Isaayaasii Raagichaa2gax_twf

Nageya Bara baraa

1Ilmi Amosii Isaayaas marroo Yihuda'aatii fi Yerusaalemii waan asii gad jiru dhagge.2Bara muumme'eetittigaarri Galmi Waaqaa irra jiru,gaarota mara hin caalaa;koobota mara caalaa ol hin ka'a.Gosi biyya adda addaa martigara isaa hin yaati;3kolbaan hedduun dhuttee,«Xiyoon keessaa seerri,Yerusaalem keessaalle'eejechi Mootii Waan Maraa waan bayuuf,karaa ifii akka inni nu barsiisuuf,nuutille daandii isaa irra akka ideennuuf,kowa'a gara gaara Mootii Waan Maraa,gara Galma Waaqa Yaaqoobiiol baanaa!» hin jetti.
4Inni gosa biyya adda addaa oddu'uttimuraa kennee,wolii gala dhaba kolbaa heddu'uullehin balleessa.Isaan shallaagaa ifii tumanee qottoo,eboo ifiille haantuu hin godhatan;gosi biyya adda addaashallaaga'aan wolitti hin kaatu;isaan deebi'anee lola hin baratanu.5Ee, sanyii Yaaqoobiikowa'a, ifa Mootii Waan Maraa keessa deddeebina!

Guyyaa Mootii Waan Maraa

6Ee Mootii Waan Maraa, ati kolbaa teeti sanyii Yaaqoobii lakkitteerta; isaan moruu worra gara aduun baatuutiin guutamanee, akka worra Filisxeemotaa moran; orma woliin harka dhowan.7Latti isaanii meeti'ii fi worqi'iin guutanteerti; karri isaanii haga hin qaddu; lafa isaanii keessa fardoon guutteerti; garreettaan isaanii ka fardaan harkifamu haga hin qabu.8Latti isaanii waaqota dharaatiin guutanteerti; isaan waanuma harka ifiitiin hujanetti sagadan.9Maarre, sanyiin namaa gad jetteerti; nami marti qaanoweera; Waaqa, isaaniif hin araaramin!10Aarii Mootii Waan Maraatii fi hunnaa isaa guddoo duraa gara rassa'aa dhaqa'aatii, lafa keessatti dhokadha'a.11Ilti nama kooruu lafa hin ilaalti; worri ifi saadu hin salphata; guyyaa san Mootii Waan Maraa qofatti ulfinnaan ol ol jedha.12Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, worra kooruu fi ifi saadu irratti,13hindheensa dhedheeraa Libaanoniitii fi qilxaa Baashaanii mara irratti,14gaarota dhedheera'aa fi koobota ol kaate mara irratti,15xelleephoo dhedheertu'uu fi dalleya dhaka'aa mara irratti,16hoboloota gugurdoo Tarshiishiitii fi hoboloota mimmidhaaddu mara irratti guyyaa dhufu qaba.17Ifi saaduun namaa hin baddi; koorri namaalle hin hafa; guyyaa san Mootii Waan Maraa qofatti ulfinnaan ol ol jedha.18Waaqoti dharaa ijjumaa hin badan.19Yennaa Mootiin Waan Maraa biyya lafaa tachoosiisaaf ka'u, namooti aarii isaatii fi hunna isaa guddoo duraa gara goda rassa'aatii fi boolla lafaa hin baqatan.20Guyyaa san namooti waaqota dharaa waaqonfatiisaaf, meeti'ii fi worqii irraa ka hujatane tuqa'aa fi cirrichoo duratti hin gatan.21Yennaa Mootiin Waan Maraa biyya lafaa tachoosiisaaf ka'u, namooti aarii isaatii fi hunna isaa guddoo duraa goda rassa'aatii fi dho'a rassa'aa keessa hin seenan.22Nama du'u ka hafuurri isaa funnaanirra jirutti hin addatina'a; inni bu'aa hin qabu.