfa;haachaba meeti'iille itti seesa.20Nami deegi kennansa akkasii kenniisaaf hin dandeenne,muka dafee hin hurroonne filata.Fakkii hin jinne dhaabbatiisaaf,ogeessa nama hujii harkaa beeku barbaadata.
21Isin hin beennee ree?Isin hin dhageennee?Durii jalqabeeisinitti hin himannee?Biyyi lafaa haga dadanteeisin hin hubannee ree?22Inni biyya lafaatiin gubbaabarcumaa mootummaa ifii irraa tee'a;kolbaan biyya lafaa isa duratti akka korophiisaa ti;Inni ol-gubbaa akka golla'aa hin diriirsa;akka dunkaanii keessa le'anuulle hin dhaaba.23Inni qondaaltota akka womaa hin te'initti,bulchitoota biyya lafaalle akka hin jirree godha.24Isaan akka biqiltuureefuu dhaabanteetii fi akka midhaan reefuu facaafamee,adoo hiddi isaanii hin qabatin,inni hafuura itti baafannaan goddeetii fiakka hicaacee hobonbolattiin haxoottee ti.25Waaqi Woyyichi, «Ana eennuun wol fakkeessitan?Ka na woliin wol qixxe'ee eennu?» jedha.26Ol jedha'aatii gara ol-gubba'aa ilaala'a;urjoota tana mara eentu dade?Inni akka loltootaa tokko tokkoon gad baasaaisaan laakkowaa,maqaa maqa'aan isaan mara waama;inni hunna guddo'oo fijabeenna guddaa waan qabuufisaan keessaa tokkolle hin badu.27Ee Yaaqoob, ee Israa'el,«Karaan kiyya Mootii Waan Maraa duraa dhokateera;Waaqi haajaa kiyya naaf hin ilaalle»jettee maaf gungunta?28Ati hin beennee? Ati hin dhageennee?Mootiin Waan Maraa Waaqa bara baraa ti;biyya lafaa duudii ka dade isa;Inni ijjumaa hin dadhabu yookiin hin laafu;eennulle hubantii isaa qorqoree bira gewuu hin dande'u.29Inni worra laafeefjabeenna hin kenna;worra dadhabeef hunna hin ede'a.30Ijoolleen hin dadhaddi; hin laattille'e;dargaggootille gufattee hin jiddi.31Worri Mootii Waan Maraa addatu ammoo,hunna ifii hin haareffatan.Isaan akka risa'aa koolaan hin ka'an;hin rukkisan; hin laafanu; hin ideeman; hin dadhabanu.