Muraa Yerusaalemii Fi Yihudaa Irratti Dhufu'uu Jirtu
1Kunoo, Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dande'u, waan isaaniif barbaachisu mara, sagale'ee fi bisaanille, Yerusaalemii fi Yihudaa duraa hin balleessa;2jannootaa fi loltoota isaanii, abbootii isaanii ta mura'aatii fi raagota isaanii, worra isaaniif moruu fi jaarsolee isaanii,3ajajaa shantamaatii fi worra ulfinna qabu ka isaanii, gorsitootaa fi beekkicha hujii harkaa ka isaanii, morticha qaricha isaan duraa hin balleessa.4Dargaggooti akka isaan sooressanu, ijoolleen akka isaan bulchanu hin godha.5Kolbaan wol hin cunqursiti; nami nama irratti, ollaan ollaa irratti, dargaggooti jaarsolee irratti, nami tuffatamaan nama ulfinna qabu irratti hin ka'a.6Yennaa san nami tokko obboleessa ifii, ka mana abbaa ifii keessa jiru tokko qabee, «Ati woyaa waan qadduuf, sooressa nuuf te'i; itti gaafatamummaa tuulaa diigante tanaalle fudhadhu» hin jedha.7Guyyaa san ammoo inni qoonqoo ol qabatee, «Ani sagalee yookiin woyaa mana kiyya keessaa waan hin qanneef, isin qarqaaruu hin dande'u; sooressa na hin godhina'a» hin jedha.8Yerusaalemii fi Yihudaan dubbii ifiitii fi hujii ifiitiin Mootii Waan Maraa mormanee, ulfinna isaa waan batteessaneef, Yerusaalem jigiisaaf hin tintinti; Yihudaalle hin jiga.9Akka isaan yakkaameyyii te'ane, fuulli isaaniituu dhugaa isaan irratti hin baya; isaan akka worra Sodoomii cubbuu ifii lallaban; hin dhoffatanulle'e; isaan badii waan ifitti fidaneef, isaaniif aanne'e.10Balchooti gatii hujii ifii waan dhaggatanuuf, wonni dansaan akka isaaniif te'u'uuf jirtu, itti hima'a.11Yakkaameyyiin gatii hujii ifii waan dhaggatanuuf isaaniif aanne'e! Badiin isaan irratti hin dhutti.12Dargaggooti kolbaa tiyya cunqursiti; dubartooti isaan bulchiti. Kolbaa tiyya! Sooressitooti teessan isin dokonkorsiti; daandii irralle'ee isin gorsiti.Mootiin Waan Maraa Kolbaa Ifiititti Hin mura
13Mootiin Waan Maraa barcumaa ifii ka mura'aa irra te'eera; kolbaa ifiititti muriisaaf ka'eera.14Inni jaarsolee kolbaa ifiitii fi sooreyyii kolbaa ifii mura'atti dhikeessee, «Isin oorruu woyni'ii tiyya saantaneertan; wonni isin hiyyeeyyii irraa saantane mana keessan jira.15Kolbaa tiyya butuchiis keessan, fuula worra hiyyeeyyi'ii shankalleessiis keessan kun maaniif?» jedha.Ifi Eeggachiisa Dubartoota Yerusaalemiitiif Kenname
16Mootiin Waan Maraa, «Ijoolleen durraa ta Xiyoonii kooraneeran; morma toganee, ilaan qiphifataa, ideensaan sassaqaa gumee miilaa qilillisiisaa deeman.17Tanaaf ani Mootiin Waan Maraa, mataa ijoollee durraa Xiyooniititti sanqee hin buusa; mataa isaanii irraa sossa» jedha.18Guyyaa san Mootiin Waan Maraa gumee isaan miila ifiititti keyatanu, faaya mataa isaaniitii fi faaya morma isaanii,19qubee gurra isaanii, irmuura isaanii, woyaa fuulatti hagooggatanu,20marata mata'aa, irmuura isaanii, hanfalaa isaanii, bilqaadii fiqire'ee, qudhaama isaanii,21qubee quba isaaniitii fi qubee funnaan isaanii,22woyaa jilaa, woyaa isaan keessaan uffatanu, geellaa isaanii, subba harkatti qabatanu,23daaw'itii isaanii, woyaa isaanii ta quncee talba'aa irraa hujante, seesa mata'aatii fi fooxaa isaanii isaan irraa hin fuudha.24Addee foolee fiqire'ee, fooleen ajoottu, addee hanfala'aa wodaroon, addee rifeensa mata'aa, sanqeen, addee woyaa dansa'aa, woyaan gaddaa, addee dansumma'aa, gadaannis isaanitti hin te'a!25Namooti keeti shallaaga'aan, loltooti teetille lola keessatti hin dhumatan.26Bowaa fi gaddi Karra Xiyoonii biratti hin te'a; Xiyoon akka dubartii waan mara dhaddee gadditee lafa irra teettuu hin teeti.