Ergaa Marroo Biyya Gibxi'iitii Fi Biyya Itoophiya'aa
1Bara ajajaan loltootaa Sargon mootii Asooriitiin ergamee, biyya Ashidoodii lolee qabate,2yennaa san Mootiin Waan Maraa ilma Amosii Isaayaasitti dubbatee, «Dhaqiitii woyaa gaddaa teeti ifi irraa, kophee teetille miila keeti irraa baafadhu» jedhe; innille akkuma ajajame godhee, woyaa ifi irraa baafatee miila duwwaa ideeme.3Achiin duuba Mootiin Waan Maraa, «Beessisaa fi ifi eeggachiisiisa biyya Gibxi'iitii fi Itoophiya'aa, tajaajilaan kiyya Isaayaas qullaa ifiitii fi kophee miila ifii baafatee woggaa sad akkuma ideeme,4akkasuma mootiin biyya Asoorii worra Gibxi'ii qabatee, worra Itoophiya'aabooji'ee, dargaggootaa fi jaarsolee qullaa isaanii, kophee miila isaanii irraa baasee, hudduu qullaa isaan oofee hin ideema; maarre worri Gibxi'ii hin qaanowa.5Worri Itoophiya'attiaddatee fi worri Gibxi'iin koore, hin sodaata; hin qaanowalle'e.6Guyyaa san worri qarqara Abbaaya'aale'u, ‹Kunoo, worri nuuti mootii biyya Asoorii jalaa akka nu baasanuuf addannee, qarqaarsaaf itti baqanne eega akkas te'e, nuuti attamiin isa jalaa baana ree?› hin jedhan» jedhe.