Raaga Marroo Xiiroosii
1Raagi marroo qachaa Xiiroosii asii gad jira; Qachaan Xiiroosii diigamee, manaa fi addee buufataa malee waan hafeef, Ee hoboloota gugurdoo Tarshiishii bowa'a! Oduun tun biyya Qophiroosii irraa dhutte.2Isin kolbaan oddoola leetanuu fi daldaltooti Sidoonii ka worra hobolo'oon abbaayaa irra deddeemiisaan duroontane cadhisa'a.3Midhaan dhooqa Nayilii Abbaayaa gugurdoo irra Xiiroosiif hin dhufaayyu; kunille galii isi'ii guddoo waan te'eef, Xiiroos dikkoo daldala gosa biyya adda addaa ti.4Ee Sidoon qachaa kushee Abbaaya'aa fokkifadhu; sababille abbaayaan dubbatee, «Ani hin ciniinsifanne; hin deennelle'e; ijoollee dhiiraatii fi ijoollee durraalle hin guddifanne» jette.5Xiiroos akka diigante worri Gibxi'ii yennaa dhage'e, nayanee hin romman.6Ee isin kolbaa oddoola leetanu, gara Tarshiishii gamatti bu'a'aatii wiiccifadha'aa bowa'a.7Kun qachaa keessan ka durii, qachaa gammadaa, ka namooti achi keessaa gara biyya fago'oo qubatiisaaf dhaqanee motii?8Qachaa Xiiroosii ka dur ulfinna namaaf kennu, ka daldaltooti isaa akka ilmaan moototaa, ka worri meya isaa gurgurulle biyya lafaa irratti ulfinna qabu karoora kana eentu isa irratti baase?9Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, koora worra qachaa Xiiroosii ka ulfinna qabuu salphisiisaaf, namoota isaa ka biyya lafaa irratti ulfinna qabanu mara gad qabiisaaf, karoora kana baase.10Ee kolbaa Tarshiishii, isin haganaa achi addee buufata hobolo'oo waan hin qabaanneef, akka laga Nayilii lafa teessan irra yaa'a'a.11Mootiin Waan Maraa harka ifii abbaayaa irra diriirsee, mootummoota isi'ii rommisiiseera; dalleya dhaka'aa ka Kana'aaniille akka diigamuuf ajajeera.12Inni, «Ee qachaa Sidoonii, ati waan diiganteef, haganaa achi hin gammaddu; gara biyya Qophiroosii gamatti buutulle, foora hin dhaggattu» jedheera.13Kunoo lafa Baabilonii ilaala'a; kolbaan isi'ii kolbaa bu'aa hin qanne teeteerti. Worri Asoorii xelleephoo itti ijaaratanee, dalleya dhaka'aa ka qachaa sanii diiganee, lafa bineensi le'u godhane.14Ee isin worri hoboloota gugurdoo Tarshiishiitiin yaatanu, qachaan keessan ka dalleya dhaka'aa waan diigameef, wiiccifadha'aa bowa'a.15Yennaa san qachaan Xiiroosii bara jiruu mootii tokkoo, woggaa torbaatama hin dedhama. Woggaa torbaatamaan duuba ammoo, sirba dubartii sagaagaltitti'ii keessatti,16«Ee dubartii sagaagaltittii dedhante, kiraara guddicha keeti fudhadhuutii qachaa keessa ideemi; akka si qaabatanuuf kiraara keeti guddicha akka dansaa dhowadhuutii, sirba bacaa sirbi» ta jedhante qachaa Xiiroosii irratti hin teeti.17Woggaa torbaatamaan duuba Mootiin Waan Maraa Xiiroos hin yaadata; isiin sagaagala ifii ka qaraatitti deebitee, daldala ifiitiin mootota biyya lafaa duudii woliin hin sagaagalti.18Bu'aan isi'iitii fi wonni isiin dhaggattu duudiin ammoo, ka Mootii Waan Maraatiif adda baafame te'a malee, wolitti qabamee hin kuufamu; worri Mootii Waan Maraa tajaajiliisaaf fuula isaa dura dhaabbatu sagalee baca'aa fi woyaa dansaa ittiin bitatan.