Isaayaasii Raagichaa27gax_twf
1Yennaa san Mootiin Waan Maraa shallaagaa ifii ka sodaachisu, ka qara qabuu fi jaba'aan, dhudhuufaa gugatu, dhudhuufaa mammarataa hin adaba; bineensa naacha fakkaatu,ka «Lewaataan» jedhamulle hin ijjeesa.2Yennaa san Mootiin Waan Maraa «Fichaa muka woyni'ii dansa'aaf faarsa'a.3Ani Mootiin Waan Maraa fichaa san hin eega; yennaa mara bisaan hin obaasa; nami tokkolle akka hin miine halkanii fi guyyaa isa hin eega.4Ani haganaa achi fichaa muka woyni'ii sanitti hin aaru; qore'ee fi qumi'uuduu yoo baaselle ani itti duulee, ibiddaan gubee ijjumaa hin balleessa.5«Yookiin gara kiyya baqatanuu ti; na wolille'een nageyaan le'anuu ti; ee, na woliin nageyaan le'anuu ti» hin jedha.6Baroota dhufutti sanyiin Yaaqoobii hidda hin yaafatti; kolbaan Israa'elii quunxitee daraartee, biyya lafaa duudii midhaaniin hin guutti.7Mootiin Waan Maraa akka diinota Israa'elii dhowe, kolbaa Israa'elii hin dhoonne. Akka diinota isaanii ijjeese kolbaa Israa'elii hin ijjeenne.8Inni akka booji'amanu godhee isaan adabe; akkuma qilleensi gubu gara aduun baatuu, waanuma dhagge fuudhee deemu, innille akkasuma hafuura ifii ka sodaachisu isaanitti baafattee, isaan ari'e.9Kolbaan Israa'elii dhakoota addee ciinca'aa ka waaqota dharaa, akka dhakaa boore'ee yennaa caccassanee butuchane, utuboota waaqa dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuu, addee ciinca'aa ta hixaana itti aarsanulle yennaa balleessane, yakkaa ifiitiif araara hin dhaggatan.10Qachaan dalleya dhaka'aa diigamee, akka goomole'ee hin ona; jabbiin achi keessa hin dheeddi; achi keessa ciittee baala dameele'ee dheeddee hin fixxi.11Dameen mukaa yennaa goddu, hin caccaddi; dubartooti dhuttee qoraan hin caffatti. Kolbaan tun hubantii waan hin qanneef, ka isaan Dade isaaniif hin nayu; isaanille'eef hin mararu.12Guyyaa san Mootiin Waan Maraa kolbaa ifii Israa'eloota laga Efraaxiisii irraa jalqabee, haga meessaa biyya Gibxi'iititti tokko tokkoon wolitti hin qaba. Inni akka nama midhaan hicaacee irraa adda baasuu worra dhibii irraa adda isaan hin baasa.13Guyyaa san tultullaan guddaan hin afuufama; worri biyya Asooriititti badanee fi worri gara biyya Gibxi'ii booji'ame gara biyya ifii deebi'ee, gaara woyyicha irratti Yerusaalem keessatti Mootii Waan Maraa hin waaqonfatan.