1Ergaan marroo Dhooqa mudhi'ii ta asii gad jirtu: Isin maan teetanee, marti keessan heellichoo manaa gubba'atti ol baatane?2Ee qachaa caancaan guutame, ee qachaa hoga'aa fi caaqaa, kolbaan teeti shallaaga'aan hin ijjeefanne yookiin lola keessatti hin duune.3Sooressitooti teeti duudiin adduma tokko baqatane; isaan diina ifiititti guubee takkaalle adoo gad hin lakkisin booji'amane; diinni fagoo adoo jiruu isin worri baqattane martinuu adduma tokko qabantane.4Tanaaf ani, «Badii kolbaa tiyyaatiif, wiiccifadhee hin bowaa na irraa fagaadha'a; na jajjabeessiisaafille hin wodhaanina'a» jedhe.5Goottaan, Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dande'u dhooqa mudhi'ii keessatti guyyaa raafama, dhiitamaa fi bararaqa fidu qaba; guyyaa san dalleenni dhaka'aa hin jijjiga; kolbaalle gara koobaa hin iyyiti.6Loltooti Elaamii garreettaa fardaan harkifamu, fardoo irra tee'anuu fi korojoo daayaa qopheessite; loltooti Qiirii wontee qopheeffatte.7Dhooqi teeti dadansaan garreettaa fardaan harkifamuun guutante; abbootiin fardaa karra qachaa keetii dura dhaabbatte.8Dalleenni Yihudaan itti gollattu jige. Guyyaa san isin gara meya woraanaa ka mana mootumma'aa ka gongomaa Libaanonii keessaa ilaaltane.9Dalleya qachaa Daawitii ka caccabe hedduu dhaggitane; bisaan baleessa gadii keessaa kuufattane.10Isin manoota qachaa Yerusaalemii keessa jiranu laakkottane; dalleya qacha'aalle jabeessiisaaf manoota diiddane.11Bisaan baleessa durii addee itti kuufamu dalleya lamaan wodhakka'atti ijaarrattane. Isin ammoo gara Waaqa tana hujee hin ilaalle; ka dur karoora baasee hujelle'eef ulfinna hin kennine.12Guyyaa san Goottaan, Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dande'u boottanee, wiiccifatanee mataa haadattanee, woyaa gaddaallee akka uffattanuuf isin waame.13Isin ammoo gammaddanee ilillittanee, sangootaa fi hoolee qalattanee, foon nyaataa, daadhii woyni'iille unaa, «Boru waan duunuuf, kowa'a adha nyaannee, unna» woliin jettane.14Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade natti dubbatee, «Dhugumaan yakkaa tanaan duutan malee, araara hin dhaggattanu» jedhe; Goottaan, Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dande'u tana dubbateera.
Waaqi Shebnaa Ifi Eeggachiise
15Goottaan, Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dande'u, «Gara Shebnaa itti gaafatamaa mana mootumma'aa dhaqiitii,16‹Ati asii maan hujja? Asitti addee awwaalaa akka qopheeffattu, kooba irratti addee awwaala akka bocattu, addee reeffi keeti itti foorfatu rassaa keessatti akka qopheeffattu, eentu si'iif eeyyame?17Ee nama jaba'a! Mootiin Waan Maraa jabeessee si qabee, fugussee si qolaansu'uu jira.18Inni akka kubba'aa si maree, gara biyya badho'oo si hin qolaansa; ati achitti hin duuta; garreettoti keeti ka fardaan harkifamanu ka ulfinnaa achitti hin hafan; atille mana goottaa keetiitiif salphinna hin teeta.19Inni addee teeti irraa gad si hin buusa; baallii teeti irralle'ee si hin kaasa› jedhiin.20«Guyyaa san ani Mootiin Waan Maraa tajaajilaa kiyya ilma Hiliiya'aa Eliyaaqim hin waama.21Ani woyaa ulfinnaa teeti isatti hin uffisa; hiituu teetille isatti hin hidha; baallii teeti dabarsee isaaf hin kenna. Inni worra qachaa Yerusaalemii keessa le'uuf, mana Yihuda'aatiifille abbaa hin te'a.22Furtuu mana Daawitii isaaf hin kenna; ka inni banu nami tokkolle cufuu hin dande'u; ka inni cufu nami tokkolle banuu hin dande'u.23Addee addachiittu'utti akka shikaala'aa jabeessee isa hin dongora; inni mana abbaa ifiitiif barcumaa mootumma'aa ka ulfinnaa hin te'a.24«Ulfinni maatii isaa duudiin ijoolleen, ijoolleen ijoollee isaanii, meen didiqqaan mana keessaa, sini'ii jalqabee haga waaba'aatitti isatti hin fannifaman.25Guyyaa san Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, ‹Togaan addee addachiittu'utti jabaatee dongorame sun buqqa'ee caccabee hin jiga; wonni isatti fannifame marti hin baddi› jedha» jedhe.